Namoonni 'Waaqayyoo' waliin haasa'uuf AI fayyadamaa jiru

Fakkii namaafi harka namaa

Madda suuraa, Prashanti Aswan

Indiyaafi guutummaa addunyaarratti namoonni waaqeffannaa amantaafi qajeelfama hafuuraa argachuuf gara AI kaayyoo kanaaf tolfameetti deebiyaa jiru.

Yeroo maashinoonni haaraan qaamolee dhimma hafuuraa keenya gidduu galan maaltu ta'a?

Vijaay Meel barataa umuriin isaa ganna 25 Raajastaan, Indiyaa jiraatudha.

Barataan kun gaaffiifi qormaanni jireenya ammayyaa yeroo isa mudatu gara Waaqayyootti garagala. Kanaan dura yeroo isa barbaachisutti geggeessitoota hafuuraa mariisisaa ture. Dhiheenya kana ammoo GitaGPT gaafata.

GitaGPT'n hubannoo nam-tolchee (AI) kitaaba qulqulluu waaqa Indiyaa Krishna kan luqaasii keewwata 700 qabu Bhagavad Gita irratti chaatbootii leenji'eedha.

AI'n waaqa tokko waliin ergaa barreeffamaa akka ergitu sitti himuu baannaan GitaGPT haasawa barreeffamaa kamiyyuu kan hiriyyaa kee waliin gootu fakkaata.

"Qormaata baankii kiyya qulqulleffachuu yeroon dadhabetti, baayyee dhiphadheen ture," jedha Meel.

Haata'u malee, GitaGPT irra deemuun rakkoo keessoo isaa tokko tokkoon barreessuun AI akka isa gorsuuf gaafate.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

"Waan gooturratti xiyyeeffadhu malee bu'aan isaa maal ta'a jettee dhiphachuu dhiisi," jedhe GitaGPT.

"Wanti kun jecha ani quba hin qabne ta'ee miti, garuu yeroo sanatti ani nama akkas naan jedhun barbaadan ture," jedh aMeel. Wantan jedhame kun deebiyee yaada naanneffadhee akkan guutummaatti qophaa'uuf na gargaareera. Yeroo sanaa kaasee, GitaGPT akka hiriyaa garii tokkootti ilaallatu waan ta'eef torbanitti takkaa ykn lama waliin haasa'a.

Waaqoliin roobootii ta'an kunneen dubbatanii deemu. Dhugaa dubbachuuf akkan argetti miira addaati, haata'u malee namoota baayyeef Waaqadha. Hojii lubni warra Hinduu [puja] hojjetu tokko hojjetu, fakii nama qulqulluu ykn waaqoliis ni argatu – Holii Waalters.

AI akkamitti akka hojjennu, barannuufi jaallannu bifa qabsiisaa jira. Akkasumas akkamitti akka kadhannus jijjiiraa jira. Waaqeffattoonni amantaalee gurguddoo guutummaa addunyaarra jiran chaatboot [chatbots] kana shaakalaa jiru.

Haata'u malee, amantaan Hinduu [Hinduism] waaqoliifi fakiiwwan waaqolii waan qabatamaa mul'atuun bakka bu'an simachuu keessatti aadaa dheeraa qabuun, walitti hidhaminsa amantaa fi tekinooloojii kanaaf addatti agarsiistuu gaariidha.

AI yeroo jireenya dhala namaa kamiyyu tuqaa jiru kanatti, Indiyaan addatti karaa maashinoota odeessan kanaatiin uumaa waliin dubbachuun maal akka ta'e waan agarsiistu ni qabaatti.

"Namoonni hawwaasarra, maanguddootarraa, manneen sagadaarraa ykn manneen qulqulummaarraa akka addaan ba'anitti itti dhaga'ama.

Namoota baayyeetiif, waa'ee waaqayyoo AI waliin dubbachuun jireenya hafuuraa qofa osoo hin taane karaa ittiin gara of ta'uutti deemanidha," jedha Antiroopolojistiifi barsiisaan Kollejjii Weelsilii Ameerikaa kan Eeshiyaa Kibbaatti qorataan dhimmoota meeshaaleen qulqulluu, imala hajjii fi sirna waaqeffannaa waliin walqabatan qoratu Holii Waalters.

AI amantaa keessa seenuun waan oolu miti kan jedhu Waalters, "ammallee ta'aa waan jiruuf ani [amantaa keessa seenuun AI] waan hin ooledhan jedha.

Waaqa caalu waloo: Artiifishaal Intelejensii?

Waggoota muraasa darban keessa amantaaleen baayyeen AI irratti shaakalaa turan.

Bara 2023tti, appiin AI Text With Jesus jedhamu, waan AItiin mul'atu Yesusii fi namoota macaafa qulqulluu keessatti beekaman biroo wajjin haasa'uu waan hayyameef arrabsoo amantaa hordofsise ture.

Baruma kana keessa, appiin QuranGPT gaaffilee akka deebisuufi qajeelfama akka kennuuf barreeffama qulqulluu Musliimaa irratti hundaa'uun qophaa'e tiraafikaa baay'ee argachuun jalqabamee guyyaa tokko keessatti yarate jedhameera.

Koppii AI Konfishiyaas, hayyuu ti'ooloojii Jarmanii Maartiin Luuter fi tarree namoota hafuuraa biroo yeroo hunda guddachaa jiran waliin haasa'uu dandeessu. Kan akka waldaa Way of the Future, garee injinarii duraanii Google Anthony Levandowskiin jalqabe, kan waaqa "sammuu namtolchee irratti hundaa'e" guddisuu fi dhugoomsuu abdatu AIn amantiiwwan guutuufillee bu'uura ta'ee jira.

Chaatbootiin amantii caaffata qulqulluu irratti leenji'anii dirqamaan luqqaasiiwwan caqasuu danda'u, garuu isaanis burjaajiiwwaniifi hanqina AI biroo wajjin wal fakkaatu qabu.

Haata'u malee, adda ta'uun waaqeffannaa Hinduu qorannoo haalaa addatti hawwataa ta'e isa taasisa.

Duudhaa yeroo hunda qulqulluun bifa qaamaadi qabatamaa ta'e qabu keessatti, teknooloojiin meeshaa biraa waaqoliin jireenya guyyaa guyyaa keessatti ittiin mul'atu ta'uu danda'a jedhu Waalters fi kanneen biroo.

Fakkeenyi kanaa tokko "murtis" ta'a Kun siidaa qulqulluu fi fakkiiwwan waaqolii anniisaa waaqummaa akka qabaatan kan amanamaniifi yeroo baayyee waaqolii ofii isaanii akka of keessaa qaban hubatamanidha.

Wantonni kunneen yeroo baay'ee sirna amantii keessatti giddugaleessa kan ta'an yoo ta'u, "puja" – dhiyeessii mantraa (faarfannaa) nyaata, daraaraa, ixaanaa fi ifaan kan murtis dhiyaachuu danda'u waliin ta'u – akkasumas "darshan" – gocha meeshaalee fi namoota waaqaatiin arguu fi mul'achuu.

"Wanti oduu irratti mul'atu, Krishnas roobootii ykn chaatbootii, yeroo baayyee akka waan haaraa miidhagaa ta'etti ilaalama. Garuu yeroo kanatti haaraa ta'uurraa fagoodha," jedha Waalters.

ChatGPT fi AIn waa uumu [generative ] yeroo guddatu, abbootiin qabeenyaa, waaqeffattootaa fi jaallattoota teeknooloojii hedduun chaatobootii barsiisa waaqolii Hinduu adda addaa waliin kallattiin wal qunnamsiisu ijaaruuf kaka'umsa argatan – AI dachaa dabalatee hundi isaanii GitaGPT jedhaman.

Vikas Sahu, barataan biizinasii Rajasthan, Indiyaairraa, GitaGPT isaa akka pirojektii biraa dabalataa tokkootti hojjete.

Jalqaba suuta jedhee eege, garuu tajaajilli kun guyyoota muraasa keessatti fayyadamtoota kuma 100 guddaa akka argate Sahu ni dubbata.

Ergasii as hojiin kun babal'atee barreeffamoota Hinduu biroo irratti hundaa'uun waaqolii biroo koppii AI 'f chaatiibootii uumeef.

Saahu "gara barsiisa waaqolii fi maqaa waaqoliin dubartootaa [Hindu]u hundaatti jijjiiruuf" abdii qaba jedha. Pirojektichaaf maallaqa kennuu hordofuuf MBA isaa walakkeessatti akka addaan kute dubbata.

Dargaggeessa ganna 23 kan ta'e Tanmaii Shireez, Niiwu Delii, Idiyaa keessaa IT irratti hojjeta.

Chaatboot biraa kan Bhagavad Gita irratti hundaa'e fayyadama, kunis fayyadamtoota kallattiin Krishna waliin wal qunnamsiisa jedha. Shereez akka jedhutti, AIn addunyaa saffisa adda ta'een jijjiiramaa jirtu keessatti waan tasgabbaa'aa ta'e dhiyeessa.

]"Yeroo tokko tokko waa'ee dhimma amantii ykn dhimma jiraachuufi jiraachuu dhabuu ta'e nama waliin haasa'an argachuun rakkisaadha," jedha Shereez.

"AI kan namatti hin murteessine/hin farrajne ta'ee argachuun danda'amuufi deebii yaadamee kennamu qabudha.

Fakkii dubartii

Madda suuraa, Prashanti Aswani

Kirishnaa fi Shivaa qofa miti namoonni wal'aansa amantii AI argatan. Waltajjii AI irratti Chatacter.AI, chaatobootii barsiisa Bhagavan Sri Ramana Maharshi, ogeessa beekamaa fi nama qulqulluu Indiyaa jalqaba Jaarraa 20ffaa irraa eegalee irratti hundaa'e, walqunnamtii gara 35,000 argee jira.

Amma dhaabbileen hafuuraa gurguddoon jijjiirama kana fudhachaa jiru. Jalqaba bara 2025tti, Sadhguru, hayyuu Indiyaa beekamaa fi hundeessaan Isha Foundation, appii xiinxala "Miracle of Mind" jedhamu kan amaloota AI hedduu of keessaa qabu jalqabe.

"Ogummaa durii haala ammayyaatiin dhiyeessuuf AI fayyadamaa jirra. Appii kana kan sammuu qabu gochuu qofa osoo hin taane, muuxannoo sana caalaatti dhuunfaa fi dhugaa taasisuudha," jedha hogganaan qabiyyee, monoksummaa fi tola-ooltuu yeroo guutuu Isha Foundation Siwaamii Harshaa.

"Qabiyyeen guutummaa appii kanaa barsiisa Sadhguru waggoota 35 irraa kan qophaa'e yoo ta'u, ergaa sirrii namni tokko guyyaa sana barbaachisuu danda'utti kan calalame ta'eera." Appichi erga eebbifamee sa'aatii 15 qofa keessatti buufachuun miliyoona tokko qaxxaamuree jira jedhameera.

Bara 2025 Mahaa Kumbih Melaa, hajjii Indiyaatti qophaa'ee fi yeroo baay'ee walga'ii amantii guddaa addunyaa jedhamee eeramu, Kumbh Sah'AI'yak (Kumbh Helper) – chaatboot afaanota hedduu dubbatu kan qajeelfama imalaafi bakka buufatan ilaalchisee gargaaru dabalatee kaayyoo adda addaatiif AI of keessaa qabudha. Garuu meeshaaleen interneetii irratti hundaa'anis waaqeffattoonni sirna amantii fagoodhaa akka hirmaatan gargaaraniiru.

Giddugalli Muuxannoo Dijiitaalaa Mahakumbh jedhamus kan hundeeffame yoo ta'u, wantota verchuwaal ta'e fi dhugaa jirutti fakkeeffame (virtual and augmented reality) daawwattoota garasitti imalan akka isaanii imala afuuraa kan guutummaa qalbiin keessa galan, akkasumas seenaa sheekkoo durii gara waan amma ta'aa jirutti akka taasisutti hojiirra ooleera.

Waaqeffattoonni deemsa kana hojjetan firoota isaaniif viidiyoodhaan bilbilanii akka isaan gargaaran dijitaal darshan (virtual visits) hajjii Maha Kumbh Mela irratti akka hirmaatan taasisan.

Gariin isaaniillee fakkeenyaan bishaan qulqulluu Triveni Sangam keessatti interneetii irratti of cuuphaniiru. Kaffaltii tokko malee tajaajila "dijitaal sana (bath)" irratti hirmaachuu dandeessu; kun ammoo bakka namni dhaabbataa ta'e tokko suuraa kee bishaan keessa cuuphee viidiyoodhaan hordoftuun ta'a.

AI qorannoo hafuuraa fi akaadaamiitiifis gargaaraa jira. Qorannoon bara 2022 irraa eegalee barreeffama Bhagavad Gita fi Upanishds, walitti qabama macaafa qulqulluu Hinduu durii walbira qabuuf moodeela afaanii guddaa fayyadameera.

Barreeffamoota lamaan keessatti waan mari'ataman gidduutti walfakkeenya giddu galeessaa %73 kan mul'ise yoo ta'u, kunis qorannoo hayyoota Hinduu kanneen macaafa kana karaa aadaa caalaa qoratan mirkaneessa.

Barreessitoonni kunneen akka jedhanitti, xiinxalli AI gosa kanaa mata-dureewwan addaa ykn dhokataa ta'an kanneen dubbisa harkaatiin hin mul'anne mul'isuu danda'a, akkasumas hubannoo haaraa barreeffamoota qulqulluu banachuu danda'a.

Balaan jirus isa kandha – meeshaaleen kun akka sagalee waaqaatti yeroo fudhataman, jechoonni isaanii ulfaatina waan qabaachuu qaban irra fagoo ta'uu danda'u – Hoolii Waaltars.

Akka Waalters jedhutti, AI dheerina karaa amantiin Hinduummaa fi teeknooloojiin duraan walitti makaman qofa.

Fakkeenyi tokko sirna Hinduu "aarti" irraa kan madde yoo ta'u, waaqeffattoonni murtis dura sochii geengoo sirbaatiin ibsaa zayitaa irraa ifa kan dhiyeessan yoo ta'u, yeroo faaruu fi faaruu dubbisanidha.

Ayyaana Ganpati bara 2017 irratti qindeessitoonni harka roobootii fayyadamuun waaqa Hinduu Ganesha jedhamuuf aarti raawwataniiru.

Meeshaalee murti fi puja roobootii gatii xiqqaadhaan hojjetamanillee bituudhaan ofumaan sirna mana keessan keessatti raawwachuu dandeessu.

Fakkeenyaaf, Manni Qulqullummaa Irinjadappilly Sri Krishna kan kibba Indiyaa kutaa biyyaa Keralaa keessatti argamu, saree roobootii Irinjadapilly Raman jedhamu qaba. "Akkuma arbi mana qulqullummaa lubbuun jiru sirna raawwatu, aarsaa fudhata, eebbas kenna," jedha Waalters.

Achiis Mana Qulqullummaa Ulfina Indiyaa Delhiitti argamu, qaama Waldaa Idil-addunyaa Dammaqiinsa Krishnaa (ISKON), kan waggoota kudhaniin dura guutummaatti animatronic mutris jalqabeeti.

"Waaqoliin roobootii kun ni haasa'u, ni socho'u. Waanan arge irraa xiqqoo waan ajaa'ibaati, dhugaa dubbachuuf, garuu namoota baay'eedhaaf, Waaqayyodha. Pujaa ni hojjetu, darshan ni argatu," jedha Walters.

Amala waaqaa kan hin taane

Jaarraa hedduuf hawaasni amantii luboota, hayyootaa fi geggeessitoota hafuuraa biroo irratti kan hordofan ta'uu dubatu Yunivarsiitii Oksifoorditti qorataan naamusa ti'ooloojii fi sammuu namtolchee qoratan Liindon Diraak.

Garuu "AI chaatboot dhuguma sadarkaa geggeessitoota amantii mormuu danda'u", jedha Diraak, karaa haaraa macaafa qulqulluu waliin walqunnamsiisuu fi amantii namootaa karaa dhokataa isaanillee hin beekneen dhiibbaa gochuudhaan.

Chaatbootiin amantii macaafa qulqulluu irratti leenji'anii dirqamaan caqasoota caqasuu danda'u, garuu isaanis hallucinations ajaa'ibaa fi hanqina AI biroo wajjin wal fakkaatu qabu. Yeroo tokko, GitaGPT sagalee Krishnaan, "dharma eeguuf jecha ajjeesuun sirrii dha" jedheera, jedha Sahu.

AI'n biroo naannoo Bhagavad Gita irratti mul'atan labsii walfakkaatu kan dabarsan yoo ta'u, miidiyaa hawaasaa irratti qeeqa guddaa kaaseera jedha Sahuun.

"Hangam hamaa akka ta'e hubadhee AI sirreessuu fi deebii akkasii eeguuttin ce'e," jedha.

"Chaatbootiin amma haala baayyee fooyya'aa keessa jira, qajeelfama sirrii ta'e kennuu danda'uu isaa irrattis ofitti amanamummaa qaba."

Bara 2024tti gareen wangeelaa Catholic Answers jedhamu luba chaatboot Abbaa Jastiin sararaan ala fudhachuuf fiigaa ture.

Kun ammoo erga AI luba dhugaa sirna waaqeffannaa raawwachuufi daa'ima cuubuu danda'u ta'uu fayyadamtootatti himameeti.

Gareen kun yeroo muraasa booda AI kana toora interneetii irratti deebisee, garuu jecha "Abbaa" jedhu maqaa isaa keessaa baasuun uffata luboota avatar isaa irraa baasuun chatbot kana "defrocked" godhe.

"Rakkoon addaa omisha amantii gargaarsa hin qabne fakkeenya rakkoo bal'aa sirna AI tilmaamamuu danda'u, naamusaan qophaa'e ijaaruudha," jedha Diraak.

Diraak chaatbot amantii ni fudhata garuu hojiirra oolmaa isaanii irratti yaaddoo qaba. Wantonni dijitaalaa ta'an yeroo baayyee fayyadamtootaaf odeeffannoo ifa ta'ee fi loogii hin qabne kenna kan jedhurratti shakkiin ni jira.

Diraak akka jedhutti Chaatbootiin AI yaada warra uumanii calaqqisiisu. "Chaatbootiin AI akkaataa itti leenjifameerratti hundaa'uun ni looga. Kanaaf, barreeffamoota amantiitti hiikni kennamu jallacbuu danda'a."

Biyyoota warra akka Indiyaa keessatti balaan AI amantii biyyattii keessatti qoqqoodinsa dijitaalaa guddaa ta'een guddachuu mala.

Fayyadamtoota dandeettii teeknooloojii murtaa'aa ta'e qabaniif, chaatbootiin caaffata qulqulluu caqasu akka algorizimii koodii ta'etti osoo hin taane akka sagalee dhugaa waaqummaatti ilaalamuu danda'a jedha Waalters.

"Balaan jiru namoonni waan chaatbootiin kun jedhan amanuu qofa osoo hin taane, ejensii gaaffii keessa galchu akka qaban hubachuu dhiisuu danda'u," jedhu.

"Balaan jiru kanadha – appiin kun akka sagalee waaqaatti yeroo fudhataman, jechoonni isaanii ulfaatina qabaachuu qaban caalaa fagoo ta'uu danda'u."

Bu'aan isaa maaliyyuu yoo ta'e, faayidaa namoonni dhimma itti bahan tokko tokko argachaa jiran kan haalu hin jiru.

"Namni tokko yeroo baayyee mana qulqullummaa daawwatellee, luba tokko waliin haasawa gadi fagoo keessa seenuun baay'ee hin mul'atu," jedhu Meel.

"Kanaaf, chaatbootiin akkasii kunneen meeshaa harkatti baadhatan kanarraa qajeelfama caaffata qulqulluun deeggarameen dhiyeessuudhaan qaawwa kana dhiphisu."