Madinummaa koronaavaayirasii: Namni tokko lammata qabamuu danda'aa?

Koronaavaayirasii

Madda suuraa, Getty Images

Yeroo ammaa addunyaa weeraree kan jiru koronaavaayirasiin walqabatee lammata deebi'ee nama qabaa? namoonni tokko tokko kaanirra maaliif dhibamu? Yeroo hunda waqtii gannaa eegee dhufaa?

Talaalliin isaa ni hojjetaa? Ragaa madinummaa qaamaa ''immunity passport'' yoo arganne hojiitti deebi'uu dandeenyaa? Vaayirasii kana yeroo dheeraaf akkamiin to'achuu dandeenya? gaaffileen jedhan ka'uu danda'u.

Hunda caalaa waa'een dandeettii dhibee ofirraa qolachuu yookiin madinummaa qaamaa gaaffii ijoo ta'ee kan ka'uudha.

Rakkoon guddaan garuu dhimma kanarratti hubannaan addunyaa muraasa.

Qaamni keenya dhibee COVID 19 akkamiin ofirraa loluu danda'a?

Madinummaan qaamaa dandeettii qaamni keenya dhibee ofirraa loluuf qabu yoo ta'u inni gosa lama qaba.

Kan jalqabaa akkuma miidhaa alaa irra ga'een kan miira loluu agarsiisuun dhibee sana qolatu yoo ta'u kunis keemikaalota hatattamaan facaasuu fi seelota dhiiga adiitti fayyadamuun dhibee ofirraa loluu hammata.

Garuu sirni madinummaa akkasii kun addatti koronaavaayirasii kan lolu miti. Vaayirasicha adda baasee deebii hatattamaa kan kennuu danda'u miti.

Yeroo akkasii madinummaa vaayirasicharratti xiyyeeffatee haleelutu qaama keenyaaf barbaachisa. Kan vaayirasicha hubatee qaama keenyarra qolatu ''Adaptive immune response'' baraachisa.

Yookiin ammoo madinummaa qaamaa kan seelota qaamaa vaayirasichaan hubaman lolu ''Cellular response'' nu barbaachisa.

Qaamni keenya madinummaa gosa kanaa uummachuuf yeroo dheeraa itti fudhata-akka saayintistoonni jedhanitti madinummaa koronaavaayirasirratti xiyyeeffatee haleelu uummachuuf akkasumas namni dhibame tokko dandamatee dandeettii dhibee ofirraa ittisuu uummachuuf guyyoota 10 itti fudhata.

Madinummaan qaamaa hagam tura?

Madinummaa qaama namaa dhibee tokko akkaan kan yaadatu yoo ta'u kanneen biroo gara qaama keenyaatti seenan ammoo guutummaatti dagata.

Fakkeenyaaf madinummaan qaama keenyaa gifiraa sirriitti yaadata. Dhibeewwan biroo ammoo ni dagata.

Gosi koronaavaayirasii haaraa Sars-CoV-2 jedhamu erga mul'atee yeroo dheeraa waan hin turreef madinummaan qaamaa vaayirasicha qolatu hagam akka turu baruun hin danda'amne.

Maatiiwwan koronaavaayirasii kanneen biroon ja'an garuu waan akeekan qabu.

Afran isaanii mallattoo qufaa waan agarsiisaniif madinummaan qaamaa yeroo gabaabaaf tura. Qorannoon akka ibsutti namni tokko waggaa tokko keessatti si'a lama qabamuu danda'a.

Garuu qufaan mallattoo salphaadha. Gostoonni koronaavaayiras akkaan rakkisoo ta'an Sars fi Mers kanneen jedhamaniif ammoo madinummaa qaamaa argachuun yeroo dheeraa fudhata.

''Gaffiin guddaan madinummaa qaamaa horachuu miti, madinummaan qaamaa hagam turaadha'' jedhan yuuniversitii East Anglia jedhamutti Pirofeesara Birkii Barnootaa Madiisinii kan ta'an Paul Hunter.

Madinummaan qaamaa kun barabaraan kan turu mitis jedhan.

"Akkaataa qorannoo vaayirasii Sars irratti gaggeeffameen madinummaan qaamaa waggaa tokkoo hanga lamaa qofa kan turuudha. Vaayirasii kanneen biroof garuu ammallee adda ba'ee hin baramne.''

Sababii yeroon madinummaa qaamaa gabaabbateef dhibeen tokko deebi'ee nama qabuu danda'a, garuu akka isa jalqabaa hammaataa ta'uu dhiisuu mala.

Madinummaan qorannoo talaallii irratti dhiibbaa qaba

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Madinummaan qorannoo talaallii irratti dhiibbaa qaba

Namni tokko lammata qabamuu danda'aa?

Namoonni irra deddeebiin koronaavaayirasiin qabamuusaanii gabaasonni mul'isan ba'aa turan.

Namoonni tokko tokko namni yeroo lama akka qabamuu danda'u yaada kennu, kaan ammoo vaayirasichi waan qaama keessa riphee tureef malee lammata nama qabee miti jedhu.

Hanga ammaatti namni madinummaasaa ijaarrachuuf jedhee ta'e jedhee lammata qabame hin jiru.

Gosoonni qamalee ''rhesus macaque monkey'' jedhaman garuu kana godhaniiru

Jalqaba madinummaa qaamaa isaanii ijaarrachuuf qabaman, lammaffaa ammoo akka qaamni isaa vaayirasicha ofirraa ittisuu danda'u ilaaluuf torbee sadi booda qabaman.

Yaaliin kun akka agarsiisutti yeroo lammata qabaman mallattoo akka duraa hin agarsiisne.

Seelii farra dhukkuboota qabaachuun madinummaa qaamaa qabna jechuudhaa?

Kana amanuun rakkisaadha. Kanaafidha, Dhaabbati Fayyaa Addunyaa biyyoonni uggura sochii keessaa ba'uuf ragaa madinummaa qaamaa fayyadamuusaaniirratti kan sodaa qabu ibseef.

Yaadichi silaa yoo madinummaa qaamaa qabaatte gara hojiitti deebi'uu dandeessaadha.

Garuu madinummaan barbaachisu kan koronaavaayiras irratti qiyaafatee lolu ta'uu qaba.

Chaayinaatti qorannoo namoota koronaavaayirasiin qabaman 175 irratti gaggeeffameen dhibbeentaa 30 kan ta'an madinummaa qaamaa gadi bu'aa agarsiisaniiru.

Madinummaan maaliif dhimma ijoo ta'e?

Kun qaamni fayyaa qabu hundi kan qabaachuu qabuudha. Dhibee Covid-19 irra deddeebiin qabamuu fi dhiisuu keef kan murteessu madinummaa qaama keeti.

Dhibeen kun namatti hammaachuu fi dhiisuun isaa madinummaa qaamni keenya qaburratti hundaa'a.

Yoo qaamni madinummaa qabaate salphaatti nama hin hubu.

Yoo maalummaa madinummaa qaamaa hubanne uggura sochii uummataa kaasuufillee hin rakkannu.

Madinummaa qaamaa yeroo dheeraaf turu uummachuu baay'ee cima, kunimmoo talaalliin akka dafee hin argamne godha.

Koroonaavaayiras
Sarara diimaa