Lola Tigiraay: 'Tigraayiitti baatiiwwan lamaan darbaniitti miidhaan dirqiin gudeeduu 108 gabaafame'

Dubartii naannoo Tigraay

Madda suuraa, Getty Images

Komishiiniin Morgoota Namoomaa Itoophiyaa ibsa har'a baaseen, Tigraayiitti baatiiwwan lamaan darban keessaa miidhaan dirqiin gudeeduu 108 gabaafamuu ibse.

Komishiniichi ragaa ogeessoota wallaansaa Maqaleetti argamaniifi biiroolee fayyaa bulchiinsa yeroo irraa argateen baatiiwwan lamaan darbanii keessatti qofa hospitaalaa Maqaleetti 52, Hospitaala Ayidaritti 27, Hospitaala Adigiraatitti 22, Hospitaala Wuqirootti torba, waliigalatti miidhaan dirqiin gudeedamuu 108 dhaabbilee fayyaatiif gabaasa taasifamaniiru.

"Bakkeewwan tokko tokkottis dhaabbileen akka buufata fayyaafi poolisiin kanneen namoonni miidhaa irra gahee itti gabaasan diigamuusaanitiin walqabatee kanneen gabaasa taasifaman ammaafi miidhaa qaqabee sirriin kan hinmul'ifneefi miidhaa saalaa qaqabee kana caalaa ta'uu akka danda'u ni tilmaama,'' jechuun miidhaa qaqabee eereera Komishiniichi.

Ministirri Dubartoota, Daa'immaniifi Dargaggootaa Itoophiyaa Aadde Filsan Abdullaahii Taaksifoorsii Ministeerichaa naannoo Tigiraay keessatti hojjetu irraa gabaasni nu qaqqabeera jechuun, shakkii tokko malee dirqiin gudeeduun naannicha keessatti raawachuu fuula tiwiitera isheerratti barreesiteetti.

Taaksifoorsiin kun garee namoota waajira abbaa alangaa irraa dabalate kan jettu Aadde Filsan, yeroo ammaa kana lakkoofsaan meeqa akka ta'e qoratamaa jiraachuu himti. "Yakki fokkuu akkasii kun akka qortamu eegaa jirra. Warri yakka raawwatanis seeratti yeroo dhiyaatan ni argina jennee abdanna," jette.

Dhorkaan sa'aatii naannichatti kaa'ame ammoo namoonni halkan deeggarsa wallaansaa barbaadan gara buufataalee fayyaa akka hindeemneef danqaa akka ta'e Komishinichi ogeessoota fayyaa waabeefachuun ibseera.

Daa'iman miidhaan irra gahe

Komishinichi daa'imman sababii waraanaatiin jeequumsi sammuu mudate arguu himeera.

Daa'imman 20 hospitaala Ayidaritti kutaa daa'immanii keessatti dhiphinni sammuu olaanaafi naasuudhaan cisanii wallaanaman keessaa 16 isaanii sababii waraanichaatiin kanneen miidhaan irra gahee akka ta'an Komishinichi ibseera.

Daa'imman hospitaalichatti wallaanamaa jiran keessaa kanneen harkasaaniifi ijasaanii dhaban, kanneen mataa, garaafi lafee isaanii irra miidhaan qaqabee akka argaman himeera.

Komishinichi Biiroo Fayyaa Naannoo Tigraay eeruun, "Sababii lolaatiin buufataalee fayyaa baadiyaatti argaman tajaajila waan dhaabaniifi Maqalee dabalatee bakkeewwan biraatti wallaansa argachuuf rakkinni geejjibaa waan jiruuf namoonni miidhaman du'aa akka jiraniifi miidhaan qaamaa olaanaan gahaa jira,'' jedhe.

Haala ragaa hospitaala Ayidarirraa argameetti, keessattuu miidhaa daa'imman irra gaheef sababii inni tokko balaa fanjiiwwan dirree irratti gatamaniifi kanneen awaalamaniiti.

Daa'imman umurii garaagaraa irratti argaman dubbisuun haala ragaa Komishinichi argateetti, kanneen maatiin isaanii eessa akka jiran hinbeekneefi kan rasaasaan miidhaan irra gahee jiraachuu ibseera.

Daa'imman rasaasa akka tasaatiin rukutamuun lubbuunsaanii darbee keessaa daa'imti waggaa afurii kan kutaa dhukkubsatoonni hordoffii cimaa keessatti wallaanaman keessa guyyaa afuriif turee booda du'e tokko ni argama.

''Gama miidhaa dubartootaafi daa'imman irratti raawwatamu ilaalatuun mootummaan xiyyeeffannaan addaa kennamee kanneen balleessaa raawwatan itti-gaafatamtoota taasisuun, kanneen miidhaan irra gaheef deeggarsi barbaachisu kennamuuf barbaachisa,'' jedheera ibsi komichinichaa kun.

Haala nageenyaa

Miseensonni poolisii idilee guutummaan guutuutti hojiitti waan hin galleef, akkasumas meeshaaleen nagaa eegsisuudhaaf barbaachisan guutamuu dhabuu isaatiin naannichatti saamichiifi miidhaa saalaa dabalatee yakkawwan gara garaa sadarkaa ol-aanaatiin akka dabale ibsi Komishinichaa eereera.

"Lakkoofsi humnoota nageenyaa Federaalaa naannichatti argamu fedhii naannicha keessatti nagaa eegsisuudhaaf barbaachisu waliin walbira qabamee yeroo ilaalamu gadi aanaa ta'uunsaa seera kabachiisuufi hojii nageenya mirkaneessuu rakkisaa taasiseera," jedha ibsichi.

Naannicha keessatti bakka gara garaatti lolli waan hin dhaabbanneef sochiin idilee guyyaa guyyaan taasifamu akka danqamaniifi shaqaxawwan bu'uuraa sirnaan dhiyaataa akka hin jirres ibsameera.

Kana waliin walqabatees, caasaan bulchiinsa duraanii diigamuu isaa hordofee hidhamtoonni manneen hidhaa 10 keessa jiran akka bahaniifi dokumentoonni raga hidhamtootaa qabatanis akka manca'an bulchiinsa yeroo naannichaa eeruun Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa ibseera.

"Keessattuu hojii warra yakka gurguddaa raawwatan deebisanii sassaabuun to'annoo jala oolchuu baayyee rakkisaa taasiseera."

Dhaabbileen tajaajila kennan

Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa addatti dhaabbileen tajaajila fayyaa irra miidhaan ga'uu isaa ibseera.

Ambulaansonni hedduun isaanii Biiroo Fayyaa naannichaa jala akka taaneefi ambulaansiin waan hin jiraanneef gargaarsa wallaansa fayyaa atattamaa kennuun waan hin danda'amneef lubbuun akka badu dabalee ibseera.

"Naannicha keessatti tajaajila fayyaa bakkatti deebisuu rakkisaa kan ta'eef, keessumaa Lixa-kaaba Tigiraay, Tigiraay Bahaafi Tigiraay Giddu-galeessaatti dhaabbileen fayyaa hangi ta'an bulchiinsa yeroo jala ta'uu dhabuun isaanii rakkoo uumera.

Kanarraa ka'uunis, rakkoo abbummaarraan kan ka'een miindaa, qorichaafi humna namaa seeraan dhiyeessuudhaaf hin danda'amne," jeda ibsi Komishinichaa.

Dhaabbileen fayyaa Maqaleefi Addii Gudam bir-qabaan haala foyyaa'aarra jiraatanillee, dhaabbileen fayyaa Aduwaa, Aksumiifi Shiree keessa kan jiran miidhaan akka irra gahe ibsameera.

Dabalataanis, ogeessonni fayyaa naanoowwan kanneen jiran gargaarsa atattamaaf kan saaxilaman yommuu ta'u, qe'ee isaaniirraa buqqa'anii miindaa ykn maallaqa isaanii sochoosuu waan hin dandeenyeef wantota jireenyaaf barbaachisan bu'uuraa akka dhaban ibsi kun ni mul'isa.

Baqattootaafi buqqaatoota

Kaampiiwwan afur naannoo Tigraay keessatti argaman keessaa baqattootaa lammiilee Ertiraa kaampiiwwan lama (Shimalbaa fi Hitsisti) keessatti argaman akka bittinaa'aniifi kaampichis barbadaa'u komishinichi himeera.

Lolichaan dura Kaampii dahannoo Shimlbaa keessatti baqattoonni 8,500 kan argaman yoo ta'u, lolichaan booda kanneen tilmaamaan kuma shan ta'an gara Shiraaroofi Shireetti yoo bittinaa'an, kanneen hafan 3500 fedhiifi fedhii isaanitiin ala bakkeewwan garaa garaatti imalu Komishinichi ibse.

Akkasumas buufata baqattootaa Hisisti keessas tilmaamaan baqattoonni 13,000 ta'an kan jiran yoo ta'u, lolichaan booda kanneen kuma saddeet ta'an gara magaaloota Shireefi Shiraarootti yoo bittinaa'an, ''baayyeen isaanis haala dahannoofi dhiyeessiitiiwwan bu'uuraa argachu hindandeenyee irra jiraachu ragaan komishinichi argatee ni mul'isa,'' jedheera.

Akkasumas manneen barnootaa baqattoonni keessatti dahatan saddeet irra imaluun ragaa argateen, tajaajjiilli bu'uuraa dhiyaachaa jiru gadaanaa ta'usaa mirkanneefachuu Komishinichi dabaluun hime.