Sagalee bilbilaa jiraattoota Qiraaqir lolli Tigraay jalqabuu beeksifte

Madda suuraa, EDUARDO SOTERAS
Gaafa Sadaasa 4, 2020 magaalaa daangaa Tigraayiifi Amahaaraatti argamtutti bilbilli haadha warraa sodaatte tokkorraa poolisiitti bilbilame mallattoo lola Tigraay dhiigatti geeddaramee taatetti.
Muddama ji’ootaa mootummaa federaalaa fi humnoota TPLF duraanii booda haleellaa TPLF waraana kaabaa irratti raawwatetu lola kanaaf sababa battalaa tahe.
Haleellaan jalqabaa gidduugala Goondar, aanaa Tsegadee magaalaa Qiraaqiritti adeemsifame.
Malooti quunnamtii naannichaa guutummaan waan adda citeef waa’ee lolichaa torbanoota muraasaaf odeeffannoo walabaa argachuun rakkisaa ture.
Yeroo malooti quunnamtiin gariin deebi’an, Mudde keessa BBC’n jiraattotatti haasa’ee odeeffannoo maddeen jalqabaarraa akkatti lolichi babal’ate hubateera.
Humnooti nageenyaa Kiraakir ‘waamichi bilbila tokkoo sochii Humnoota Addaa Tigraay akka beeknu nu taasise jedhan.
Waamicha bilbilaa hatattamaa
Aanaan Tsegadee naannoo Amhaaraa gidduugala godina Goondaritti argama. Kiraakir immoo naannolee lameen kana gidduutti argamti.
Akka jiraattonni magaalattii jedhanitti humnooti addaa naannolee lameenii yeroo gabaabaaf dhihoo magaalattii buufatanii turan. Gaafa Onkololeesa 24 gareen lameen kunniin waliitti dhukaasan.
Inspeektarri gargaaraa Ashabbir Sisaay hogganaa waajira poolisii Niguus Katamaa, aanaa Tsegedeetti waggaa 15f hoojjeteera.
Boodarra maatiisaa Tsegadee naannoo Amhaaraa jirtutti geesse, achittis poolisii qorataa tahuun hojiisaa jalqabee, maatiinsaas Kiraakiritti qubachiise.
Maatiinasa walakkaa achuma Tigraay waan jiraniif haati warraasaa obboleettishee akka malee dhukkubsatte gaafachuu Onkololeessa keessa deemti.
Gaafa Onkololeessa 24,2013 dhukaasa halkan naannoo sa’aa shanitti jalqabeen kaampii waraanaa naannoo isheen turterraa sagalee dhukaasaa gurguddaa fi hin eegamnetu dhagahama ture. Battalumaaan abbaa warraasheetti bilbiltee beeksifte.
‘’Kaampii waraanaa as jirutti lolli jalqabeera. Daanshaa illee dhukaasni akka jiru dhageenyeerra. Maaloo of eeggadhu,’’ jechuun abbaa warraashee Inspeektar Ashabbiritti himti.
Akka Ashabbir jedhutti bilbilashee kanatu jiraattota magaalaa Kiraakiriif waraanni dhufaa akka jiru mallattoo kan kenne.
‘’Yeruma sana bulchaa godina giddugala Goondariifi Koomishinarii poolisii Naannoo Amhaaraaf bilbileen isaan beeksise, ‘’ jedhu Inspeektar Ashabbir yeroo BBCtti himan.
Barbaacha mirkanaaf taasifame
Bulchaan aanaa Tsegadee Getaachaw Mulugeetaa waa’ee lola kanaa yeroo dhagahu odeeffannoo dabalataa argachuun mirkaneessuu barbaade.
Ajajaa Mekaanaayiizd Diviiziyoonii 5ffaa, Birgaadeer Jeneraal Mulaalam Admaasuu’tti bilbiluun dubbichi dhugaa tahuu halkan walakkaa dura mirkaneessan.
‘’Dubbiin dalga deemaa jira. Haleelamuu waan dandeessaniif. Ofirraa ittisaa,’’ jechuun jenerraalli kuni akka tarkaanfii yeroo eeggate taasisan itti himan.
Waayilootisaa ollaa hunda jiran hanga humni biraa dhiyeenyarraa dhufuutti dammaqanii haleellaa kana akka ofiirraa ittisan ajaja kenne.
Inspeektariin olaanaa aanaa Tsegeedee Jembaruu bilbilli haadha warraa Inspeektar Ashabbir irraa dhufe dursanii akeekkachiisa akka kennaniifi, humnoota isaanii akka bobbaasan nu gargaare jedhan.
‘’Otoo haati warraa waa’ila keenyaa hin bilbille tahee waan addaatu taha ture,’’ jechuun BBCtti himan.
Waraana Kiraakiraa qabachuuf taasifame
Halkan qixxee Kiraakir iddoo tokkotti dhukaasni dhalate, kuni egaa jalqaba waraanaa jabaa magaalattii qabachuuf taasifame dha.
Ajajaan Humna Addaa Amhaaraa Maannaalany Warqee waraanni inni guddaan halkan sa’atii sagalitti magaalatti irraa xiqqoo baheeti jalqabe jedhu.
‘’Sa’atii 9:30tti iddoo haleellaan jiruurraa sagalee saree duttuu dhageenye. Akka gara keenya dhufaa jiran barre,’’ kana booda humnoota isaanii bobbaasuu jalqabuu himu.
Hogganaan bobbaasa poolisii aanaa Tsegedee Waganeew lolichi sa’atii afuriif itti fufee ture jedha.
‘’Isaan lolaaf sirriitti qophaa’anillee, nuti iddoolee murteessoo tahan qabannee ofirraa faccisuu dandeenyeerra,’’ jedha.
‘’Kiraakir teessuma murteessaa waan qabduuf, dursinee qabachuun meeshaalee waraanaa galchuun lolicha to’achuu barbaanne,’’ jedha.
Humnooti naannoo, humoota ollaatiin deeggaramuun ‘bishaaniifi mishaan malee’’ sa’atii afuriif loluun magaalattiin akka hin to’atamne taasisuu yaalan.
Dhumarratti waraana federaalaa irraa gargaarsa argachuun guutummaan guutuutti to’achuu danda’aniiru.
Jireenyi iddoo duraatti deebi’e
Guyyaa itti aanutti loltoonni Kiraakiraa waraana federaalaa waliin tahuun magalaa Katamaa Niguus to’atan, achiin gara iddoo itti aanutti itti fufan.
Yeroo lolli mootummaa federaalaafi humnoota TPLF dhukaasa ishee jalqabaan booda itti fufus Kiraakir’tti garuu jireenyi iddoo duraatti deebi’e.
Miidhaan haleellaa yeroo jalqabaan qaqqabe baayyee guddaa hin jedhamu.
Qondaaloti naannichaa bilbila yeroo jalqabaaf bilbilamee isaan dammaqse sanaaf galata qabu. Of qopheessanii eeguuf waan yeroo isaaniif kenniteef.














