Hoogganaan Sagantaa Nyaataa Addunyaa Maqaleerraa deeggarsa raabsu eegalle jedhan

Deeviid Beezleey hoogganaa Sagantaa Nyaataa Addunyaa

Madda suuraa, SOULEYMANE AG ANARA

Dhaabbanni Nyaataa Addunyaafi mootummaan Itoophiyaa naannoo Tigraay keessatti deeggarsa dhiyeessuuf waliigalteerra gahan.

Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Daayireektarri Sagantaa Nyaataa Addunyaa Deeviid Beeziliiy dhaabni isaan Naannoo Tigraay keessatti namoota deeggarsa namoomaa fedhaniif deeggarsa gochuuf mootummaa Itoophiyaa waliin waliigaluu himan.

''Tigraay keessa namni miiliyoona sadii ta'u deeggarsa atattamaa nuti kenninuuf fedha. Yeroon qisaasnu hin jiru'' jechuun tiwiitara isaanii gubbaatti barreessaniiru hojii deeggarsaa kanaaf Tigraay kan jiran hoogganaan kun.Mankuusaa Sagantaan Nyaataa Addunyaa Magaala Maqalee keessaa qabu keessaa viidiyoo of waraabaniinis namoota miiliyoona 1.3 ta'an deeggaruuf deeggarsi nyaataa meetriik Tooniin 20,000 raabsamuu eegaluu himan.

Oduudhuma walfakkaatuun MM Itoophiyaa Abiy Ahimad barreeffama Piroojeekt Sindikeet irratti barreefama guyyaa lama dura maxxanfameen Tigraay fi guutuu biyyattiitti dararaa namootarra gahu hanqisuun dhimma dursa kennaniif ta'uu ibsan.

Mootummoonni Gamtoomanii fi dhaabbileen gargaarsaa idila addunyaa Tigraayitti namoota deeggarsa barbaadaniif deeggarsa dhiyeessuuf akka isaan waliin hojjetaniis waamicha dhiyeessan. MM Abiy barreefama isaanii kanaan naannoo Tigraay keessatti deeggarsa namoomaa dhiyeessuufi naannichatti jireenyi gara idileetti akka deebi'u ''halakanii fi guyyaa'' hojjechaa jirras jedhan.

Kominikeeshiniin ta'e jedhamee humnoota TPLF'n adda akka citu godhamuun deeggarsa namoomaa dhiyeessuutti danqaa uumuufi bulchiinsa isaaniittis qormaata ta'uu kataban.

Hawaasni idila addunyaa naannicha deebisanii ijaaruu keessatti deeggarsa jabaa gochuu danda'qus jedhaniiru.

''Haalli Naannoo Tigraay jiru yaachisaadha''

Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii naannoo Tigraay keessatti lola dhalateen walqabatee namootni miiliyoona 4.5 ta'an deeggarsi namoomaa ariifachiisaan isaan feesisa jechuun gabaasee ture. Komishanarri olaanaan baqattootaa Dhaabbatichaa Filippoo Giraandee daawwannaa naannoo Tigraayitti gaggeessan xumuranii ibsa kennaniin haalli naannicha jiru haalaan yaachisaadha jedhanii turan.

Haaluma walfakkaatuu hojii gaggeessaan 'Norwegian Refugee Council' Jaan Eeglaand namoonni naannoo Tigraay keessa jiraniif deeggarsi gahaan kennamuu hin eegallee jechuun dubbatanii turan.

Mootummaan Itoophiyaa gama isaan namoonni Tigraay keessatti deeggarsi isaan barbaachisu miiliyoona 2.5 ta'uu ibsa. Uummata kanaafis deeggarsa barbaaachisaa kennuuf qophii gahaa gochaa akka ture ni ibsa.

Hoogganaan Komishinii Sodaa Balaa biyyaalessaa Obbo Mitikkuu Kaasaa ''lakkoofsi namoota deeggarsa barbaadanii miiliyoona 4.5 osoo hin taane 2.5'' jedhaniiru