Lola Tigraay: Ibsi EUn baase haala qabatamaan jiru hin muli'su jedhe mootummaan Itoophiyaa

Madda suuraa, MOFA
Naannoo Tigraay keessatti dhiyeessii deeggarsa namoomaa ilaalchisuun gabaasni Gamtaan Awrooppaa Kibxata baase ''dhugaa lafa jiru hubannaa keessa kan hin galchine'' jedhe Ministeerri Haajaa Alaa Itoophiyaa.
Mootummaan Itoophiyaa deeggarsa namoomaa naannoo Tigraay keessatti raabsaa jirus ilaalcha keessa hin galchinee jechuun qeeqeera.
Gamtaan Awrooppaa ibsa guyyaa Kibxataa baaseen, goolamni namoomaa naannoo Tigraay keessa jiru akkaan na yaachiseera jedhe.
Mootummaan kenna deeggarsa namoomaarratti danqaa kaahe akka kaasuufi baqattootaafi namoota nagaaf eegumsa akka godhus gaafateera.
Ministeerri haajaa Alaa Itoophiyaa gama isaan ''erga mootummaan naannoo Tigraay keessatti hojii olaantummaa seeraa kabachiisuu eegalee gabaasni gamtichi baasaa jiru madaala kan hin eegganneefi fudhatama kan hin qabneedha,'' jedhe.
Naannolee Tigraay hedduu keessatti deeggarsi namoomaa akka qaqqabu mootummaan hojii hojjechaa jiru, ejensiiwwan Mootummoota Gamtoomaniin akka daawwatamu godhameeras jedha ibsi mootummaa Itoophiyaa kun.
Mootummoonnii Gamtoomanii-UN lola naannoo Tigraay keessa gaggeeffame hordofee naannicha keessatti namootni miiliyoona 4.5 ta'an deeggarsa nyaataafi kanneen biroo atattamaa barbaadu jedheera.
Guyyoota dura Tigraay kan dhaqan daayireektarri Sagantaa Nyaataa Addunyaa-WFP Deeviid Beesliy dhaabni isaaniifi mootummaan Itoophiyaa namoota naannichatti deeggarsa fedhan gargaaruuf waliigaluu ibsanii turan.
Beesliy Tigraay keessatti namootni miiliyoona sadii ta'an deeggarsa keenya eeguu jedhanii, midhaan tooniin 20,000 namoota miiliyoona 1.8 bira gahuuf raabsamaa akka jiru viidiyoo of waraabanii Twitter gubbaatti maxxansaniin himaniiru.
Mootummaan Itoophiyaa Tigraay keessatti lakkoofsi namoota deeggarsa barbaadanii miiliyoona 2.5 jedha.
Komishiniin Sodaa Balaa namoota miiliyoona lama ta'aniif deeggarsi kennamuu karaa hoogganaa isaa obbo Mitikkuu Kaasaa ibseera.
'Loltootni Eertiraa Tigraay gadhiisanii haa bahan'
Gamtaan Awrooppaa ibsa isaa Kibxataa keessatti loltootni Eertiraa Tigraayiin gadhiisanii akka bahan gaafateera.
Mootummaan Ameerikaa kanaan dura ibsa baaseen, loltootni Eertiraa Tigraay keessa jiraachuu baruufi gadhiisanii bahuu akka qaban ibsee ture.
Ministeerri Haajaa Alaa ibsa gamtichaaf deebii itti kenne kana keessatti, waayee loltoota Eertiraa Itoophiyaa kessa jiru jedhamurratti homaa hin dubbanne.
Haata'u malee hoogganoonni bulchiinsa yeroo Tigraayifi waraanaa Itoophiyaa jireenya loltoota Eertiraa amananis, mootummaan Itoophiyaas ta'e kan Eertiraa loltootni Eertiraa Tigraay keessa jiraachuu fi lola sana keessaas hirmaannaa kan hin qabne ta'uu dubbatu.















