Lola waraanaa Tigraay: 'Magaalotni Tigraay haala hin malleen haleelaman' - Human Rights Watch

Dubratii magaala Humaaraatti mana haleellaan diigame keessa ijaajjitu

Madda suuraa, Getty Images

'Human Rights Watch' humnoonni mootummaa federaalaa lola Tigraayiin ''seera waraanaa cabsaniiru, Dhaabbatni Mootummoota Gamtoomanii qorachuu qabaa'' jedhe.

Ji'a Sadaasaa keessa ''magaalaaleerratti osoo homaa adda hin baasiin humnoonnii mootummaa Federaalaa haleellaan raawwatan seera waraanaa kan sarbedha'' jedhe Dhaabbatni idila addunyaa mirga namaaf falmu 'Human Rights Watch'.

Jalqaba ji'a Sadaasaa wayita lolli Tigraay eegaletti magaalaalee akka Maqalee, Humaraa fi Shiree keessatti haleellaa qaamoleen nageenyaa mootummaa federalaa raawwatan ittiin jedheen namootni nagaan 83 ajjeefamanii 300 ol madaa'aniiru jedha ibsi jaarmayaa kanaa.

Haleellaan kun manneen jireenyaa, Hospitaalota, Manneen Barnootaa fi bakka daldalaa irratti akka raawwatame ibsa Kamisa baaseen ibseera.

Mootummaan Itoophiyaa himannaa dhiyaate kanarratti ammatti deebii kenuudhaa baatus, humnootni fedeeraalaa gochaa akkasii akka hin raawwanne irra deddeebiin himeera.

Ibsa Sadaasa keessatti baaseenis ''Raayyaan Ittisa Biyyaa magaalota keessatti waraana hambisaniiru,'' jechuun humnoonni mootummaa gama gaarreewwaniifi karaa rakkisaa tahe keessa bahuun, namni siivilii kamuu akka hin miidhamne godhaa turan jedheera.

Dhaabbatni Mootummoota Gamtoomanii - UN wayita lolli Tigraay adeemaa turetti miidhaawwan qaqqaban akka qoratu waamicha dhiyeesseera.

Lola mootummaan Federaalaa buufatni ajajni raayyaa Ittisa biyyaa kaaba biyyattii tasa humnoota TPLF'n haleelamuu isaan dirqamee lola kanatti akka gale ibsa.

''Jalqaba waraanichaatti humnoonni Federaalaa Itoophiyaa magaalaalee keessatti osoo homaa adda hin foyiin, namoota nagaa miidhuufi qabeenya mancaasuuf haleellaa geessisaniiru,'' hooggantuun HRW Gaanfa Afrikaa Lateeshiyaa Baader.

''Haleellaan lubbuu namoota nagaa galaafatee, kumoota buqqise kun barbaachisummaa haleellaa seeraan alaa atattamaan dhaabsisuufi warreen gaafatama qaban gaafachuu agarsiisa.''

'Human Rights Watch' magaalota Maqalee, Shireefi Humaraa keessattii namoota halleellaan yeroo raawwatamu ijaan argan fi kan miidhaman 37 dubbisee ragaa amma ibsa kana ittiin baase sasssaabuu beeksiseera.

Dabalataanis gaazexessitoota sagal, hojjettoota gargaarsaa, ogeeyyii mirga namoomaa fi foorensikii dubbisuu hima.

Namoota qaamaan Sudaanitti dubbisee fi bilbilaan haasofsiise kanaan dabalataan suuraaleen saatalaayitii fi viidiyoowwan argate bakka jaha haleellaan itti raawwatame waan dhuga baatonni jedhaniin akka wal simu himeera.

Dhaabbatichi ragaa sassaabbate kana hunda erga qindeessee booda himannaa humnoota mootummaa federaalaarratti dhiyaatu kana irratti mootummaan Itoophiyaa deebii akka kennu gaafatus, deebii argachuu dhabuu ibsa isaa keessatti eeree jira.

Haleellaa Humaraa, Shireefi Maqalee

Magaalaa Humaraatti Sadaasa 9 haleellaa raawwatameen osoo haleellaa kana dheessuuf baqatanii manneen isaaniirratti dhukaasni raawwatamuu jiraattotni jaarmiyaa kanatti himataniiru.

Haleellaawwan kun ganda 02 tti bakka namni jiraatu dhiyeenya waldaa, mana barnootaafi Masjiidaatti ta'uu ganda 01'tti ammoo dhiyeenya hospitaala magaalichaa rukutuu himaniiru jedha.

Hakiimni Hospitaala Kaahisaay Aberraa tasa namoota du'aniifi miidhaman hedduun muddamuu himu ibsa gabaasichi.

Ogeessi biroon haleellaa Sadaasa 9'n namootni 46 du'uu akka hin oollee fi 200 kan ta'an madaahuu tilmaameera.

Haleellaan magaalaa Shiree ammoo Sadaasa 17 eegaluufi kunis gamoowwaniifi naannolee indaastiriirratti xiyyeefachuu gabaasni HRW ni eera.

Namoonni haleellaa kana jalaa baqachaa turan dhiyeenya mana Kiristaanaa Abuna Aragaawii biratti ajjeefamaniiru jedha.

Warri ijaan argan akka himanitti guyyichuma waraannii Itoophiyaa lotoota Eertiraa waliin yoo magaalicha qaxxaamuranii darban arguu himaniiru.

Magaalaa Maqaleetti haleellaan Sadaasa 28 raawwatame namoota nagaa 27 galaafatee 100 kan ta'an madeessuu jiraattota magaalittirraa odeeffachuu gabaasni kun ni eera.

Haleellaa bakka jireenyaarratti raawwatameen, maatii tokko keessaa daa'ima ganna sagalii dabalatee namni afur ajjeefamuus gabaaseera.

Ibsa waa'ee viidiyoo, Lola Tigraay: Battala Maqaleetti haleellaan xiyyaaraa qaqqabe

'UN Tigraayitti seerri waraanaa cabuu qorachuu qaba'

Seerri waraanaa lola Tigraay irratti hojiirra oluu danda'u haleellaa namoota nagaarratti raawwatamu ykn sirna namoota nagaa, haleellaa homaa adda hin fooneefi namoota nagaarratti miidhaa cimaa bu'aa barbaadamu caalu qabu ni dhorka.

Haleellaawwan waraanaa magaalota irratti xiyyeeffateefi bakka adda bahee beekame tokkoon alatti, haleellaan raawwatamu haleellaa osoo adda hin foyiin (indiscriminate) raawwatame jedhamee adda baha.

Kanneen ta'e jedhanii ykn akka feeteen seera waraanaa akkasii cabsan yakka waraanaan gaafamu jedha Human Rights Watch.

Qaamoleen wal waraanan gaafatama kana qixxee bahachuu qabu, nama nagaarra miidhaa gahu xiqqeessuu qabus jedha.

Dhaabbatichi mootummaan Itoophiyaa himannaa haleellaa osoo hin foyiin lotootni isaa raawwatan jedhamee komatamu akka qoratu gaafatateera. Kanneen waraana kana keessa jiran deeggarsi namoomaa danqaa malee warra miidhaman bira akka gahu akka hayyamanis gaafate.

Dhaabbatni Mootummoota Gamtoomanii - UN gama Komishinii mirga namoomaa isaa garee hundeessee gara Tigraayitti erguun seerri waraanaa sarbamuu akka qoratus gaafateera.

''Hanguma lola Tigraayiin namootni nagaan du'an ifa ta'aa dhufu seerri waranaa sarabamuun qoratamee haqni akkaan barbaadamu akka kennamu karaa bana,'' jedhan Baader.

Mootummaan Itoophiyaa qorattootni Mootummoota Gamtoomanii Tigraay akka galanii qoratan hayyama akka kennuu qabus gaafatan.

'Waantin Tigraayitti arge na yaaddeseera'

Gama kaaniin Federeshiniin Waldaalee Fannoo Diimaafi Addeessa Diimaa, lola naannoo Tigraayitti kanneen miidhamaniif gargaarsi dabalataa akka gahu waamicha dabarse.

Pireezidantiin federeshinichaa Firaanseskoo Rokaa daawwannaa naannichatti taasisaniin, waanta arganiin baayyee yaadda'uu ibsaniiru.

Magaalaa guddoo naannichaa Maqalee kan daawwatan qondaalli kun, lola waraanaa kanaan kanneen deeggarsi barbaachisu daa'imman, dubartootaafi maanguddoota tahuu himan.

Dabalataanis qondalli kun hospitaalonni meeshaalee tajaajila kennuuf isaan barbaachisu akka hinqabne himanii, naannichis hanqinni nyaachaa akka isa yaaddesu himan.