Ministirri barnootaa Afrikaa Kibbaa yaada waa'ee dirqisiisanii gudeeduurratti kenniteef 'ibiddarra kaa'amaa' jirti

Madda suuraa, Getty Images
Ministirri barnootaa Afrikaa Kibbaa dubbii "namni barate dirqamaan hin gudeedu' jechuun dubbatteef hedduu qeeqamaa jirti. Kana dubbattes faayidaa barnoonni qabu wayita ibsaa jirtutti ture.
Aadde Anjee Motsekgaa Wiixata barattootatti akka dubbattetti namoonni hanguma caalaa barumsa qabaatan gocha badaa keessatti hirmaannaan qaban gadi aanaa ta'a.
Yaada ministirittiin namni barate 'dirqamaan hin gudeedu' jetterratti barattoonni yeroo mormii dhageessisan ni dhaga'ama ture.
Isheen garuu gungummii barattoonni dhageessisaniif deebii yeroo kennitu, warra baratan keessas namni jallaa ta'e hin dhibu jette.
Dubbiin isheen dubbatte kun hedduu mufachiisuun miidiyaa hawaasaarratti qoqqoodamaaas tureera.
Aadde Anjeen garuu deebii qeequmsa isheerratti ka'eef deebii yeroo kennitetti, dubbii ani dubbadhe haala ani keessatti dubbadheefi ergaa ani dabarsuu barbaadeen alatti na jalaa hiikameera jette.
"Dirqisiisanii gudeeduun dhuguma waa'ee humnaati, kanaaf dippaartimentichi ijoolleen dhiiraa umuriisaanii xiqqummaarraa kaasanii akkamitti akka humna dhiiraafi dubartii gidduu jiru itti ilaalan sagantaalee ittiin barsiisu ni qaba.
Dhiironni akkamitti akka humna itti ilaalan, ol-aantummaa dhiiraafi dhiirummaafi miidhaa hamaa inni qabu itti hubatan barsiifamuu qabu.
Waa'ee walitti dhufeenya humnaa dhiirota barsiisuunis gocha dirqisiisanii gudeeduu dhabamsiisu keessatti barbaachisaadha," jedha ergaan ministirittii.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X
Pireezidant Siriil Raamaafoosaan bara 2019 dirqamaan gudeeduuniifi miidhaan saalaa irratti hundaa'e biyyattii keeessatti "rakkoo biyyaalessaati" jedhaniiru.
Waggaa waggaadhaan dirqisiisanii gudeeduu 40,000 ni gaabaafama. Garuu lakkoofsi kun lakkoofsa qabatamaan lafarra jiru keessaa baayyee muraasa jedhama.

















