'Waggoota 20'f sababan maqaakoo dhokfadheef'

Madda suuraa, MiriYame Apiiyaah Daanaah
Maqaan keenya eenyummaan keenya kan ittiin baramuudha. Maqaan keenya beekamnaan eenyummaan keenya sirriin ifa ta'a. Kanaafuu, namoota kaan gammachiisuuf jecha maqaa keenya yoo geeddarannu dhiibbaan inni qaqqabsiisuu danda'u attamiin ibsama?
'Eenyummaa kiyya isa guddaan dhokse'
"Walakkeessa baroota 1980 fi jalqaba 1990tti Landan keessatti guddachuun waan laayyoo hinturre,'' jetti Miriyaam Apiiyaah- Daankuwaah.
Dabaluunis ''Wayitan sadarkaa tokkooffaa barataa turetti ijoollee gurraachota shan keessaa tokko yoon ta'u, mucaan lammii Hindii tokkoos turte. Kan hafan huundi adii turan,'' jechuun yaadatti.
''Yaadannoon kiyya tokko wayitan olmaa daa'immanii turetti haati kiyyaa 'Tiiwii' jechuun na waamte (afaan Gaanaatiin hiikaa qaba). Yeroo sana tarii kan waggaa sadii ykn afuriin ture. Afaan sanas asitti hindubbannu ture.
''Nan yaadadha ijoollee gurraachota waliin ta'u kiyyaafi haalli rifeensa kiyya itti hojjatamu adda waan tureef barattoonni hundi natti qoosaa turan,'' jechuun waan keessa dabarte yaadatti.

Madda suuraa, Miiriyaam Apiiyaah- Daankuwaah
Wayita barnoota sadarkaa tokkooffaa galtuutti maqaa Miiriyaam Apiiyaah- Daankuwaah jedhu mana barnootaattiis ta'e dabatara ishe irratti barreessuu dhaabde.
Kunis kan ta'e ammoo waan barsiiftonni ishee maqaasheetti akka hinfayyadamneef ajaja kennaniifiidha. Kanaafuu waraqaawwan ragaa isaan dura argatte hunda irraa maqaashee balleessuu eegalte.
''Baayyeensaanii Biraawon, Isimiiz, Waayit ykn Joonsi jedhamanii yoo waamaman kan koo qofatu maqaa dheeraa ture. Kanaafuu kun akkan Afriikaa ta'ee waan adda baasuuf maqaa kiyya dhoksuuf murteesse.
''Yunvarsitii bahees hojii eegale. Daankuwaah gutummaa gutuutti bade. Eenyumtuu hinbeekus ture. Sababiinsaa sanadawwan seera qabeessoo ta'an hunda irraa haqeen ture,'' jetti attamiin akka maqaashee geeddarte yoo yaadattu.
Haata'u malee Waxabajjii darbe wayita duullii 'Black live Matters' gaggeeffamutti waggoota 20 booda Miiriyaam yeroo jalqabaatiif maqaashee guutuu fuula instaagirama isheerratti barreessite.
''Ajjeechaan Joordi Filooyiidiifi itti aansees mormiin gaggeeffamee anaaf bilbiltuu nama damaqsu ture. Eenyummaa kiyyaa isa guddaa dhoksee ture naaf ibse. Kunis eenyummaa fi gurraachummaa kiyya kan hammatuudha,'' jetti shammarreen waggaa 34 fi oggeettiin herreegaa tun.
''Duti isaas bilbila dhumaaf kan hedduu gara fuulduraatti fideedha. Tarii hedduu keenya kan gara eenyummaa keenya dhugaatti deebiiseedha. Gurraacha waan taaneef ofii keenya cunqursaa turre. Nagaa buusuu filachuun gurraacha waan taaneef wantoota fudhatama dhabsiisu jennee yaadnu dhoksaa turre.
''Yaadni naaf dhufees waggootaaf jireenyiin jiraataa ture kan sobaati. Haala sanaan itti fufuu waanan hindandeenyeef haalaan itti jiraachaa ture sakkata'uun dirqama ture.''
Miiriyaam barreeffama eenyummaa ishee guutuu ibsu erga qooddeen booda bilisummaatu natti dhagahame jetti. Barreefamichis kan hunda caalaa jaalatameefi kan yaadawwan 'jabaadhu' jedhan hedduu argate ture.
''Kan miira tuqu ture. Kanaafuu boheen ture,'' jetti. ''Kunis anaaf akka waan ofiif dhiifama taasisuu ture'' jetti.
"Apiiyaah jechuun guddaa jechuu yoo ta'u Daankuwaah jechuun ammoo jireenya bara baraa jechuudha. Kanaafu kun maaliif dhokata? Kun maqaa kooti, ana jechuun akkas.''
'Rakkina eenyummaan qaba ture'

Madda suuraa, Raakiishaanaa Kaanwaal Ijaaz
Raakiishaanaa Kaanwaal Ijaaz dhalatte kan guddattee Ingliizii Barmiinghaamiitti yoo ta'u, maatiii Paakistaanii baqatanii dhufan irraa dhalatte.
Akkuma Miiriyaam sana Raakiishaanaanis maqaa ishee dhoksuuf yaalii kan eegalte mana barnootaatti. Maqaa kaan wayita dubbisaniifi waaman ni salphataaf jetteetti geedaruun galmoofte.
Sababiinsaas barsiiftonni tokko tokko maqaashee Raakiishaanaa jedhu qubee hirriisuun Raakshaanaa ykn Raakisaanaa jedhu turan.
''Ayi! Barreeffamu kan qabu akkanatti yoon jedhuun hanga ta'e ni dheekkamu turan. Kaan waan ija jabaadheetti na jalaa lakkaa'amas ture'' jetti.
''Kanatu akkan maqaakoo jibbuu na taasisee jedheen yaada. Kanaafuu yoon guddadhe maqaakoo nan geedara jedhuun maatii kiyyatti qoosaan ture,'' jetti.
Shamarreen waggaa 27 abbaasheenis ta'e hawaasichaan maqaan moggaafamus rakkoon mudateera.
''Maqaankoo kan baramee miti. Namoonni baayyeen maqaan kee essaa dhufee jedhanii na gaafatu turan. Kaanfuu hangan sirriitti hubadhuutti rakkina eenyummaa keessa galeen ture. Namoonni beeku osoo hinhafnee na waamuuf waan rakkataniif anaaf cimaa ture,'' jetti rakkina maqaasheetiin itti dhagahame yoo ibsitu.
Raakiishaanaan akka jettuuttis miirri gadaantummaa sababii kanaatiin itti dhagahamu yunvarsitii wayita baratuuttis ta'e hojii hanga eegaltuutti waliin ture.
''Maqaakoo hinjibbu. Garuu ammoo walsimsiisuun qaba ture. Hirriyoota kootiin 'Rooksii' jechuun na waamaan jedhaan. Kanaafuu hojiiwwan muraasaan booda maqaa Rooksii ykn Rookosaanee jedhamuun beekame. Kanaafuu eenyumtuu maqaakoo dhugaa hinbeeku ture. Yoo duuba deebiise yaadu, osoo na hinbeekiin turunsaanii hangam kan nama aarsuu ta'un yaada,'' jetti.
Raakiishaanaan yeroo dhohoo asiitti maqaashee geeddarachu beeksisuu kan eegalte. Eerga heermteen booda ammoo maqaan abbaa warraashee boodaan dhufuu waan qabaatuuf, isumaan murteessite itti fufte.
''Maqaa abbaankoo maaf baase dhabu hinbarbaadu. Kaanwaal jechuun daraaraa bishaan irraa jechuudha. Yeroo hunda akkasiin nawaama. Maqaakoo dhiisee maqaa abbaa warraa koo qofaan murtaa'u hinbarbaadu.
''Sababiinsaas eenyummaan kiyya abbaa warraatiin duraa eenyummaa kiyya ammaatiif gahee olaanaa qaba. Garafuula duraatti ni ta'a. Kanaafu qaama eenyummaa kiyyaa sana dhabu hinbarbaadu. Maqaan humna baayyee baata'' jetti.
Abbaa ishee bara darbee boqachuu kan himtu Raakiishaanaan, ''Abbaankoo yeroo hunda maqaakootti ni boomu turan. Haata'u malee hanga dhiyootti maqaansun maaliif akka naaf moggaafame naaf hingallee ture,'' jetti haati ijoolle lamaa Raakiishaanaan.
''Amma garuu sababii eenyummaa kootti miira boonuutu natti dhagahamaa jira. Wanitti abbaan koo naaf taasisan hundi na boonsa. Warra kaan gammachiisuuf jecha maaliif akkan waggoota 2o'f maqaakoo dhoksuun maraachu ta'utu naaf gale,'' jetti.
Namootaaf jedhamee eenyummaa ofii geedaruun akka hinbarbaachifne kan himtu Raakiishaanaan, ''dadhabii warra kaaniif jecha maqaakoo dogongorsuu dhaabeera'' jette.
Yoo yaalamee maqaan waamamu hindanda'amne akka hinjirrees dubbati.
'Maqaa mijatu gochuuf barbaadaan ture'

Madda suuraa, Giriigiriijii Raachars
Giriigiriijii Raachars kan dhalate biyya Jarmaniitti yoo ta'u,maqaan haatiisaa kan lammii Cheek moggaafteefis maqaa Raashiyaati. Innis wayita waggaa 15 jiruu wayita barnootaaf gara Yunaayitid Kingidamiitti ergameetti maqaasaa geeddarachu dubbata.
''Maqaankoo Girii-go-riijii jedhamee dubbifama. Afaan Ingliiziin yoo ta'u ammoo Kiraayiing- Riij ta'a. Kanaafu akka daa'ima nageenyi isaa yaaddeessu tokkootti kan mijatu gochuuf maqaakoo geedaradhe'' jedhan dargaggoon waggaa 33 kun.
''Mana barnotichaa keessatti barattoonni maqaa kiyyaatti qoosaniifi ittiin bohaaran hedduutu ture. Tokko tokkoos maqaakoo sirriin hinwaaman. Kanaafu nagaa qabeessa jedhee hinyaaduun ture,'' jedha mudannoo maqaasaatiin isa mudate yoo yaadatu.
Ijoolluummaa isaatti taatuu filmii ta'uuf yaadaa ture. Indastirii filmiittif ammoo maqaa salphatu wayya jedhee waan yaadeef, maqaasaa tokkoo geedare.
''Anaf hangas dhimma sodaachisaa hinturre. Kana kan raawwadheef namootaas akka waamuuf mijatuuf yaaduun kan ka'eedha malee.'' Haata'u malee erga guddatee umurii dargaggummaa irra gaheen booda maqaasaa geedarachuutti gaabbuu hima.
''Adii waanan ta'eef nan kabajama. Kanan jiraadhu Awurroppaa keessa. Kanaafuu dhimmoota kanneen maddaallii irra kaa'uun waamuuma maqaan koo attamii akka namoota rakkisu yoo ilaallee baayyee dhimma bishaan kaasu miti.''
''Hundi keenyaa dhimmoota dursa kenniinuuf qabna. Yeroo sanatti dhimmiin dursa kennuuf maqaakoo akka namootaaf mijatu taasisuun garee waliin waliigaluu ture. Kun ammoo umama,'' jedha.
''Dhugaa dubbachuuf dhimmi maqaa geeddarachuu wayitan waggaa 15 fi 16 turetti dhimma olaanaa naaf ture, har'a deebiisee yaaduun kiyya dhima dinqisiisaadha anaaf.''












