Namichi Lammii Daach umurii isaa ganna 20n hir'ifachuuf mana murtiitti iyyate

Madda suuraa, Getty Images
Jaarsi ganna 69, lammii Daach Eemilee Raatelbaand jedhamu bifa seera qabeessa ta'een umurii isaa gana 20'n hir'ifachuuf mana murtiitti iyyateera.
Namtichi wayita ammaa soorama bahee jiru kun guyyaa dhaloota isaa Bitootessa 11 bara 1949 irraa gara Bitootessa 11 bara 1969tti jijjiirrachuufi kan mana murtiitti iyyate.
"Maqaa kee jijjiirrachuu dandeesa. Koornayaa kees jijjiirrachuu dandeess. Umurii kee akka hin jijjiirranne maaltu si dhorka?" jechuu barruu Daach 'De Telegraaf' jedhamutti himeera.
Kibba Baha Amisterdaamitti kan argamu manni murtii magaalaa Arniheem torbee afur gidduutti dhimma kanarratti murtee kenna jedhamee eegama.
Akka barruun Daach 'Algemeen Dagbald' jedhamu jedhutti manni murtii, bu'uurri seeraa namni umurii isaa akka jijjiiratu hayyamu hin jiru jechuun gamanumaan iyyata kanarratti gaaffii kaasaa jira.
Obbo Ratelbaand sababa umurii isaatiin loogiin irra gahaa akka jiru, carraa hojii argachuu irratti dhiibbaa akka irraan gaheefi 'tinder' irratti jaalallee argachuutti milkaa'uu dhabuu falma.
"Umuriin koo 69 ta'uun na daangesseera. Osoon 49 ta'ee mana bitachuu, konkolaataa addaa oofuu nan danda'a. Hojii hedduu hojjechuufis carraan qabu ni bal'ata," jedha.
"Tinder irratti umuriin koo 69 yoo jedhu, namni naaf deebisu hin jiru. Fuuluma koo kanaan umuriin koo osoo 49 ta'ee silaa yoona bakka qaaliin jira."
Itti dabaluunis doktoroonni qaamni isaa kan nama ganna 49 akka ta'e itti himuu kan dubbatu Obbo Ratelbaand, ani "waaqa dargaggeessa" jechuun of waama.
Jaarsi sooramaan jiraatu kun yoo iyyati isaa fudhatama argatee umurii isaa jijjiirate miindaa sooramaa argatu fudhachuu akka dhiisu himeera.
Heerri mootummaa Neezarlaand namni tokko sababa umurii isaatiin hojii irratti loogiin irra gahuu hin qabu jedha.
Obbo Ratelbaand nama miidiyaati, dubbii nama daddamqsu dubbachuun beekamu.














