Hanna suura qaama qullaa: Suura keessan interneetarraa qabdan eenyu akka fayyadamu beektuu?

Akeekkachiisa: Barreeffamni kun jechoota jajjaboofi miidhaawwan saal-qunnamtii waliin walqabatan ni qabaata.
Moodelistiin miidhagduu Jees Daaviis umuriisheee waggaa 18titti yeroo hojii miidhaginaa kana jalqabdetti suuraawwan ishee guutummaa addunyaarratti kan ittiin dhiirota waliin dha'uun maallaqa saaman ta'a jettee yaaddee hin beektu.
Umuniin Jees amma waggaa 27 guuteera. Waggoota erga moodeelistii taatee kaastee dabarsitu keessatti namoonni warra suurasheetti fayyadamanitti akka dubbatan ergaa ittiin gahaa turan.
Isheen garuu hanga ammaatti maaliif akka ta'e hin hubanne.
Dokumenartii BBC Three haaraa 'Yeroo Qaamni Qullaan Hatamu' jedhamu keessatti, Jees eessattiifi akkamitti akka suuraawwan ishee fayyadaman faana dha'uun miidhaa inni jireenya isheerratti qabaatu akkasitti ibsite.
Yeroo kun itti jalqaba raawwate xiqqoo xiqqoon yaadadha.
Namni ta'e suuraawwan koo fayyadamuun toora interneetaarratti ana fakkaatee dhiyaata ergaa jedhu miidiyaa hawaasaarraan naaf ergame.
Yeroo jalqabaa wanti ta'e sun tokkichuma se'een ture, garuu ergaan jalqabaa erga na qaqqabee kaasee hanga ammaatti torban torbaniin ergaan akkasii na qaqqaba.
Guutummaa eenymmaa koo ciranii ykn suuraawan koo maqaa sobaa itti kennanii fayyadamu. Akkana gochuudhaan dhiira nagaafi omaa hin shakkinerraa sobanii maallaqa saamu. Walumaagalatti ammoo miidiyaa hawaasaarra suuraafi odeeffannoo koo barbaadanii eenyummaa dhugaa koos argachuun pirofaayilawwan miidiyaa hawaasaa godhatu.
Suurawwan kiyya yeroo darbanii kamiyyu ni fayyadamu: Yeroon mana keessa soofaa irra taa'ee jiru, yeroo daa'ima ta'ee jiru, yeroon dirree teenisii keessa jiru. Kana irra darbanii yeroo ani abbaa kiyya waliin bishkiliitii oofullee suurawwan fudhatan qabu.
Haata'u malee wanti keessaa hin dhibne jira: pirofaayiloonni sobaa kunneen hunduu haala jechuun danda'amuun suuraawwan bara qarrummaa kiyya keessa jiru.
Yeroo sanatti ani akka mooleeliittin hojjedha waan ta'eef baayyee nan beekama, dhiibbaas uumuu nan danda'a. Garuu erga umuriin kiyya waggaa 18 ammoo moodelii miidhagibaa ta'uudhaan barruuwwan akka Nuts, Zoo fi FHM hojjechaan ture. Barruleen kunneen ammoo biyya UK keessatti hordoftoota hedduu qabu.
Suura guutummaatti qullaa koo mullisu tasa maxxansee hin beeku. Garuu baruleewwan bebbeekamoo sanarratti qamaa ol harma koo mullisee dhiyaadhee beeka. Burruuwwan maxxanfamaa turan sun amma hin jiran, garuu suuraawwan yeroo Sanaa ammallee badanii hin jiran
Namni ta'e ykn namoonni baayyeen suura bara jireenya koo funaananii dhiirota ittiin yeroo gowwoomsan yeroo argan maaltu akka namatti dhaga'amu ibsuun nama rakkisa. Ani masaanuun kiyya eenyu akka ta'e wan tokko hin beeku kanaaf, waan akka lola hin argamnee tokko keessa jiraachuudha.
Suura pirofaayiloota sobaa akka bu'an taasiseera, garuu kan biroon ammas deebiyanii ba'u. Eenyummaan kiyya dhaabbataadhaan, irra deddeebiin na jalaa hatameera. Kun ammoo yeroo keessa waa'ee ofiikootii maaltu akka natti dhaga'amurratti dhiibbaa anarratti uumeera.
Kun maaliif akka itti fufee ta'u dhiyeentan hubadhe - gargaarsa qorattuu dhuunfaa Laawuraa Liyoonsiin gargaaramee suurawwan kiyya eessa akka gahan baraan jira.
Laawuraafi ani waajira Landan keessa jiru tokko deemuun suurawwan kiyya toora interneetaarratti eessatti akka argaman maxxansitee natti agarsiifte.
Pirofaayilawwan sobaa ani beeku heddurraa eegale. Kun ammoo kan argamu miidiyaa hawaasaa akka Tinder, Instagram, akkasumas Facebook irratti akkaawontiiwwan sobaa ani beeku irratti argamuu.
Kana malees Laawuraan akkaawontiiwwan ani jiru jedhee hin yaadne natti agarsiisuu jalqabde. Marsariitiiwwan Firaans ecort, sex chat, porn, kkf jedhaman fuulawwan safuu cabsan natti agarsiifte. Galaana suurawwankoo ija baasanii na ilaalanitti na baste.
Marsariitii Sexting jedhamu tokkorra pirofaayila tokkotu suura kiyya yeroo umuriin koo waggaa 19 waliin mata duraa "Who's down for a massive rape role-play now?" jala jira. Kana jechuun suura kiyya fayyadamanii gosa saal-qunnamtii nama of kenne tokkorratti humnaan akka fedhe gochuu jechuudha.
Namni tokko haasaa dhimmi saal-qunnamtii ykn poornii irratti dubbachuu fedhii isaa taanaan ani rakkoon jira jedhee hin yaadu, garuu poornii hojjedhees hin beeku suurri kiyyas haala akkasii kana keessatti akka dhimmi ba'amu walii hin galle.
Kanaaf, yeroon suurawwan kiyya marsariitiiwwan akkasii irratti argu hedduun rifadhe. Rakkoon isaa guddaadha. Ani akkamitti akkan deebisee suurawwan kiyya sassaabu hin beeku garuu yoo xiqqaate akkamitti akka kun itti fufee raawwata baruun barbaada.
Akka Laawuraan jettutti itti fufee suurri koo toora interneetaarratti osoo ani hin beekniin bakka hin maletti fayyadamuun isaa hanga tokko sababa ta'uu kan danda'u, suurawwan bashannanaa.
Kan mana keessatti ka'eefi kan biroo akkaawontii miidiyaa hawaasaa kiyyarratti haaraatii hanga warra turaniitti walmakee jira.
Kana jechuun ammoo suurawwan kiyya haaraafi kan ture fuudhanii nama barbaadan uumuu danda'u jechuudha.
"Suurawwan kees waan lubbuu qaban fakkaatu," naan jette Laawuraan. Namoonni hedduun ammoo akkaawontii hedduu banatanii pirofaayila si godhatanii salphaatti nama gowwoomsuun hatuu ykn miidhuu danda'u," jette.
Suuraawwsn ani qopmee harma irraan qullaa uffadhee ka'aa ture sun baayyee na miidhaniiru. Yeroo mara bakka namoota haaraa itti argu yeroo deemu, suurawwan sana arganiiru laata jedheen shakka. Yoo Google keessaan ana barbaadan maal arguu danda'u waa'ee koo?
Yeroon ijoollee durbaa xiqqoo ture suura qomee irra keessaan qullaa ta'e uffadhee suura ka'uu yeroon murteessu interneetiin akkamiin akka hojjetu hin beekun ture. Suurri kee toora interneetaarra takkaa baanaan yeroo hunda achumarra jiraata waan ta'eef namoonni itti-gaafatamummaa tokko malee itti fayyadamu.

'Suurawwan kiyya bakka hundumaatti irra deddeebiin mul'ata'
UK keessatti suurawwan akkamitti aka waliif itti qoodamuufi toora interneetaa irratti akka itti fayyadaman ilaalchisee seeronni jiru. Garuu seeronni kun hunduu akka tokkootti danbiiwwan tokko keessatti hin ilaalaman.
Seeronni mirga abummaa ni jiru. Kana jechuunis, Suura mirga abbummaa argatteettee fudhattee taanaan buufachuu dandeessa.
Rakkoo ani qabu suuraawwan hedduun narraa fudhatamaniiru garuu isaan warra ani kaase miti waan ta'eef abbummaan qabeenya isaa ana miti.
Namni tokko yoo suurakee fayyadamuun fedhii gara garaatiif nama goyyoomse, kun seerawwan yakka waliin dha'uun ittiin ilaalamu jalatti ilaalama. Ta'us garuu kun hoolotarratti kanm hundaa'udha.
"Suura/viidiyoo icciitii dhuunfaa qooduun haaloo walbahuu" waliin walqabatee seeronni haaraan jiru. Kun ammoo miidhaa saalaa suura bu'uureffate jedhama.
"Suura icciitii dhuunfaa qooduun haaloo walbahuun"- suuraawwan/viidiyoo ykn suuraawwan/viidiyoowwan saal-qunnamtii icciitii dhuunfaa nama tokkoo fedhii ishee/isaa malee dabarsanii qooduu jechuudha. Kun ammoo biyya Ingilaandiifi Weelsitti bara 2015 akka yakkaatti ilaalama. Seerrumti kana fakkaatu boodarra Ayerlaand Kaabaa fi Iskootilaand keessatti hojiirra ooleera.
Haata'u malee, seerri kun hojiirra ooluudhaaf ta'e jedhamee namarraan miidhaa qaqqabsiisuuf suuraawwan kunneen qoodamuu isaanii mirkaneeffachuu barbaachisa.
Namni tokko ammoo ta'e jedhee nama miidhuuf akka godhu mirkaneessuun baayyee rakkisaadha.
Kanaan alattis, interneetiin addunyaalessa waan ta'eef seeranni ammoo yeroo tokkotti biyya tokko qofa hojjeta. Suurawwan kiyya bakka hunda jiru, kun ammoo irra deddeebiidhaan mudataa jira.

Hedduu rifaasisaadha. Suurawwan kiyya hanga yoomiitti itti fayyadamuu?
Kanan hin hubatiin ture, suuraawwan kiyya warri fayyadaman kunneen eenyufaadha kan jedhu ture. Booda garuu jecha "e-whoring," jedhun bare. Kana jechuun ammoo suura icciitiifi qullaa nama dhuunfaa fayyadamuudhaan nama gowwoomsanii nama saamuudha.
Suurawwan namaa - hunda caalaa ammoo suurawwan dubartootaa adamfamanii warren toora interneetaarratti nama gowwoomsuun saamicha gaggeessanitti gurgurama.
Saamtonni kunneen suura bitan/sassaabbatan kana fayyadamuun mimmiidhagsuun akka nama booji'utti qopheessanii nama nagaa womaa hin beekne ittiin saamu.
Bakkawwan interneetarratti suurawwan itti gurguraman ilaaluun baayyee fokkisaadha. Suurawwan namootaa daldalamaa jiru. Gareen suuraawwan dhoksaan gurmaa'anii akkamitti akka suuraawwan adamsamanii itti gurguratan hojjetanis jiru.
Yeroo tokko tokko namoonni garee kana keessajiran dubartoota adda baasanii gargaarsaaf gaafatu. Kana kan godhan ammoo suura dubartoota sanaa dabalataan argachuufidha. Ani suura kiyya bakka sanatti maxxansuun murteesse. Kana kanan godhe ammoo suuraawwan kiyya gareen kun fayyadaman yoon argachuu danda'eef jedheen ture.
Daqiiqaa lama keessatti, namni tokko suurawwan koo baayyee akka qabaniif gatii Kaardii Kennaa Amaazoniiniin $15 (£11) sitti gurgurra naan jedhan.
Hedduun rifadhe. Suurri kiyya akkamitti akka irra deddeeebiidhaan itti fayyadaman dafanii ana hubachuu isaaniirraan bare.
Gareen suurawwan namaa akkasitti gurguran kunneen baayyee dhokatoofi icciitiidhaan hojjetu waan ta'eef kan ifatti anatti dubbatu nama tokko qofan argadhe.
Akuu jedhama, garuu maqaan isaa asirratti jijjiirameera. Umuriin isaa jalqaba 20n keessa kan jiruufi jiraataa Niiwu Yoorkidha. Hojii kanatti kan makame umurii waggaa 13 yeroo jiru akka ta'eefi hiriyyoota isaa umuriin isa caalani akkamitti akka pirofaayila Instagram nama tokkoo hordofanii suura isaanii itti fudhatan erga ibsaniifiififha.
Kana nama naasisu, "suuraawwan/viidiyoowwan icciitii dhuunfaa fedhii abbbaa malee qooduu" nama gowwoomsuudhaaf hojiirra ni oolu naan jedhe. Kana kan godhamuuf ammoo tooftaa ittiin maallaqa argatanidha jedha.
""Yeroo umuriin koo guddataa dhufe, namoonni suuri dhuunfaa isaanii waan hin malle akkasii keessatti fayyadu hangama akka itti dhaga'amun hubachaa dhufe. Kanarraa ka'uun hojii kana dhaabuun murteesse," jechuun natti hime Akuun.
Anas ta'e namni kamiyyu suurawwan isaanii akka hin malletti akka kanaatti faayidaarra oola jedhee yaadee hin beeku. Eenyummaan koo hayyaama kiyya malee toora interneetaa irratti ni gurguramaafi kan daldalaa ta'e jedhee hin yaadun ture.
Suurawwan toora interneetaa irratti fedha abbaa malee qoodaman ilaalchisee jijjiiramni tokko ni uumama jedheen abdadha.













