Miidhaa Dubartootaa: Suuraan dubartoota kuma hedduu ‘qullaa agarsiisu’ intarneetarratti qoodame

Madda suuraa, Getty Images
Suuraaleen dubartoota 100,000 ol midiyaa hawaasummaa isaanii irraa fudhatameefi qullaa jiran fakkeessuun intarneeta gubbaatti qoodamuu gaabaasni haaraan mul’ise.
Suuraa dubartootaa kanarraa wayyaan softiweerii ykn hubannaa nam - tolchee (AI) fayyadamuun erga balleefamee booda miidiyaa hawaasummaa Telegraam irratti heddumminaan qoodameera.
Suuraleen tokko tokko kan ijoollee dubaraa umuriin xiqqaa ta’an akka faakkatu dhaabatti tikaa Sensity ibseera.
Namootni kana godhan garuu ‘bashannanaadha’ jedhu. BBC’n sooftiweerii kan yaalee kan ture ta’us bu’aa gadi aanaa argate.
Sensity'n akka jedhutti teeknoolojiin fayyadamame ‘deepfake bot’ kan jedhamudha jedha.
Deepfake kan jedhamu suuraalee jiran irraa fudhachun suuralee ykn viidiyoo sobaa dhugaa fakkataan kan kompitarri ofii uumudha. Malli kun kana dura viidiyoo namoota beekamoo fudhachuun viidiyoo saal-qunnamtii (poornii) sobaa ittin hojjatachuuf fayyadamaa tureera.
Ta’us garuu hogganaan Sensity Jorjiyoo Paartini teeknolojii kana suuraa namoota dhuunfaa irratti fayyadamuun waan haaraadha jedhu.
“Miidiyaa haawasummaa suuraa namni kamuu argu qabachuun eenyuunu wanta kanaaf ni saaxila,” jechuun akeekkachiisaniiru.
Bootii Telegiraami
Bootiin (softiweerii kompitarri maddisiisu) kun hubannaa nam – tolcheen (artificial intelligence-AI) deeggaramee miidiyaa hawaasummaa Telegiraamii keessa kan jiraatudha. Fayyadamtoonni suuraa dubaraa yoo bootii kanaaf ergan, kaffaltii malee daqiiqaa muraasa keessatti dijitaalaan wayyaa ishee irraa haquun kan qullaa jirtu fakkeessuu danda’a.
BBC’n eeyyama isaaniin suuraa dubartoota adda addaa bootii kanaan yaaluus kamuu suuraa dhugaa hin fakkatani- suuraan tokko handhuraa dubartii cinaacha isheerra kan jiru fakkeesse.
Applikeshiniin wal fakkaataa bara darbee cufamee kan ture ta’us, sooftiweeriichii garuu karaa seeraan alaan bayyifamee ammallee naanna’aa jira.
Namni tajaajilaa kana hogganuufi ‘P’ jedhamuun beekamu: “Danuu dhimma ittiin hin kennu. Kun wanta bashannanaa miidhaa hin qabnedha,” jedha.
“Qabiyyeen isaa dhugaa waan hin fakkaanneef namni kanaan nama doorsisu hin jiru.”
Dabalataaniis, gartuun kun suuraa qoodaman ilaalun “yeroo kan daa’immanii arginu fayyadamtoota sana gutummaatti ni dhorkina,” jedha.
Ta’us garuu murtee suurawwaan kana qooduun nama jalqabuma bootii kana fayyadame irratti hunda’aa jedha.
Sadarkaa miidhaa suuraawwan kun uumuu danda’an irratti yemmuu falmu “addunyaa kana keessa wantoonni miidhaa uumaan kan akka dhibee, waraanaa fi wantoonni hamoon biraa jiru,” jedheera. Dabalataanis suuraalee jiran hunda dhiyootti akka balleessu himeera.
Midiyaan hawaasummaa Telegraam kanarratti yaada akka kennuuf gaafatamuus deebii hin kennine.
‘Wantoota daa’imman fedhii saal qunnamtiif agarsiisan’
Akka gabaasa Sensity’tti Adoolessa 2019 fi 2020 gidduutti suuraan dubartootaa 104,852 ta’anii sobaan qullaa isaan fakkeessuun miidiyaa hawaassummaa gubbaatti qoodameera.
Qorannoon taasifame akka ibsuttii suuraaleen tokko tokko kan ijoollee waan fakkaataniis ‘kun ammo namootni bootii kan fayyadamuun wantoota daa’imman fedhii saal-qunnamtiif agarsiisaan qoodaa akka turanidha.”
Bootiin kun miidiyaa hawaasummaa Raashiyaa VK jedhamuratti baay'inaan beeksiifamaa kan ture ta’uu fi qorannoon miidiyichaa irratti taasifame fayyadamtoonni hedduun isaanii Raashiyaa fi biyyootii USSR jala turan ta’uu Sensity’n ibseera.
VK’n garuu “ fuuli keenya waantoota ykn marsariitiiwwan akkanaa hin eeyyamu namoota waan akkanaa raabsanis ni dhorka,” jedha.
Hanga jalqaba bara kanaatti Raashiyaa keessatti Telegiraamiin dhorkamee ture.
“Maarsaritoonni ykn appoonni kunneen dhoksaan miti kan hojjatan, sababiin isaan seeraan dhorkamoo waan hin taaneefi,” jedhan dhabbata Sensity irraa Jorjiyoo Patriniin.
“Hanga kun taasifamutti, haalli isaa hammaachaa deema sodaa jedhu qaba.”
Kanneen gabaasa kana qopheessan wanta argatan miidiyaalee hawaasummaa akka Telegiramii, VL fi dhabbilee seera eegsisan waliin qooduu isaani ibsanis, deebii hin arganne.













