Saalqunnamtii: Uggura koronaavaayirasii kana keessa icciitii viidiyoo saalqunnamtii baasuun haaloo wal bahuun dabale

Madda suuraa, Getty Images
Bara kana keessa gochi icciitii suuraafi viidiyoo saalqunamtii walii baasuun haaloo wal bahuu dabalaa jira jedhame.
Akka qaamoleen gocha kanaafi kana fakkaatan hambisuuf duula taasisan jedhanitti wanti kun erga sababa weerara koronaavaayirasiitiin namoonni akka hin sochooneef uggurri kaa'ameen boodadha.
Fakkeenyaaf biyya UK keessatti dhaabbata mootummaan deegaramu wanta akkanaa kana furuuf hojjetuuf bara akana mudannoo akkasii 2,050 gabaafameeraaf. Kunis, isa bara darbeerraa 22%'n dabale.
Sababa weerara koronaavaayirasiif jechu uggurri kaa'amee ture laaffataa dhufullee dhaabbanni dhimma kana keessatti tajaajila kennan gochi 'icciitii viidiyoo saalqunnamtii baasuun haaloo wal bahuu' kun garuu hir'achaa akka hin jirre sodaa qaban himu.
Amma erga uggurri koronaavaayirasii ittisuuf bahe kaafamaa jiruttis gabaasni akkanaa dabaluun waan baratamaa ta'uu agarsiisa jedhan.
Viidiyoowwaan saalaan walqabatan hayyama malee qooduun/gadhiisuun Ingilaand, Iskootilaand akkasumas Weels keessatti yakkadha.
Qorannoon dhiheenya kanaan walqabatee taasifame akka agarsiisutti dubartoota 7 keessaa 1 doorsisni fedhashee malee suuraa jaalallee ishee waliin kaate gadhiisuun akka mudateera.
Kanneen barana toora bilbilaa bilisaa kan mootummaan gargaarsa kennuun qophaa'etti bilbilan baay'ee yoo ta'u, kanneen keessaa 2/3ffaan dubartootatu bibile jedhame.
Hooggantuun toora bibilaa kanaa Soofi Mortimar gabaasni dabaluun amala namni uggura keessa horatedha jechuun himte.
Toorri bilbilaa kun kanneen intarneetii bakka naga qabeessa akka ta'uuf hojjetaniin kan gaggeeffamudha. Kunis, dhaabbata gargaarsaa South West Grid for Learning (SWGfL) hogganama.
Dhaabbati kun waggaa bara 2020 keessa suuraalee itti gabaafaman 22,515 haqeera. Kunis, kanneen itti gabaafaman keessaa 94% jechuudha.
Qorannoon dhaabbata UK 'Womens Aid' jedhamuun gaggeeffame kanneen nama haleellaa irratti raawwate waliin jiraatan keessaa 60% ol dhiibbaan irra gahu yeroo weerara koronaavaayirasii hammaachuu ibsan.
Kanneen icciitiin suuraa isaanii jalaa gadhiifamu keessaa garri caalan shamarran dargaggeeyyiidha jedhameera.
Folaamii Pirehaaye jaalalleen ishee duraanii suuraawwan icciitii ishee durii kan bara 2014 fedhii ishee malee toora interneetaa irratti gadhiise.
Kana gochuu isaatiif jaalallee ishee duraanii kun, ji'a jahaa keessatti yakki biraa yoo irratti argame akka hidhaa seenuuf irratti murtaa'e.
Ergasii isheen kanneen akka ishee miidhaan irra gahe gargaaruuf socho'uu eegalte.
Akka isheen jettutti, yeroo weerara koronaavaayirasii namoonni intarneeta irratti jaalallee waan barbaadaniif haaloo walirratti bahun jaalalleewwanii dabaluun isaa nama hin dinqu.
''Rakkoon yeroo hundaa jira, uggurri sababa weerara Covid-19 kun ammoo caalaatti akka mul'atu godhe,'' jechuun dubbatte.













