'Shiftaa sakattaana qe'ee keessan dhiisaa bahaa nuun jennaan waan qabnu mara dhiifnee baane' - Jiraattota Matakkal

Madda suuraa, Miseensa maatii Obbo Dojaa
Naannoo Beenishaangul Gumuz godina Matakkal aanaa Dibaaxiitti 'shiftaa' sakattaana jedhamuun jiraattonni qe'ee gadhiisanii dirqiin buqqaafamuu jiraattonni BBCtti himan.
Aanichatti qabata kanaan lubbuun namoota nagaa qaamolee nageenyaa mootummaatiin darbuu fi manneen isaanii gubachuu jiraattonni himaniiru.
Jiraattonni sababa kanaan qe'ee fi horataalee qaban dhiisanii magaalotatti buqqa'uu kannen BBC'n dubbise himan.
Hidhattoota sakattaana qe'ee keessan gadhiisaa bahaa kan jedhaman torban lama dura kan jedhan jiraattonni sodaa nageenyaaf maqaa isaanii hin eeramne BBC'n dubbise, ergaan kun immoo karaa raayyaa ittisa biyyaan itti himamuu eeranii jiru.
BBC'n dhimma kanarratti aangawoota aanaa Dibaaxee, godina Matakkalii fi naannoo Beenishaangul dubbisuuf irra deddeebiin yaaliin godhus hin milkoofne.
Qondaalli raayyaa ittisa biyyaa BBC'n dubbise tokko ammoo dhimma kanarratti odeeffannoo akka hin qabne dubbatan.
Guyyoota dura gabaasni waajjirri dhimmoota kominikeeshinii aanaa Dibaaxee karaa fuula Feesbuukii isaa maxxanseen, raayyaa ittisa biyyaa fi kutaaleen hawaasaa aanaa Dibaaxee haala nageenyaa fi finxaaleyyii qulqulleessuun haala danda'amurratti mari'atamuu ibseera.
Hiriirri hidhattoota 'Shanee' balaaleffatummoo magaalaa Gaalessaa keessatti guyyoota shan dura godhamuu kominikeeshiniin aanaa Dibaaxee barreesseera.

Madda suuraa, Maatii Obbo Dojaa
'Har'a bullaan ni dhumtu'
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Miseensi maatii abbaan isaa jalaa ajjeefame tokko, abbaan isaa Obbo Dojaa Mokonnin Dilbata Amajjii 11,2025 qe'ee keessatti qaamolee nageenyaatiin ajjeefamuu hima.
Guyyicha naannoo qe'ee isaaniitti lolli hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) fi humnoota nageenyaa mootummaa gidduu turuu dubbata miseensi maatii Obbo Dojaa kun. Abbaan isaa manguddoo ganna 70 olii ta'uus BBCtti himeera.
Dargaggoonni naannichaa yeroo baqatanitti isaan manguddoo waan turaniif dheessuu waan hin dandeenyeef rasaasan ajjeefaman jedha.
Kana malees, qaamoleen nageenyaa mootummaa manaa fi tuullaa midhaanii maatii kanaa gubuu dubbata.
"Ijoolleen baqatanii isaan ajjeefaman. Yeroo manni isaanii gubatu osoo watwaatanii rasaasaan dugda rukutanii ajjeesan."
Akka jiraataan kun jedhutti, naannoo isaaniii qofatti manneen 19tu gubate. Midhaan tuullaan hedduunis gubateera.
Jiraattonni bakka buqqa'anii jiranirraa yaada isaanii BBC'f kennan, buqqaafamuu isaaniin dura qaamoleen mootummaa walgahii waamanii akka buqqa'uu qaban itti himuu dubbatu.
"Bulchitoota aanaati kan nutti himan. Waltajjii waamanii 'kottaa walgahiin jiraa jedhanii ennaa dhaqnu, 'har'a bultanii asitti dhumtu' nuun jedhani," jedhu jiraataan ganda Tuskii Gambeelaa Obbo Waaqwayyaan [maqaan isaanii gabaasa kana keessatti jijjiirame].
."..biyya kana oppireeshinii goona jedhanii, ergasiis waan isaan hojjetan hin jiru. Ofiisaanii magaalaadhumarra jiraatu, takka takka nu keessa dhufanii deebi'u."
Jiraataan biraa immoo Obbo Fiixaa [maqaan isaanii jijjiirame], "Hanga Sanbata guddaatti yoo bahuu baattan ni [miidhamtu] nuun jedhan jedhu.
Ganda isaaniirratti namni tokko akka hin hafin hima Obbo Waaqwayyaan.
"Aanaan kun ganda baay'ee qabdi. Gandi baay'een kun immoo bakka gara garaatti battanamee buqqa'ee taa'aa jira. Waan jennee, waan ibsinu hin qabnu.
Ciraa isaa kana jechuudhaaf ni ulfaata. Yoona kana inni kaan haamaa jira, inni kaan immoo ooydii siribsiisaa jira. Inni kaan saqalaarraa boqqolloo qaba.
Inni kaan kan haamullee jira. Kana hundumaa lafa buusee waan har'a nyaatee bulullee waan tokko osoo hin fudhatin, horiinille jalaa harcaatee mandara keessatti akkasumatti hafte."
Wayita isaan buqqa'an immoo qaamni walii isaa hin beekne immoo jala deemee manaa fi tuullaa midhaanii akka gubu himanii jiru jiraattonni.

Madda suuraa, Maatii Obbo Dojaa
'Buqqaatonni iddoowwan sadirra faca'anii jiru'
Maddeen BBCtti akka himanitti, hawaasni gandoota aanaa Dibaaxee hedduurraa buqqa'e iddoowwan saditti faca'ee jira. Iddoowwan kunneenis, Qorqaa, Gaalessaa fi Giphoo ta'uu jiraattonni himanii jiru.
Qophii malee qe'ee fi qabeenya isaaniirraa buqqifamuu dubbatu, Obbo Waaqwayyaa
"Torbee geenye manaa fi qabeenya keenyarraa erga buqqaanee. Daandiitti baanee jirra. Kan nu qonne lagatti hafe, waan qabnu fudhannee akka hin baane yeroon nuuf hin kennamne. Waan nyaatnee bullu hin qabnu.
Aanaan kun ganda baay'ee qabdi. Gandi baay'een kun immoo bakka gara garaatti battanamee buqqa'ee taa'aa jira. Waan jennee waan ibsinu hin qabnu. Ciraa isaa kana jechuudhaaf ni ulfaata."
Uummanni kun bakka buqqa'etti hawaasni kun haala baay'ee rakkisaa keessa jiraachuu himaniiru buqqaatonni BBC'n dubbise kunneen.
"Shiftaa baafnaa buqqa'aa jedhan. Waan qabnu mara dhiifnee baane. Daa'immanii fi dubartii qabannee. Muka jala jirra, inni fira qabu fira bira deee," jedhu Obbo Fiixaan.
"Haati mucaa, isheen reefuu deesse, isheen garaatti baattu, manguddoon lafa taa'uu ka'uu hin dandeenye, kun hundumtuu diidarra taa'aa jira," jedhu Obbo Waaqwayyaanis.
Lammiileen kunneen bakka buqqa'anitti dawoo fi deeggarsa tokkollee qaama tokkorraallee argachaa akka hin jirre BBC'tti himanii jiru.
Beela, qorraa fi aduun dararamaa akka jiranii fi haalli kun dhibeef akka isaan saaxilu yaaddoodhaan himatu.

Madda suuraa, Maatii Obbo Dojaa
Aangawoonni Naannoo Beenishaangulgumuz maal jedhan?
Haala godina Matakkal aanaa Dibaaxee keessaa kanarratti BBC yaada aangawoota naannoo Beenishaangulgumuz, kan qondaalota waraanaa naannichatti gaggeessummaarra jiranii, akkasumas qaamolee kaanii fuudhuuf carraaqqii godheera.
Itti gaafatamaa waajjira kominikeeshinii aanaa Dibaaxee kan jedhaman Obbo Abarraa Shoonee, Bulchaa itti aanaa aanichaati kan jedhaman Obbo Mulaalem Maammoorratti irra deddeebiin bilbilluufis bilbila hin kaasan.
Pireezdaantiin naannichaa Obbo Ashaadlii Hasanis akkasuma bilbila hin kaasan.
Qondaalli olaanaan raayyaa ittisa biyyaa naannawa kanatti ramadaman kan BBC'n bilbileef bilbila kaasanis dhimma kanarratti odeeffannoo akka hin qabne nuu ibsuun bilbila cufatan.
Dhimma buqqaatii uummataa torbaan lamaaf deemaa jiru kanarratti yaada isaanii dhagahuuf, Komishinii Mirgoota namoomaa Itoophiyaatti Daarektara Olaanaa hordoffii fi qorannoo mirga namoomaa kan ta'an Obbo Badhaasaa Lammeessaaf bilbilleerra. Isaanis bilbila hin kaasan.
Waajjirri dhimmoota kominikeeshinii aanaa Dibaaxee ergaa karaa fuula feesbuukii isaa guyyaa jaha dura maxxanseen raayyaan ittisa biyyaa fi kutaaleen hawaasaa aanaa Dibaaxee haala nageenyaa fi finxaaleyyii qulqulleessuun haala danda'amurratti mari'atamuu ibse.
Hiriirri hidhattoota 'Shanee' balaaleffatummoo magaalaa Gaalessaa keessatti godhamuu waajjirri dhimmoota kominikeeshinii aanaa Dibaaxee kun barreesseera.

Madda suuraa, Maatii Obbo Dojaa















