Intarneetii Afriikaa: Motummoonni Afriikaa eessaafi attamiin intarneetii cufaa jiru?

Madda suuraa, Getty Images
Feesbuukii, Twitar ykn WhatsAppiin hinjiru.
Haalli akkanaa kunis biyyoota afriikaa kanneen motummoonni yeroo garaa garaatti inatrneetii cufaniifi midiyaalee hawaasaa keessatti ugguranitti caalaa dhimma baramee ta'aa dhufeera.
Yugaandaan biyya dhiheenya kana filannoo pireezidaantii Amajjii 14 gaggeessuun dura uggura kana raawwattedha.
Rogeeyyonni mirgoota dijitaalaa gochaan kun bilisummaa pireesii cabsa yoo jedhan, mootummoon garuu nageenya eegsiisuuf jechaa jiru.
Uggurri intarneetii attamiin hojjata?
Mootummaan dhiyeessitoota tajaajila inatrneetiin (ISPs) ajajuun akka namoonni hinfayyadamne ugguru danda'a.
Jalqabarrattis, toorawwan midiyaalee hawaasaa beekamoo ugguuruun eegala.
Dubbichi yoo cime ammoo aanga'oonni akka argama intarneetii hunda ugguraniif dhiyeessitoota tajaajilcihaa ajajuu danda'u.

Madda suuraa, Getty Images
Biyyoota kamiitu intarneetii ugguraa?
Taateen uggura intarneetii afriikaa keessaatti dabalaa jira.
Yugaandaan dhiyeesitoota tajaajilaa intarneetii waltajjiiwwan midiyaalee hawaasaa fi aappiiwwan ergaa daddabarsan hunda akka ugguraniif ajajjeetti.
Fayyadamtoonnis aappiiwwaniifi marsariitiiwwan muraasa argataa kan hinjirre ta'u komii kaasuu eegalaniiru.
Haaluma walfakkaatuun, Taanzaaniyaanis tibba filannoo Onkolooleessa darbe gaggeesitetti appilikeeshiniiwwan miidiyaa hawaasaafi intarneetii uggurte turte.
Waxabajjii bara darbee keessa ammoo hokkora ajjeechaa artistii Oromoo beekamaa, Haacaaluu Hundeessaa hordofuun uumamee tureen walqabatee, Itoophiyaan baatii tokkoof intarneetii cufte turte.
Akkasumas Zimbaabiwee, Toogoo, Buruundii, Chaad, Maalii fi Giiniin bara darbe keessaa yeroo garaa garaatti intarneetiifi midiyaa hawaasaa ugguranii turan.
Bara 2019 keessa taateewwan cufamu intarneetii guutummaan ykn hanga tokkoo 25 kan galmaa'ee yoo ta'u, bara 2018 ammoo yeroo 20 fi bara 2017tti ammoo yeroo 12 akka mudate galmaa'eera jedha gareen to'annoo walabaa 'Access Now'.
Gareen kun akka jedhutti, bara 2019 keessa biyyoota 14 keessaa torba uggura raawwatan waggoota lamaan dura akka hinraawwatiin hime.
Biyyoonni haaraan Beeniin, Gaaboon, Eertiraa, Laayiberiyaa, Maalaawii, Morishiyees fi Zimbabiweedha.
Kunis qaama adeemsa addunyaa kan biyyoonni 213 irra deddeebiin intarneetii ugguuraniidha. Kunis kan bara 2017 wal bira qabamee yoo ilaalamu 106 ture.
Gareen kun akka jedhutti, Afrikaa keessatti uggurri taasifamu kun naannolee ykn garee namoota muraasa mormuuf jecha, garuu biyyattii guutuutti dhiibbaa wayita taasisan mul'ata.
Uggura bara 2019tti taasifame 25 keessaa taateewwan 21 guutuu biyyaa ykn irra caalaa biyyaa miidhee ture.
Itoophiyaafi Sudaan qofaatuu uggura irratti xiyyeeffatee jira.
''Kunis uggurawwan guddataa dhufuu mul'isa. Akkasumas haalaan bal'ataa fi dhiibbaan isaas namoota Afriikaa keessa jiraatan baayyee irratti dabalaa dhufeera,'' jedha gareen kun.
Biyyoota hedduu keessatti, aanga'oonni tajaajila intarneetii namootni dhuunfaa argatan akka ugguramu dhiyeesitoota tajaajilaatiif ajaja dabarsaa jiru.
Malli beekamaan fayyadaman tokko uggura URL irratti hundaa'edha.
Kunis saccaatuu akka namoonni toorawwan dhorkaman hinfayyadamne ittisuudha.
Tarii fayyadamtoonni toorawwan kanneen fayyadamuuf yaalanis ergaawwan garaa garaa kan akka ''Serve not found'' ykn "this site has been blocked by the network administrator" jedhaman argachu danda'u.

Madda suuraa, Getty Images
Malli gara biraa ammoo hudhuu (throttling) jedhama.
Adeemsi akkasii kunis akka waan tajaajilli dadhabaa ta'ee fakkeessuun tiraafikni gara toorawwan adda baafamaniitti akka hindabarreef danqa.
Dhugaatti toorri ugguramaniifi hin ugguuramne ykn sababii bu'uraalee biroodbaandii dadhabaatiin kan uumame ta'uu adda baasuuf rakkisaa ta'a.
Akka tarkaanfii dhumaatti kubbaaniyoonni telekoom guutummaatti tajaajilasaanii cufuun argama daataa hunda akka dhorkaniif gaafatamu danda'u.
Dhiyeessitoonni rakkoo tajaajilaa jechuu danda'u?
Dandeettiin motummoonni intarneetii to'achuuf qabanis dandeettii to'annoo kubbaaniyoota telekomunikeshiin irratti qabaniin murtaa'a.
Dhiyeessitoonni tajaajila intarneetii mootummaadhaan hayyamni kan kennamuuf waan ta'aniif, yoo didan adabbii ykn hayyama saanii dhabuuf saaxilamu danda'u.

Madda suuraa, Getty Images
Kubbaaniyoonni garuu manneen murtiitti iyyachuuf mirga kan qaban yoo ta'u, qabatamaan kana kan raawwatan baayyee xiqqaadha. Haata'u malee, haalli addaas ni jira.
Bara 2019 keessatti, Manneen murtii Zimbaabiwee erga mootummaan intarneetii uggureeen booda deebisee akka saaquuf murteessaniiru.
Deebii murtee kanaatis, mootummaan seera to'annoo cimaa intarneetii irratti qabaachu isa dandeessisu baase.
Ministeerri Odeeffannoo Zimbaabiwee, Moonikaa Mutsvaangaa akka jedhanitti kunis ''intarneetiifi teeknolojiin kanaan wal qabatan akka bu'aa hawaasaatiif qofa oolan malee nageenya biyyaalessaa akka hindiigneef kan mirkaneessudha'' jedhan.
Kana malees '' Itoophiyaan biyyoota telekominikeshiniin ammalleen bilisa hintaanetti, ammalleen adda'' jedha. Daarektarri Intarneetii Hawaasaa kan Biiroo riijina Afrikaa, Daawwit Baqqalaa.
"Itoophiyaa keessa dhaabbata mootummaan to'atamu tokkichatu jira. Kanaafuu intarneetii cufuuf haala salphaan itti fayyadamuun ni danda'ama'' jedhan.

Madda suuraa, Getty Images
Intarneetiin gutummaatti kan cufe yoo ta'een alatti, haalliwwan namoonni ittiin danqaawwan kanneen darbu danda'an ni jiraata.
Malli baramaan tokkoo Neetiworkii 'virtual private networks' (VPNs) jedhamu fayyadamuun. sararriiwwan kunnneenis haala dhiyeessitoonni tajaajilaa torawwan ittiin dhorkan rakkisaa jalaa taasisa.
Akkasumas motummaan VPNs cufu ni danda'a, garuu ammoo sababii kun dippilomaatoota biyya alaatiifi kubbaaniyoota gurguddaa mala kana fayyadaman miiduuf motummaan kana gochuuf baayyee hinkaka'u.
Motummoon Afrikaa muraasnis ''oduun sobaa'' baayyachuu uggura hojiirra oolchuuf akka sababaatti kaasu.
Haata''u malee, xinxaltoonni fi mormitoonni gareewwan motummaan qeeqan irratti qoqophaa taasisuuf kana akka dhiifamaatti fayyadama jedhu. Haalli kunis yeroo baayyee fuulawwan feesbuukiifi WhatsAppii irratti wayita ka'u dhagahama.
''Filannoon dura, tibba filannoofi booda saa, sababii waldhabdeetiin motummoonni intarneetii cufuu dhaqu'' jedha Baqalaan.















