Shamarree sagantaa abuurraa addeessaa Chaayinaa duuba jirtu

Madda suuraa, CCTV
Shamarreen ganna 24 dhaabbata hawaa Chaayinaatti komaandara taatee, dalagaa isheen Sagantaa Abuurraa Addeessaa Chang’e-5 irratti raawwatteef miidiyaa hawaasaa Chaayinaa irratti dubbii ijoo taatee jirti.
Dhaabbata rokeetii hawaatti furguggifamu Weenchaang keessatti umriidhaan ishee xiqqoo haa taatuyyuu malee Zhuu Cheengyuun maqaa kabajaa ‘obboleettii guddoo’ jedhamuun waamamti.
Imalli hawaa Chang’e-5 waggaa torba keessatti ergama milkaa’inaan yeroo sadaffaaf addeessarra qubate dha.
Maarree shamarreen Zhuu immoo sirna rookeetii wal-qaqqabsiisuuf itti gaafatamummaan hojjechaa turte, gaheenshee kunis ‘murteessaa’ jedhamuun ibsameera.
Astiroonatiin ol-adeemaa jirtu kunis erga miidiyaa mootummaa Chaayinaa dubartoota milkaa’ina Chang’e-5 irratti hirmaatan jechuun maqaa dhaheen booda miidiyaa hawaasaa Chaayinaa Weeboo irratti namuu waa’eeshee haasa’aa tureera.
Keesumaa umriin kaanirra xiqqoo tahuunshee mataduree ture. Fayyadamtoonni miidiyaa hawaasaa cimina ishee leellisuun biyya isaaniif ‘madda sabbonummaa’ akka taate ibsaa turan.
Namootni baayyeenis boodatti hafne jechuun ofitti qoosaa milkaa’ina isaanii kan ishee waliin dorgomsiisaa turan.
Akka miidiyaan Diyoosiyaa Guuwzhuu gabaasetti shamarreen kun beekamtiin daandii hojiishee akka hin dinqineef jecha af-gaaffiif irra deddeebiin gaafatamtus diddeetti.
Kaayyoon Chang’e-5 maqaa addeessa ayyaantuu Chaayinaan moggaafate kun kattaawwanfi biyyoo sirna aduu keessa jiran funaanuun saayintistoonni waa’ee addeessaa akka qoratan gargaaruu dha.
Yoo milkaa’eef sirna aduu keessaa samuuda fiduun kun waggaa 40 keessatti isa jalqabaa taha jechuu dha. Kanaan Chaayinaan, Ameerikaa fi Raashiyaatti aanuun biyya sadaffaa taati.
Ergamni ammaa kuni Beejingiin qorannoo hawaatiin ‘olaantuu’ gochuu dha. Miidiyaan mootummaa ‘hawaa abjuu’ yoo jedhu, ‘jijjiirama biyyaalessaaf’ tarkaanfii tokko fuulduratti.. jechuun kan jajan immoo Pireezidantii biyyattii Zhiin Piing dha.

Madda suuraa, CCTV
Chaayinaaf hawaa abuuruun teeknolojiidhaan fagaachaa akka jirtu agarsiisuufi humna addunyaan qalbiin qabachuu qabu akka taate akeekuuf fayyadamti.
Chaayinooti baayyeen oduu durii wa’ee ayyaantuu addeessaa Chang’e jedhamtu dhagahaniiru.
Ayyaantuun kun dawaa barabaraan nama jiraachisuu dhugdee otoo hin beekiin abbaa manaasheef hin hambisiin hafte.
Achiin hanga addeessaatti balali’uu waan dandeesseef hanga inni du’utti bira turti. Seenaanshee jila arfaasaa keessa qophaa’urratti waggaa waggaan himama.
Kanaaf ture ergamni Chaayinaa gara addeessaatti taasiftu kun dubartoota ciccimoo waamaa kan ture.
Suuraan Zhuu Cheengyuu miidiyaa biyyattii baayyee irratti mul’achaa ture, mata duree ‘loltuu fuulduree hawaa fi obboleettii guddoo,’’ jedhuun. Dargaggoota Chaayinaafis fakkeenya taati jedhameera.
Chaayinaan dubartoota cimoo agarsiisuu haa yaaltuyyuu malee, hoggansi sadarkaa olaanaa biyyattii dhiiraan kan dhuunfatame dha.
Baatii Sadaasaa keessa gaazexaan biyyaalessaa Giloobaal Taayims fayyadamtoota intarneetii milkaa’ina dubartootaa kanneen akka saaynitistii fayyaa Cheen Wee, dubbii himtuu ministira alaa Huwaa Chuuyiing fi dorgomtuu ispoortiiUFC, Zhaang Weelii irratti yaada akka kennan affeeree ture.
Ta’us ammayyuu Chaayinooti baayyeen gaheen dubartootaa seektaroota garaagaraa ammallee gad-aanaa dha jedhu. Fulbaana keessa TV’n Chaayinaa diraamaa shoora dubartootaa saalaan looge jedhame agarsiise dubbii ijoo ture.














