'Tuuristiin yeroo jalqabaaf addeessarra ejjetu beekame

Madda suuraa, Getty Images
Abbaan qabeenyaa Kaampaaniin SpaceX Eloon Maask imala dhuunfaa yeroo jalqabaaf gara ji'aatti geessu beeksise
" Dureessichi waggaa 42 Yusaakuu Maa'ezaawa ''gara ji'aatti deemuu filadheera'' jedheera.
Imalli kun bara 2023f kan karoorafame yoo tahu bara 1972 asitti imala gara adeessaatti taasifamu ilmoo namaa isa jalqabaati
" Haa ta'u malee rookkeettiin furga'aa imallii kun itti taasifamu hanga yoonaa hin hojjetamne jedhu Maask.
Beeksisni imala kanaa waajjira SpaceX Kaalifoorniyatti gaafa Kibxataa bahe.
Abbaan qabeenyaa SpaceX Eloon Maask imala akkanaa akka taasisuu danda'an bara 2016 tti beeksisanii turan.
Kunis namooti abjuu gara hawaa imaluuf qaban milkeessuu malas jedhanii turan. Namni inni jalqabaas lammii Jaappaan akka tahuu danda'u eeranii turan

Madda suuraa, SpaceX
Namni gara hawaatti imaluuf jedhan bara darbe caalbaasii Niwoorkitti adeemsifameen fakkii tokko doolaara miiliyoona 11.5 bituun isaanii dubbii ijoo tahee ture.
Seenaa addunyaatti namoota 24 tu ji'a daawwate, hundinuu lammiilee Ameerikaa yoo tahan 12 isaanii ji'arra qubataniiru.
Dureessi kun imala gara hawaattii godhuun artistoota addunyaa jaha yookiin saddeet tahan na wajjin akka deeman nan affeera jedhaniiru.












