Adoolessa 27 lafti addeessa gaaddiddeessiti

Madda suuraa, NASA
Dacheen Addeessa gaafa haguugu Adoolessa 27 2018 mul'achuuf jira.
Haguuggii addeessaa ka akka kana dheeratu Jaarraa 21 keessatti duraan hin argamne jedha qorannoon hawaa ka Ameerikaa (NASA).
Yoo milkoofte saa'ati tokko fi daqiiqaa 43 arguu dandeetta.
Gaadiddeessuun addeessaa maal?
Gaadiddeessuun addeessaa ykn kan 'Eclipse' jedhamu kun aduu, lafaafi addeessi walitti yoo aanoman uumama.
Kana jechuun lafti kallattiidhaan aduufi adeessaa qixxalamaan tahuun adeessa ifa aduu dhorkiti.
Gaaddiddeessi kunis yeroo addeessi gaaddisa lafti uumtu jala galtu uumama.
Taateen kun sa'aatii tokkoof daqiiqaa shantamii shan keessattii uumama.

Madda suuraa, Getty Images
Eessaafi yoom mul'atti?
Gaaddideessichi Kaaba Ameerikaan alatti Awurooppaa, Afriikaaf, Baha gidduugaleessaa, Gidduugala Eshiyaafi Awustiraaliyaatti mul'ata.
Ilaaluufis teleeskooppii osoo hin taane meeshaa salphaa fagoorraa mul'isu baayinaakulaar jedhamutu isin barbaachisa
Iddoo arguu dandeessan jirtu taanaan halkan sa'aatii 2:21tti addeessa arguuu jalqabdu.















