Chaayinaan faana USSR fi USA hordofuun Addeessarraa dhagaa fiduufi

Madda suuraa, Getty Images
Erga bara 1970'oota as yeroo jalqabaaf Chaayinaan Addeessa yookiin ji'arraa dhagaa fiduufi.
Xiyyaarri 'Chang'e-5' jedhamtuufi namni keessa hin jirre ergama kanaaf gaafa Kibxataa furguggifamti. Dhagaan ishiin fidduus maddaafi bu'uura ji'aa baruuf dandeessisa jedhameera.
Yaaliin walfakkaataa bara 1976, xiyyaara Sooviyeetii 'Luna 24' jedhamtuun taasifameera.
Yaaliin qorannoo tibbanaa yoo milkaa'e, US fi USSR'tti aantee Chaayinaan biyya sadaffaa dhagaa lunar yookiin dhagaa ji'arra jiru argachuuf biyya yaalii taasiste taati.
Xiyyaarri 'Chang'e - 5' jedhamtu waaqa ji'a Chaayinaa duriirraa kan moogga'edha.
Yaaliin kanaan Chaayinaan dhagaa kiloogiraama lama ta'u fiduuf karoorfatteetti. Bakki dhagaan walitti qabamus, bakka kana dura bira hin gahamnedha jedhameera.
Kana dura Raashiyaan yaalii taasisteen bara 1976'tti giraama 170 walitti qabde. Duulli Appoloo Ameerikaan taasifteenimmoo dhagaafi biyyoo kiloogiraama 382 fiddeetti.

Madda suuraa, Getty Images
Yaaliin amma Chaayinaan taasifamu jiini yeroo hangamiif volkaanoo akka qabaataa turte, akkasumas kaan sirriitti hubachuuf dandeessisa jedhamee abdatameera.
Chaayinaan yeroo jalqabaaf ji'arra kan qubatte bara 2013 ture. Waggaa kudhan keessammoo Maarsirraa saamuda walitti qabuuf karoora qabatteetti.














