Inistaagram, Eebbamoo abaarsaa?

Hassxaa Instagram

Madda suuraa, Reuters

    • Barreessaa, Shiona Maakkalum
    • Gahee, Gabaastuu Teeknoloojii

Miidiyaa hawaasummaa bebbeekamoo keessaa tokko kan ta'e Instagram irratti gaaffiin ka'aa yeroo jiru kanatti namoonni miidiyaa hawaasummaa kana irratti muuxannoofi mudannoo isaanii dhugaa bahu.

Irribarraa kaatee bilbila kee fudhattee Instagram banuun gayyaasuu (scrolling) eegaluun waanuma barame ta'eera.

Hedduu keenyaaf hojii yeroo hunda harkaa qabnu ta'eera. Garuu appilikeeshiniin kun hangam fayyaa samuu keenyaa miidhaa?

Rakkoo Facebook qaqqabsiisu ilaalchisuun dhoksaa jiru ifatti kan dubbatte Firaansiis Hahugeen Instagram "miidiyaalee hawaasaa biroo caalaa baayyee hamaadha," jechuun akeekkachiifte.

Dubartiin kun qaama seeraa US dhimmi ilaallatu duratti dhiyaattee dhoksaa jiru kana kan dubbatte erga Facebook qorannoon inni ofumaan gaggeesse Instagram miidhaa akka qaqqabsiisaa jiru agarsiisee boodadha.

Yeroo sanatti Instagram qorannichi, "dhimmoota wal-xaxoofi rakkisoo ta'an hubachuudhaaf dhimmameetti," agarsiise jedhe.

Namoonni siyaasaa waayita dhiibbaa miidiyaa hawaasummaa ilaalchisuun qorannoofi hordoffii cimsaa jiran kanatti BBCn muuxannoo Instagram irratti qaban ilaalchisee namoota shan dubbiseera.

Hawaasa ijaaruu

Daaniin Instadram ilaalchisee hariiroo jaalalaa-jibbaa qabdi. Daniin shmarree umuriin ishee waggaa 29 taate Kibba Weels jiraattudha. Jireenyashee galii miidiyaa hawaasummaa kanarraa argattuun gaggeeffatti. Daaniin karaa toora miidiyaa hawaasummaa kanaan hawaasa saala isaanii dhalaa gara dhiiraa ykn dhiiraa gara dhalaatti jijjiirratan ijaarteetti.

Haata'u malee, bifasheefi dhaabbiishee ilaalchisee arrabsootu ishee qaqqabu.

Dani St James
Ibsa waa'ee suuraa, Daaniin Instagram hawaasa ijaarteetti

"Instagram jireenya kiyyaaf eebba hunda caaluufi abaarsa hunda caaludha," jechuun BBCtti himte Daaniin.

"Yeroo nama saal jijjiirrate taatee akkaawontii dhuunfaa hin taane qabaattu, karaa kamiiniyyu arrabsoodhaaf si saaxila - keesumaa arrabsoon tokko tokko karaa oonlaayinii na qaqqaban ammoo kan jireenya namaa balleessudha.

"Yaadawwan jibbinsaa gara malee nama hammeessa. Namni ta'e ammoo keessuma bahee ergaa barreeffamaa suura waliin natti ergee namoonni ammoo isa fudhatanii arrabsoon na salphisaa turan."

Firaansiis Hahugeen koree waloo Miseensota Paarlaamaatti Instragram waa'ee "orgommii hawaasummaafi waa'ee qaamotaati... waa'ee mala jireenyaa namootaati waan ta'eef daa'immaniif waan badaadha," jechuun dubbatte.

Araada alkoolii dhuguu hamaa keessa turte mo'attee keessaa kan baate Daaniin, miidiyaan hawaasummaallee araada namatti ta'uu akka danda'u himti.

"Waggoota muraasaaf miidhaa dhugaatiirraa bilisa ta'een ture, amma garuu namoota warra araadaaf saaxilamuu danda'aniif Nstagraam gadhee akka ta'etti natti dhaga'ama. Amala araada nama qabsiisuu qaba, ammas ammas fidi siin jedha."

Kampaanii maatii Instagram kan ta'e Meta'tti pirezidantiin ittaanaa dhimmoota addunyaa Sir Nick Clegg, "ijoolleen dubraa ol-adeemoo ta'an harki caalaan fayyaamuu isaatti [Instagram] ni gammau," jechuun miidiyaa hawaasummaa kanaaf falmaniiru.

Kampaanichi miidhaa Instagram qaqqabsiisu ittisuudhaaf wanta akka fayyaamtoonni dhaamsanii keessaa bahuun boqonnaa fudhatan yaadachiisu jalqabsiisuu abalatee tarkaanfii gara gara fudhachuu akka jiran dubbata.

Sansakaa/dhaabbii qaama namaa

Haanaan miidiyaa hawaasummaa fayyadamuu kan eegalte ijoollummaa irraa kaasteeti. Guyyaatti sa'aatii ja'aa hanga 10 miidiyaa hawaasummaarratti dabarsiti.

Shamarree umuriin ganna 24 taate kun Yunvarsiitii Iskootlaand Lixaatti argamu Ayir jedhamutti barachaa ka jirtu yoo ta'u, miidiyaaleen hawaasummaa gurguddoo jiru jedhamu hunda; Facebook, Instagram, Twitter, Snapchat fi TikTok irratti akkaawontii banattee qabdi.

"Ganama ka'ee ergaafi yaadachiisawwan jiran hunda ilaalaa amala godhachuun waan badaadha," jechuun ibsiti.

Hannaa Dalii

"Kun waan dhumaa osoo hin rafiin dura ilaaludha. Guyyaan koo guutuun miidiyaa hawaasaa irra naannawuudha.

Guutummaatti araadni Tik Tok na qabateera. Al takkaatti sa'a muraasaaf taa'een dadabarsee ilaalaa oola. Yeroo koo balleessuu akka tahe nan beeka... Yeroon yaalii daangessuuf jedhus jira.

Inistagiraamii irratti ammoo Haanaan namoota dhiibbaa uuman kanneen waa'ee dhaabbii qaamashee akka jibbitu ishee godhan hordofti.

''Qaamni koo akka kan isaanii fakkaachuu qaba jedhee akkan yaadu na godha. Sana booda abdii hin taane modelii baay'ee qal'oo taaten taha jedheen yaada.

Kun sammuukoo waan miidheef cufeen namoota akkasiis hordofuu dhiise.

''Namni hunduu mudhiin isaanii 6, baay'ee qal'oo, modelii dhedheroo tahuu akka dandeenye hubadhe. Namoota irra caalaa na fakkaatan hordofuuttan ka'e. Kun ofitti amanannaakoo fooyyesse.''

Shamarreen umuriin ishee waggaa 15 taate Annisaa, qabiyyeewwan qabiyyee hin taane qaban ofirraa ittisuuf jecha akkaawontiiwwan hordoftu jijjiirteetti.

Haata'u malee, ergaawwan arguu hin barbadne oonlaayinii argaa jirti ammallee.

"Akkaawontiin namoota tokko tokkoo naannawaa farra duudhaa hawaasaa ta'e akka uuman hubadheera. Sababiin isaas ani ol adeemtuudha, wantota sammuu namaa gara hin taanetti jijjiiranirraa of eegganna taasisuun akka narra jiraatu nan hubadha," jetti Annisaan.

"Akka Musliima tokkootti, waa'ee keenya ilaalchi badaan aakka jruutti natti dhaga'ama... kanaaf qabiyyeewwan akkasii yeroon argu isaan hordofuun dhaaba."

Keessumaa yeroo hiriyyoota isaanii waliin viidiyoo hojjetan, shamarran muuxannoo isaan gammachiisu miidiyaa hawaasummaa irratti akka abarsan ddubbatu.

Iskaarlet ammoo akkas jetti: "Viidyoowwan akkaataa nyaata itti bilcheeffatan ilaalaa yaaluun waan baayyee baradheera; karaa viidiyoo oonlaayinii kana ogummaawwan hedduun baradhe.

"Akkaawontoonni waan dhugaafi haqa ajaa'ibaa qaban hedduunis ni jiru. Jireenyaaf gorsaafi qajeelfamawwan barbaachisan ni argamu - wantonni hin taane wantota ta'an kan caalan ta'anillee waan hundumaatu kan hin aane mitit."

Hawaasummaarraa bilisa

Mana barumsaatti namoonni hundinuu Instagram irra miti. Shamarreen umuriin ishee waggaa 15 ta'e Liihaan ammallee akkaawontii miidiyaa hawaasummaa banachuun hin hayyamamneef.

"Sababii wantota hin taane achi keessa [miidiyaa hawaasummaa] keessa jiran irraa kan ka'een murtee haadha kiyyaa nan amana," jettei.

Leah
Ibsa waa'ee suuraa, Lihaan Instagram akka fayyadamtuuf hin hayyamamuuf

"Ani osoon miidiyaa hawaasaa qabaachuu nan fedha, sababiin isaa hiriyyoonni kiyya hundinuu waan qabaniif akka waanan isaanirraa adda baheetti natti dhaga'ama. Haata'u malee, garuu waan badaa isaas nan beeka. Oduu waa'ee hiriyyoonni kiyyaa suurawwan hin taaneefi viidiyoowwan rifaasisoo ta'an namoonni umurii keenya keessa jiran ilaaluu hin qabne baay'ee akka isaan qaqqabu nan haga'a."

Fulbaana keessa, Meta - kan kanaan dura Facebook jedhamuun beekamu karoora daa'imman umuriin isaanii waggaa 13 gadi ta'eef Instgram dhaabuu ifoomsee ture.

Kampaanichi akka jedhetti "maatiiwwan [ijoollee], ogeessonni, seera baastonniifi warreen to'atan," maal akka jedhan yeroo fudhatee maal akka jehan haggeeffachuu barbaada," jedhan dursaan Instgram, Adam Mosserii.