TikTok dheerina viidiyoo maxxanfamu daqiiqaa tokkoo irraa sadiitti guddise

Madda suuraa, Getty Images
TikTok dheerina viidiyoo miidiyaa hawaasummaa irratti maxxanfamu daqiiqaa tokko irraa gara daqiiqaa sadiitti guddiseera.
Hogganaan gabaa dhaabbatichaa Drew Kirchhoff jijjiiramni kuni ‘bashannanaafi seenaa gaarii himuuf gargaara,'' jedhan.
TikTok bara 2018tti hojii erga jalqabeen as dorgomtootasaa YouTube fa’iin addatti maamilootasaaf sekoondii 60 qofa eeyyama ture.
Jijjiiramni kuni ‘torbanoota dhufanirraa’ kaasee fayyadamtoota hundaaf hojiirra oola.
Keeraa Istuwaart ogeettii meeshaa muuziqaa dibbee yoo taatu viidyoo TikTok irraan gadhiistu miiliyoonaan ilaalameeraafi daqiiqaa sadiitti guddachuusaa garuu hin deeggartu.
‘’TikTok kan milkaa’ina hanga kanaa argate qalbii keenya yeroo gabaabduu keessatti qabachuu danda’uudhaani,’’ jetti.
‘’Daqiiqaa sadiitti guddachuun appii kanaa akka malee jijjiira,’’ jetti.
TikTok gama isaatiin jijjiirama kana gochuun kan barbaachise fayyadamtoonni,’’ yeroo xiqqoo nuu haa dabalamuu,’’ jechuu isaaniin jedha.
Viidyoon baayyee iddoo baayyeetti ciccitee maxxanfamaa waan jiruuf jijjiiramni kuni isafaa hambisuuf gargaara jedha.
Miidiyaaleen hawaasummaa viidiyoodhaaf yeroo dheeraa qaban baayyeen gatii jiraniif milkaa’ina TikTok argate jalaa hanqisuu danda’a.
Tahus gareen aappii kanarratti hojjetan jijjiirama kana gochuun faayidaansaa akka caalutti amanu.
Inistaagiraamis torbee kana keessa aappiisaa irratti jijjiirama gochuuf yaaduu ibseeera.
Innis akkatti fayyadamtoonni qarshii argachuu danda’aniifi ergaa walii dabarsuu irratti viidiyoo irratti xiyyeeffachuun hojjenna jedhe.













