TikTok wanta fayyaa sammuu fayyadamtootaaf ni gargaara jedhu gad dhiisuuf akka jiru beeksise

Hasxaa TikTok

Madda suuraa, Getty Images

TikTok tajaajila kennaa jirurratti wanta namoota dhibee fayyaa sammuu qabaniifi ofillee ajjeesuuf yaadu jedhu gargaaru tolchuu beeksise.

Miidiyaan hawaasaa viidiyoo gaggabaabaa dhiyeessuun yeroo ammaa fudhatamni isaa daran dabalaa dhufe TikTok, qabiyyeen addaa amma dabalataan tajaajiltootaaf gadi dhiise kun qajeelfamoota namoonni dhibee fayyaa sammuu qabaniifi rakkoo amala nyaataa jeeqamaa ta'een rakkatan ittiin of gargaaran dabalata.

Fayyadamtoonni jecha akka "suicide" [lubbuu ofii balleessuu] jedhuun seenanii yeroo barbaadanittis, gara gargaarsa argachuu danda'an kuusaa beekumsaafi hubannoo barbaachisaa ta'etti isaan geessufis tolfameera.

Tajaajilli addaa TikTok qopheesse kun kan jalqabe morkataa isaa kan ta'e Instagram, tooftaa ittiin dhiibbaa fayyaa waliigalaa fayyadamtoota isaarra gahu ittiin hordofu beeksisuu isaa boodadha.

Beeksisicha keessatti TikTok akkas jedhe [afaan Ingiliziin as keessa jira]: "Nuti waa'ee hawaasa keenyaa baayyee dhimmamna waan ta'eef, yeroo hunda karaa haaraa ittiin fayyaan isaanii eegamuu danda'u ni falla.

"Kanaafidha kan nuti tarkaanfii dabalataa fudhannee namoonni salphaatti TikTok irratti hubannoofi beekumsa hubannoo fayyaa sammuu isaani cimsan akka argatan gooneef."

Photo from TikTok

Madda suuraa, TikTok

Qabiyyeen haaraan kampaanichi ji'oota dhufanirraa kaasee guutummaa adunyaarratti gadi dhiisuuf jiru kun, qajeelfama namoota rakkoo fedhii nyaataa jeeqamaa qaban ittiin gargaaraman, akkasumas yeroo rakkoon isaan mudatu fayyadamtoonni deeggarsa naannoo isaaniitti akka salphaatti argachuu danda'an kan gargaaru dabalata.

Karaa Crisis Text Line jedhuun jechoota akka 'suicide' jedhu fa'i galchanii gara deeggarsa naannoo jiranii itti argachuu danda'anitti qajeelfamu.

TikTok akkuma miidiyaalee hawaasaa biroo sababa rakkoo fayyaa sammuu qaqqabsiisuun, keessumaa ammoo ijoollee ol-adeemoo ta'anirratti geessisaa jiruun baayyee qeeqamaa jira.

Gabaasni 'Education Policy Institute and The Prince's Trust'n jalqaba waggaa kanaa bahe akka agarsiisutti, fayyaan sammuu ijoollee ol-adeemoo miidiyaa hawaasaa akka malee fayyadamuudhaan miidhamaa jira.

Haalli sammuu ijoollee duraan sadarkaa kamirrayyuu yaa jiraatu fayyadamni miidiyaa hawaasaa kun fayyaa isaaniirratti miidhaa qaba, caalaatti ammoo ijoolleen durbaa miira mukaa'uufi abdii kutuu akka isaan mudatu bira gaheera jedha qorannoon kun.

Tajaajila haaraa kana beeksisuun TikTok kun gabaasa The Wall Street Journal, miidiyaan hawaasaa Instagram waltajjii inni dhiyeessu fayyadamtoota umuriin isaanii ijoollee ta'e biratti rakkoo fayyaa sammuuf akka saaxilu irra deddeebiin mul'ata jechuu isaa hordofeeti.

Akka gabaasa kanaatti, kampaanichi dhiibbaa appilikeeshiniin fayyaa sammuu fayyadamtoota umuriin isaanii ijoollee ta'erratti, keessumaa ammoo ijoollee durbaarratti qabu yoo xiqqaate waggoota lamaaf qorachaa jira.

Instagram qorannoo jedhame kana akka fudhatuuf fala akka barbaadullee dubbateera.