Appiin Clubhouse maali? Akkamiin affeeramtee itti seenta?

Erga TikTok addunyaarratti beeksifamee qabee ganna afur tahuuf deemaa jira. Akkuma isin beektan yeroon appii miidiyaa hawaasaa inni guddaan itti beeksifamu geenyeerra. Obboleessaafi obboleettii tiyya Clubhouse'n walbaraa.
Erga gadhiifamee waggaayyuu kan hin guunne aappiin kun wantoota aappii guddaa jechiisiisan waan guute fakkaata.
Akka guddaatti haasawamuufi, fayyadamtoota guddoo beekaman, walfalmisiisuu, ugguraafi gatii guddaatti tilmaamamuu - isaan kana.
Waa'ee appilikeeshinii kanaa wanti beekuu qabdu isaan kana:

Madda suuraa, Reuters
Maaliif baruun na barbaachisa?
Addunyaa maratti dubbii ta'eera - bakka itti jalqabe Ameerikaadhaa haga Chaayinaa, Biraazilii haga Tarkii. Biyya kamuu jiraadhu, yeroo gabaabaatti dhagayuuf deemta waa'ee appii kanaa.
Tujaaronni addunyaa kanaafi namoonni bebbeekamoon muraasni appicharra jiru. Elon Musk fi hundeessaan Facebook Maark Zukerberg, akkasumas raapparoonni Drake fi Kanye West, akkasumallee Oppiraah Winfireey fayyadamaa jiru.
Appichi haasawaafi beekamtiin qofatti hin hafne - maallaqnis hordofaanii jira. Akka jecha Financial Times UKtti, ogeeyyiin diinagdee Clubhouse doolaara biiliyoona 1 akka baasu dubbachuu gabaaseera.
Kunis appii wayita ammaa kanatti sirna maallaqa ittiin horatu hinqabneef jijjiirama guddaadha.
Clubhouse akkamiin dalaga?
Clubhouse kaanirraa kan adda isa godhu, barreeffama, suuraa fi viidiyoo dhabuu isaati - appichi sagalee (audio) duwwaadha.
Kana malees, waanti hunduu kallattumaan taha yookaan dabra.
Kutaa varchuwaal ofiikee uummachuu dandeessa, yookaan ammoo kana namoonni kaan keessatti haasawanitti galuu dandeetta.
Lakkoofsi namoota haasawanii murtaawaadha. Namoonni kaan filannoo dhaggeeffachuu qofa qabu.
Tahus harkakee baasuun, dubbachuuf gaafachuu dandeetta.
Appicha fayyadamuun sagalee waraabuun boodarra dhaggeeffachuun hin tahu. Haasaa kallattiidhaan waan jiru caqasuu qofadha.
Matadureewwan irratti qabdu akka si jala hin dabarre barbaadda taanaan, matadureewwan fedhii qabdu filachuun ergaan si dhaqqaba. Achis gaafa namoonni dhimmicharratti haasawa jalqaban ergaan sii dhufa.
Waan dassaa fakkaata, amma buufachuu danda'aa?

Madda suuraa, Reuters
Lakkii. Jalqabarra bilbiloota Android kanneen akka Huawei, Samsung, LG fi kaan fayyadamta taanaan ammatti Clubhouse fayyadamuu hin dandeessu.
Bilbila iPhone fayyadamtas taanaan, lafumaa kaatee App Store irraa buufattee fayyadamuu hin dandeessu.
Clubhouse ammatti affeerraan qofa hojjeta. Haga namni achi keessaa fayyadamaa tahe si affeerutti makamuu hin dandeechu - fayyadamtoonni ammoo nama lama qofa affeeruu danda'u.
Kana jechuun garuu yeroo dhiyootti gara keetti hin dhufu jechuu miti.
Facebook yeroo ammaatti fayyadamtoota biiliyoona 1.5 haa qabaatuyyuu malee, gaafa jalqabu garuu namoota muraasa yunivarsiitii keessatti barataniif qofa ture.
Tajaajilli imeeyilii Google - Gmail'n gaafa eegalu affeerraa qofaan ture. Booda garuu addunyaa waliin gahuun, fayydamtoota biiliyoona 1.5 horateera.
Hanqinoota qabaa?

Madda suuraa, Getty Images
Kutaaleen varchuwaalaa kunniin al tokkotti namoota 5,000 callaa keessummeessu. Tarii namni haalaan beekama tahe tokko haasawa godha taanaan, carraa hirmaachuu dhabuu dandeessa.
Akkuma appii miidiyaa hawaasaa biroo, Clubhouse'illee gaaffiin mateenyaa (privacy) irratti ka'a.
Ammatti haasaawwan taasifaman mara yeroof waraabee olkaa'a. Kunis sagalicha balleessuun dura ''yoo waanti tokko mudate qorannoof akka gargaaruuf'' jedha dhaabni kun.
Haatahu malee sagaleen (qoonqoon) yeroo hagamiif akka waraabamee turu kan murteessu Clubhousedha. Namoonni ammoo seeronni appichaa haasawasaanii akka hin waraabne dhorkuutti aarii qaban ibsatu.
Namoonni kaaniis appichi carraa galmee namootaa (contacts) irraa qabu irrattis gaaffii kaasu.
Kanaafuu miidiyaa hawaasaa guddaa ittaanu ta'aa?
Tahuu mala. Yeroo ammaatti Clubhouse fayyadamtoota miiliyoona lama qaba. Garuu 2020tti erga jalqabee kaasee saffisaan guddachaa jira.
Haatahu malee, miidiyaan hawaasaa dirree salphaa miti. Gaafa gubbaarraa ilaalan Clubhouse teknooloojiin itti fayydamu waanuma salphaa wayii fakkaatee mul'ata.
Kana jechuunis, kalaqni kun dorgomtoota kaan biratti salphumatti garagalfamuu (copy) dandaya - Snapchat rakkoon akkasii mudateera.
Kalaqani isaa suuraafi viidiyoowwan maxxanfamanii turtiin booda badan, Instagram Stories'n kooppii godhameera - kanaanis guddinni lakkoofsa fayyadamtootaa Snapchat miidhameera.
Garuu miidiyaalee hawaasaa kaanirraa sagaleen haasawuu dandeessisuun addaa tahuu aappii kanaa, tarii Clubhouse haalaan akka guddatu gochuu mala.
















