Appiin sagalee adurree ‘miyaawu’ jettu hiiku kalaqame

Madda suuraa, MEOWTALK/AKVELON
Appilikeeshiniin sagalee adurree ‘miyaawu’ jettu hiiku injinara beekamaa kampaanii Amaazoon duraanii Alexaa jedhamuun kalaqame.
Appiin Miyaawuu took ('Meow Talk')jedhamu sagalee adurree waraabuun hiikasaa adda baasuu yaala.
Abbaan sagaleen adurree guddiifate maal jechuu akka ta’e mosaajiin wal barsiisa.
Ammaaf garuu appiin jeechoota 13 qofa ;’’na soori!’’,’’Ani baay’eeen beela’e!’’ fi ‘’qophaatti na dhiisi’’ jedhan fa’aa qaba.
Qorattoonni akka akeekanitti, adurroonni nama tajaajilan afaan waloo hin qabani.
Sagaleen adurreen ‘miyaawu’ jettu akkuma abbaan guddifatetti adurree tokkorraa kan biraa biratti gargari.
Kanaafuu kuusaan daataa sagalee adurroota hiikuus gargar ta’aa jechuudha.
Kanaafuu, sagalee adurree waraabuu fi addaa qooduun mosajiin sagalee adurree tokko tokkoon akka hubatutti wal barsiifama.
Moosajiin ammuma sagalee adurree tokko irra deebi’e wal bare, hiikurrattis sirrii ta’aa adeema jedhameera.
Maanaajarrii kalaqa appii kanaa Javiyeer Saanchez jedhamu akka ibsetti, kaayyoon kalaqa kanaa teeknolojii namoonni adurreesaanitti dubbatanii waliigaluu akka danda’an gargaaru hojjachuufi jedheera.
Namoonni waan adurreen isaanii jettu hubatanii, hariiroo sirrii akka qabataniif yaadame akka hojjatamu Obbo Saanchez dubbateera.
Appilikeeshichi ‘Google Play Store fi App Store’ bilisaan akka buufatanii akka itti fayyadamaniif dhiyaatera.
Hojiin appii kanaa ammas sadarkaa jalqabbii kan jiru wayita ta’u, namoonni appii kanatti fayyadaman hedduun appichi dogoggora qaba jedhanii komataa jiru.
Dhaabbati gargaarsaa bineeldotaa Wuud Giriin jedhamutti ispeeshaalistiin amala adurree Juuliyeet Joonis, ‘’adurreen sagalee kan dhageessistuuf durumayyuu namoota wajjiin walii galuufi, warri guddise harki caalu hubatanii deebiis ni kennuufi’’ jetti.
Appiichi akka abbaan adurree guddisetti hiikamuu isaammoo, wal hubannoo dhabiinsa uumuu danda’aallee jetteetti.














