Hundeessaan appii Sugarbook jaalallee ittiin barbaaddatan 'sagaagaltummaa jajjabeessuun' to’atame

Madda suuraa, AFP
Hundeessaan appii falmisiisaa ‘’shuugar daadii’’ Sugarbook jedhamu Maaleezhiyaatti seera farra-sagaagaltummaa daddarbuun qabame jedhe poolisiin Kamisa kaleessaa.
Poolisiin maqaa nama kanaa dhahuu baatuus miidiyaa fi marsariitiin Sugarbook nama ganna 34 Daaran Chaan jedhamudha jedhan.
Appiin kuni dubartoota ol-lattuu dhiirota umriin caalaniifi qarshiin deeggaruu danda’an waliin wal-barsiisuuf kakata.
Torbe darbe appichi barattoonni ykn akka inni jedhutti ‘shuugar beebii’wwan’ kumaatamaan lakkaa’amantu galmaa’e jechuun kabajaan odeeffataa ture.
Dheekkamsi guddaan kaanaan appichi akka ugguramu taheera.
Hundeessaan dhaabichaa Kuwaalaa Laampuritti qabame, gadhiifameeti achii immoo gaazexaan Istireet Taayims deebisee qabameeraa jedhe.
Namni kuni erga qabameen booda yaada kennuu baatuus gaafa Kibxataaa garuu ''nuti waan qulllaa, qabiyyee saal-quunnamtii fi sagaagaltummaa qabaachuu baannuus mo’amneerra,’’ jechuun Tiwiitara irratti katabee ture.
''Mootummaan Maleezyiyaa waan uummataaf tolu ni beeka jennee amanna,’’ jedhe.
Dhaadannoon appii kanaa ‘’lafa jaalalaa fi qarshiin wal-argan,’’ jedha. ‘’Hariiroo sukkaaraa,’’ jedhame kanaanis namoonni lameen maal akka barbaadan himachuun qarshiin wal-jijjiiru.
Waltajjii hariiroo bu’aa qabu kan qaama hawaasaa badhaadhoo tahan fayyadu dha ofiin jedha.
Torbee darbe Feesbuukii irratti barattoonni 10 yunivarsiitii Maleezhiyaa irraa jireenya isaanii qarshiin sirreeffachuuf jecha appii kanatti makamaniiru jedheera.
Poolisiin gama isaatiin, ''qabiyyee uummata bal’aa rifachiisu maxxansaniiru yoo taheef qorachaa jirra,'' jedhe.
Gaafuma Kibxataa marsariitiin Shuugarbuuk kuni qajeelfama intarneetii cabseera jedhamuun uggurameera.
Appiin bara 2016tti hundaa’e kuni Singaappor, Taayilaand fi Ameerikaa keessatti fayyadamaa qaba.
















