Dubartoonni appii sagantaa laguu agarsiisuun rakkataa jiru

Appii laguu agarsiisu

Madda suuraa, Orla Barry

Gaazexeessituu Orlaa Beeriin bilbilashee iphone irraa mallattoo ‘laguun kee torbee sadii keessatti dhufa,’’ jedhu argatte jennaan dinqamteetu miidiyaa hawaasaa dhuunfaa isheerratti qoodde.

Ergaa guyyaansaa adda hin baane yoo argattu kun kan jalqabaa miti. Warri akkuma ishee isaan mudatee seenaa isaanii qooduu jalqaban.

Isheen tokko,‘’laguun kee guyyoota 56’n boodatti hafeera,’’ ergaa jedhu argatti.

Isheen kaan immoo,’’ergaan na gahemmoo guyyoota sagalan dhufan keessatti argita,’’ jedha jetti.

Namichi tokko immoo sa’atiin harkaasaa ammayyaa yeroo bitame sagantaa laguu agarsiisu waan qabuuf ‘’guyyaan laguu kee gaheera’’ jechuun akka itti himu dubbateera.

Appiiwwan kunneen rakkoon mudataa jira. Laguun yeroo hundumaa guyyaa wal-fakkaataatti hin dhufu. Garuu appiiwwan kunneen waan irraa eegamu hojjechaa jiru?

Appii ittiin sagantaa laguu baran 'Google Play store' irratti

Madda suuraa, Google Play Store

Ibsa waa'ee suuraa, There are many period trackers on the app stores, and lots of them have high ratings

Hojiin inni salphaa, dubartoonni guyyaa laguun itti dhufee fi dhaabate appicharra galchu.

Appichimmoo odeeffannoo kanarratti hundaa’uudhaan guyyaan marsaa inni itti aanu yoom akka tahuu danda’u shallaguun hima.

Haala kanaan appichi guyyoota ulfi itti uumamuu danda’u itti agarsiisa.

Appiiwwan muraasni immoo ho’ina qaamaa, haala hirribaa, dhukkubbii yeroo laguufi haala quunnamtii saalaa irratti hundaa’uun sagantaa kennu. Haa tahu malee warreen appiiwwan kunneen tolchaniin odeeffannoo kana dhimma biraaf itti fayyadamu yoo taheef yaaddoon jira.

Marsaan laguu dubartootaa sababii umrii, dhiphinaa fi jijjiiramuu hormooniidhaan guyyaansaa ji’aa ji’atti geeddaramuu mala.

Qorannoon saayinsaawaa bara 2018tti dubartoota 1000 irratti adeemsifame appiin isaan sagantaa laguuf fayyadaman, guyyaatti ulfi uumamuu danda’u %21 qofa sirrii agarsiisa.

Kanuma keessa egaa appiin guyyaa laguu faana bu’u namoota baayyeen faayidaarra oola. Kanaafimmoo sababiin:

· Yaalii daa’ima argachuuf taasifamu

· Yaalii daa’ima barbaaduu dhabuu

· Mallattoowwan dhukkubbii ovaarii ykn laguun dura jiru baruu

· Yeroo laguun dhaabbatutti jijiirama qaama irratti mul’atu baruu

· Guyyaa jilaa yookiin gaa’elaa yeroo laguun hin jiretti karoorsuuf akka isaan gargaaru fa’iifi

Looraa Saayimal, Yunivarsiitii Istaanforditti baroonta doktarummaan booda jiru hordofaa jirti. Appiiwwan laguufi odeeffannoowwan isaan guuran qo’atti. Oomisha wal-fakkaataa haala garaagaraaf fayydamuun qaama rakkooti, keesumaa dubartiin tokko appii tokko sababa garaagaraaf fayyadamti taanaan jetti.

‘’Appiiwwan muraasa qofatu muuxannoo marsaa laguu guutuuf kan qophaa’an,’’ jetti.

‘’Jalqabarratti, dubartiin tokko guyyaama laguunshee dhufu baruu barbaaddai taha, achiimmoo ulfaa’uu barbaadu, akkuma tasaa appiin itti gammadoo turan isaaniif hojjechuu dhaaba,’’

‘’Yeroommoo ulfaa’an appiin isaanii kuni faayidaa hin qabaatu,appii sagantaa yeroo ulfaa agarsiisu qabaachuun dirqama taha.’’

Laawuraan appiin tokko yeroo saalfattoo hanga yeroo laguu arguu dhaabanitti qajeelfama kennuufii qabaata jetti.

Haala appiiwwan amma jiran hojjatanirratti akeekkachiifni garagaraa jira.

Akkaataa ittiin laguu faana dhahan

Madda suuraa, Getty Images

Barreeffama bara darbe marsariitii irratti maxxanfameen Ameerikaa Seedaar Sinaayitti, ogeettiin qoricha wal-hormaataa Dr Jeesiikaa Chaan, appiiwwan laguu qofaa isaanitti namoota maatii dhaabuu barbaadaniif gahaa miti jetti.

‘’Namni tokko guyyaa ulfi itti mudachuu danda’uun qaamuma isaanirraa meeshaa kanaaf qophaa’an gargaaramuun yoo mirkaneessan malee, appiin kun tilmaama guyyaatti ulfaa’uu danda’an,’’ itti hima.

Kana malees appiiwwan kunneen ulfaa’uu dhiisuudhaaf mallattoo gargaaru hin qaban jetti.

Appii Natural Cycles jedhamu qofatu Ameerikaa keessatti Abbaa Taayitaa Federaalaa Qorichaan kan eeyyama qabu.

Dubartoonni Natural Cycles fayyadaman ho’a qaamasaanii yeroo hunda appicharra galchuu qabu. Akkuma qoricha ulfa ittisuu, dubartoota 100 keessaa 93 appii kana fayyadaman hin ulfaa’an.

Reebeekaa Woodhaawus 2018tti ulfoofte appiin kun ni hojjeta jettee amanuushee himatti.

‘’Guyyaan ani appii badaa kana jedhu jira,’’ jetti.

Natural Cycles kuusaa Guugil ‘Play Store’ irraa al 500,000 caalaa gad buufameera, fayyadamtoonni 14,336 tahan tajaajilasaaf urjii abbaa shanii kennaniif.

Rebecca Woodhead

Dubartoota laguu argaa jiraniifi marsaan isaanii yeroo yerootti geeddaramu,mallattoos argaa jiran tajaajila appii kanaarratti komii akka qaban himatu.

Suu Chaarmaan Andarsan appii beekamaa Clue jedhamu fayyadamti: ‘’Appiin marsaa laguu koo jijjiiramu akkan salphaatti hordofuuf kan na gargaaru jiru dha,’’ jetti

Haa tahu malee mallattoowwan kanneen akka ho’a qaamaa baruuf ijaa hin gargaarreef gabatee waraqaa irratti qopheeffatteen akka hordoftu himti.

‘’Appichi dubartoota ulfaa’uu barbaadaniif kan qophaa’e fakkaata, ani yeroon itti ulfaa’uu osoo hin taane marsaan laguu koo yeroo jijjiiramuun baruu fedha,’’ jetti

Clue’n haala wal-hormaataa gargaaruuf hanqina qabu ilaalchisee ibsa bal’aa kenna haa tahu malee marsariitiisaa irratti laguun erga dhaabbatee mallattoo jiru hin himu.

Appii agarsiistuu

Madda suuraa, Clue

Ibsa waa'ee suuraa, Clue has 13m users worldwide

Namoota umriinsaanii 45 fi isaa ol tahaniif mallattoowwan erga ulfi dhaabbatee booda jiraniif odeeffannoo ni kenna garuu akka gabaan barbaadutti hin qophoofne jedha dhaabichi.

Appiin kun fayyadamtoota miiliyoona 13 yoo qabaatu yaada namoota miiliyoona tokkoo ol kan argate yoo tahu baayyeen isaanii sadarkaasaa urjii shan kennuun agarsiisaniiru.

Appichi odeeffannoo fayyadamtoonni ji’oottan jahan dabaraniif kennan irratti hundaa’uun tajaajilicha akka kennu hima.

‘’Cleu’n kan saayinsiin deeggarame dha garuu appiiwwan oomishooti sadarkaa isaanii hin eegganne gabaa keessa waan jiraniif fayyadamtoonni tajaajila argataniin gammaduu dhiisuu danda’u,’’ jetti dubbii himtuun dhaabichaa.

Laguu hordofuun waan haaraa miti dubartooni waggoota dheeraaf qalamaaf waraqaa fayyadamuun of gargaaraa turan.

Apponni isa kan duriirra fooyyee hin qabne baayyeetu jiru, jetti xiinxaltuun tarsiimoo Kaarolaayin Milaaneesii.

Gariin isaanii ‘hubannoo nam-tolchee’ waan hin qabneef marsaa,marsaadhaan mallattoo keewwachuu caalaa waan fayyadan hin qaban jetti.

‘’Hennaa(Kaalendar) keerrattiyyuu guyyaa ykn ji’a laguun sitti dhuferraa kaastee yaadachiisa keewwachuu dandeessa,’’ jetti.