Aanaa Qimbibiit mana barumsaa Harootti kutaan addaa laguuf kenname jira

''Qulqullinni Marsaa Laguu Nama Hunda Kan ilaallatu dha.'' barreefama qubee halluu keelloon waraqaa guddaa beeksisaa balbala daree mana barumsaa Haroo sadarkaa 1ffaatti fannifame argine dha.
Dareewwan dirree bal'aa mooraa mana barumsichaa irratti roga rogaan walqabatnii ijaaraman.
Yeroo mooraa seennu yaaregni kan boqonnaa hin turre. Sagalee barattootaa barsiisaa jala bu'anii deebii deebisan, wacaniifi faarfatan nutti dhagahama.
Dareewwan mana barumsicha keessaa kutaan xiyyoo roga isa tokkoorra argamu qulqullina marsaa laguuf kenname dha.
Kutichi kutaa bal'aa tokkoofi dinqa lama qaba.
Marii Marsaa Laguu
Barsiistuu Taaddalach Masqaluu itti gaafatamtuu Gumii Qulqullina Marsaa Laguu shamarranii, Mana Barumsaa Haroo Sadarkaa 1ffaati. Kutaan bal'aa yeroo seenamu arginu ''shamarran dhiphuu tokko malee yeroo laguun isaanii itti dhufu daree kana galanii akkatti fayyadamaniif mari'anna,'' jedhan.
''Laguun uumama malee abaarsa miti, isinis kan dhalattan nutis kan dhalanne xuriin laguu waan jiruufi,'' jennee isaan barsiisna qulqullina dhuunfaa isaanii eeggachuu illee ni mari'atu.
''Shamarreen natti himachuu qaanoftee shamarree biraa ergattellee jirti''
Abbaan dhiiga qoloo mucayyoo isaanii irratti argan ''ni gudeedamte'' kan jedhanillee akka jiran, isaaniifis waamichi taasifameefi kutaa kana akka daawwataniifi hubannaa argatan taasifameera.
Amma barattoonni dhiiraa otoo hin hafiin hubannoo qabu jedhu barsiistuu Taaddalach.

Yeroo baayyee shamarran ganna 12 ol jiran sababa laguutiin mana barumsaarraa hafu.
''Shamarreen tokko ji'a tokko keessatti guyyaa afur yoo hafte waggaatti hangam hafti jennee yoo baay'isne hedduu dha.''
Kunimmoo barnoota isaaniin boodatti akka hafan godha. Inumaayyuu takkaa shamarreen tokko qoloo ishee irratti dhiigni yoo mul'ate mana barumsaa cittee hafuu dandeessi jedhu barsiistuu Taaddalach.
Dinqa Dhiqannaa
Kutaa marii keessa baanee golli golgaa balbala isaa saaqnee galle ifa dimismisaa'aa qaba.
Achi keessa immoo dinqi dhiqannaa bishaan okkotee pilaastikaa utubaa irratti ol kaa'ame irraa bu'u qabufi bo'oo bishaan xurii keessa yaa'u qabu jira.
Barsiistuu Taaddalach barattuun kamiyyuu yoo laguun itti dhufus yeroo itti hin dhufnes kuticha seentee bilisaan qaama saalaas tahe guutuu qaamashee dhiqachuu dandeessi jedhan.
Kutaadhuma bira jirutti immoo ''shamarreen tokko uffatashee laguun jalaa tuqe jijjiirrattee miccachuu dandeessi'' jechuun barsiistuu Taaddalacha qoloo dheeraa/pijaamaa baratttoonni yeroof geeddaratanii deebisan nutti agariisan.
Saanduqni giphii/kiisii adda addaa qabu kuticha keessa jiru: fooxaa, moodeesii, saamunaa, qoloo geeddaraa, uffata jalaa/paantiifi mi'oota qulqullina shamarreen kunneen eeggachuu gargaaruuf tahan maqaa maqaan qoqqodaman baatee jira.
Moodeesii miicamee irra deebiin faayidaarra ooluufii takkaa fayyadee gatamu ijoollee buusii qarshii lamaa, kana deeggaruuf buufataniifis ta'ee harka qalleeyyii buufachuu hin dandeenyeefillee ni kennama
Dinqa Boqonnaa
Firaashiin lamni gamaafi gamanaa diriiree afaa abaaboon babbareedduu irratti anceefame qabu dinqa boqonnaa keessa jira.
Mataa duree firaashichaatti minjaalli xiqqoo kitaabolee barataa garaagaraafi raadiyoonii gurraacha ejjetaa halluu meetii qabu baatte jirti.
Inni kun barattoonni laguun isaanii itti dhufe erga uffata geeddaratanii booda yookiin immoo yoo dhukkubni itti dhagahmu iddootti boqotanii dha.
Hiriyyaan barattuu laguun itti dhufee waliin dhuftee shayee qaamashee ho'isuuf danfistiif.
Kan laguun itti dhufe immoo yoo feete kitaabashee dubbifachaa yoo feete immoo raadiyooniii dhaggeefachaa haara galfatti.

Waan kolfaa
Barattuu Daansuree Balaachoo barattuu kutaa torbaati. ''Yeroon kutaa afur ture laguun mana barumsaatti natti dhufnaan ijoolleen natti koflanii na qaanessanii' jetti; ergasii mana barumsaa ciraadhumasaa hafuu akka yaaddee turtellee ni haasofti.
Mariin barsiistuufi barattoota akkashee waliin wal argitee torbee lamatti taasiftu, ija jabina akka kenneef dubbatti.
Otoo kutaan kuni hin banamneef tahee ''barumsa koottilee waan jabaadhu natti hin fakkaatu,'' amma yeroo laguun itti dhufu, kutaa qulqullina marsaa laguu isaaniif qophaa'e seeraan nan fayyadama jetti.
''Barattoonni laguun ji'aa kun yoo itti dhufu ijoolleen itti kolfu, sababa kanaan barnoota isaanii irraa ni harca'u. Barattoonni biroos wal wal irraa ilaalanii ni hafu,'' kan jedhan immoo barsiisaa Shittaa Mokonnin dha.
Ambaasaaddara Qulqullinaa
Manni Barumsaa Haroo ambaasaaddaroota qulqullinaa dubartoota sadii dhiira tokko qabu qaba. Barattoonni kunneen torbee torbeedhaan waa'ee qulqullina mana fincaaniifi naannoo ni barsiisuu.
Dabalataan barattoonni yeroo yerootti dhimma qulqullina laguufi naannoofillee hubannoo gama diraamaafi walalootiin akka kennan barsiistuu Taaddalach nutti himaniiru.
Barattoonnifi barsiistoonni dhiiraa kutaa qulqulinaa dubartootaaf kenname kana bareechuuf akka mijaa'aa tahu gochuu irratti shoora guddaa akka qabanillee nutti himan.















