Shamarreen laguurra jiran laga Gaanaa akka hin qaxxaamurre dhorkaman

Barattoonni Gaanaa daree keessatti Afaan Faransaay yeroo baratan

Madda suuraa, Science Photo Library

Ibsa waa'ee suuraa, Barattoonni shamarran (kan suurarra jiran miti) naannoo Kiyekiyewereyin jiranis rakkoo akkanaa qabu

Barattoonni shamarran Gaanaa yeroo xuriirra/laguurra turanitti akkasumas gaafa Kibxataa laga akka hinceene dhorkaman.

Murteen kuni waaqa lagaa naannoo sanaan kan murtaa'e yoo ta'u mormii kaaseera. Rakkoon guddaan immoo shamarreen lagicha ce'ani mana barumsaa deemuu waan qabaniifi.

Shamarran aanaa Denkiriyaa gubbaa naannoo giddugala biyyatti argamutti kun kan ta'e.

Biyyoonni Sahaaraa gadii shamarran mana barnootaatti akka deddebi'an gochuuf carraaqaa jiru.

Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii dhimma Barnootaa, Saayinsii fi Aadaa hordofu (UNESCO) barattoota 10 naannoo sana jiran keessaa 1 sababa laguutin barumsa akka hin hordofne tilmaama.

Baankiin Addunyaa (WB) immoo dubartoonni Gaanaa miiliyoona 11.5 ta'an waan qulqullinaaf isaan gargaaru argachuu rakkatu jedha.

Dhimma xurii irratti UNICEF Ambaasaaddara ta'un kan tajajailan Shamimaa Musliim Alhaasan BBC Pijinif akka dubbatanitti murteen kuni laga Ofin bakka muraasa jiru waan ilaallatuuf mirga barachuu shamarreen dhiiba jedhan.

''Takka takka waaqolee kanneen humna qabaniifi waan hedduu dhorkan kana , mirga nuti isaan kennine akkamin akka fayyadamaa jiran itti gaafatamummaan jiraachuu qaba jedhe nan yaada,'' jedhaniiru.

Bulchitoonni naannoo sanii fala barbaaduuf akka mari'atan himaniiru.

Aadaan hedduu dhimma laguu/xurii irratti ilaalcha garaa garaa qaba.

Dubartoonni Madagaskaar yeroo xuriirra jiran akka hin dhiqannee kan dhorkaman yoo ta'u Neppaalitti immoo mana citaa keessa akka adda bahani ciisan dirqamu.