Rogeettiin Hindii suura sarbaa ishee "qullaa" agarsiisteef to'atamte

Madda suuraa, Rehana Fathima
Dubartiin Hindii ji'a darbe mana qulqullummaa warra Hinduu seenuudhaaf yaalii taasiftee turte to'annaa jala oolte.
Himanni irratti banames yeroo gara mana qulqullummaa kana deemaa turtetti suura ishee "sarbaa ishee qullaa gochuun agarsiisuu" Feesbuukii irrati maxxansuu kan jedhu ture.
Rihaanaa Faaximaa dubartii ganna 32 yommuu taatu tekinishiyaana teelekoomii, rogeettiifi moodelistiidha. Dubartiin kun mormitootaan akka bakka qulqullummaa Sabarimaalaa jedhamu hin seenne dhorkamte.
Sabarimaalaa seenaadhuma isaa keessattiyyuu dubartoota "umurii laguu ji'aa keessa jiran" hunda akka seenan hin eyyamamuuf.
Amantaan warra Hinduu dubartoota laguu ji'aarra jiran akka qulqulluu hin taanetti waan ilaalaniif sirna amantichaa/waaqeffachuu keessatti akka hin hirmaanne dhorku.
Bulchiisni mana qulqullummaa akka jedhanittis dubartoonni akka hin seenne kan dhorkamaniif waaqeffachiisaan, 'Lord Ayyappa' illee kofaleessa/nama hin fuudhiin waan tureef.
Fulbaana keessa, Manni Murtii Ol-aanaa waan dhorkame jiru kana kaasuudhaan dubartoonni umurii kam keessayyu jiran akka bakka mana qulqulluu kana daawwachuu danda'an eyyameera.
Onkololeessa keessa, Aadde Rihaanaa Faaximaafi gaazexeessituun dubartiin tokko, poolisoota 100 ol ta'aniin eegamanii irraan gadee mana qulqullummaa warra Hinduu kana bu'anii fuuldura mana qulqullummaa isa guddaadha jedhame ga'anii turan.
Haa ta'u malee, sababii mormii cimaa leellistoota amanitichaa bakka sana turaniin dhorkamanii keessa hin seeniin deebiyan.
Erga manni murtii dubartoonni umurii kan keessa jiran akka seenuu danda'an eyyamamee ji'oota lamaan booda, dubartiin kun ammas seenuudhaaf ture.
Aadde Rihaanaa Faaximaa magaalaa Cochin jedhamtu waajjira ishee keessatti Kibxata darbe ture kan to'annaa jala oolfamte.
Hiriyyaa ishee kan taateefi rogeettiin dhimma dubartootaa Aarthi SA BBC'tti akka himtetti qondaaltoonni poolisii guyyaa 14 gara mana hidhaatti ishee geessanii poolisoonni akka qorannoo ishee irratti gaggeessan taasisaniiru.
Aadde Rihaanaa Faaximaa ilaalcha amantaa salphisuudhaan himatamuudhaafillee jirti.
Dhaabbanni Telekoomii abbaan qabeenyummaa isaa kan mootummaa kan ta'e BSNL jedhamu hanga qorannoowwan isheerratti gaggeeffamaa jiru xumuramutti hojiirraa ishee ittiseera.
Himannaan poolisiin irratti dhiyeessaa jiru akka jedhutti, suurri ishee kun "kan qullaa buuseefi fedhii foonii kakaasudha" waan ta'eefis "miira amantii 'Lord Ayyappa' warra leellisan kan madeessedha" kan jedhu ture.
Ji'a kana gara jalqabaa, qondaaltonni poolisii akka to'annaa jala ishee hin oolchineef mana murtiitti iyyattee turte. Manni murtichaa garuu iyyata ishee kana fudhatama dhowwatee, haala ishee ittiin to'annaa jala ooltu mijeessaa ture.

Madda suuraa, AFP
Hiriyyaan ishee Aarthi BBC'tti akka himtetti Rihaanaa Faaximaa miira amantii nama kamiiyyu miidhuuf kaayyoo hin qabdu, kan safuufi safeeffannaa saalqunnamtii cabsu kan raawwatte hin qabdu.
Aarthi kam jettu Rihaanaa Faaximaan sababii suura ishee kana Fesbuukii irratti maxxansiteen yaada baay'ee sarbama mirga qaqqabsiisuufi kana irra darbanii dirqamaan gudeeduu sodaachisuun ishee qaqqabaa tureera.












