Dubartoonni yeroo laguu arguu dhaaban waan isaan mudatu

Fuula dubartootaa

Madda suuraa, Getty Images

Umuriin dubartoonni umamaan itti laguu arguu ykn dhala dhaaban (Menopause) taatee umamaa umuriin walqabatuudha.

Taateen umamaa kunis dubartoota umuriinsaanii waggaa 45 fi 55 jiddu jiran kan mudatudha. Akkasumas, umurii sanaan dubartoota wal'aansaan gadameessa baasisan (hysterectomy) irratti ni mudata.

UK keessatti jiddu galaan umurii haalli kun itti mudatu waggaa 51 dha.

Jijjirama kana duuba maaltu jira?

Hormooniin 'oestrogen' jedhamu geengoo adeemsa walhormaata ji'aa dubartiif murteessaadha. Kunis adeemsawwan akka guddinaafi fartilaayizeeshinii killee sanyi akkasumas gadameessi killee sanyii lubbuun ittiin uumamte (fertilized) simachuuf akka qophaa'a taasisuun gahee olaanaa qaba.

Garuu dubartoonni akkuma umuriinsaanii adeemu baayyinni killee sanyii, dandeettiin killee sanyii ummachuu (ovulation) laguu isaanii gadi bu'un ulfaa'uun wal jalaan dhaabata.

Waljalaanis qaamni hormonii istrojiin kan adeemsa hunda to'achu omishu dhaaba. Haala kanarra qaqqabuuf immoo waggoota dheeraa fudhata.

Ovaarii dubartootaa

Madda suuraa, Getty Images

Jijjiiramni hormoonii kun dhiibbaa attamii qabaataa?

Qorattoonni jijjiiramni ykn gadi bu'iinsi hormooii kanaas gama sammu, gogaa, maashaaleefi miiraatiin dhiibbaa hedduu akka qabaatu dubbatu.

Kanaafuu dubartoonni baayyeen osoo laguun gutummaan hindhaabatiin dura, amala addaa agarsiisuu fi mirrii adda itti dhagahu eegala. Kunis dursa 'menopause' keessa jechuudha.

Ho'a akka bishaanii daqiiqaa muraasaafi qaamatti dhagahamu, rakkina irriibaa, halkan dafqisiisuu, yaadda'uu, qunnamtii saalaatiif fedhii dhabuu ykn fedhiin gadi bu'u mudachun waanuma jiru.

Akkasumas rakkina kalee fi gogiinsi qaama saalaa yeroo kanatti haalawwan dubartoota mudatan keessaayi.

Rukkina lafee - karaa bitaan guddaadha, karaa bitaan xiqqaadha

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Dubartoonni erga laguu arguu dhaaban booda lafeen isaanii ni laafa. Kunis dhibee lafee 'osteoporosis' jedhamuf saaxila

Wayita omishamuun ostirojiinii gutummaatti dhabatuutti ammo, yeroo keessa lafeefi onneerratti dhiibbaa qabaata. Lafeen kan dadhabu yoo ta'u, dubartoonni irra caalaa rakkina onneefi dhiibbaa dhiigaaf kan saaxilaman yeroo kanatti.

Kanaafu, biyyoota guddataniitti dubartoonni wallaansaan akka sadarkaan hormoonii ostirojiinii isaan dabaluun dhukkubbiiwwan kanneen irraa bilisa ta'an ni taasifama.

Garuu dhukkubbiin akkanaa kan mudatu dubartoota hunda miti. Haalli miira isaan mudatu gargari yoo ta'u akkasumas yeroo irra turus baatiiwwan muraasa ykn waggoota dheeraa ta'u danda'a.

Ho'ina qaamaa sana maaltu uumaa?

Hanqinni ostirojiinii ho'a qaamaa kanaaf madda. Innis haala hojimaata ho'a qaamaa (thermostat) kan sammuu keessaa dabalata.

Uumamaan qaamni jijjirama ho'aa ni dandamata. Garuu, yoo istirojiniin hiratu, safartuun ho'a qaamaa dabuun sammuun akka waan qaamni garmalee ho'eetti fudhata osoo qaamni nagaa jiru.

Dubartoonni yeroo laguu arguu dhaaban sammuu irratti dhiibbaa uumuu ni qabaata

Madda suuraa, Getty Images

Ostirojiniin kun miiras miidhu danda'aa?

Eeyyeen sirriitti miidhu danda'a jedhu qorattoonni. Sammuu keessatti hormonota kemikaala waliin qunnamtii taasisan waan ta'eef kan miira namaa to'ataN, wayita sadarkaan gadi bu'uutti aarii ykn miirri gaddaa itti dhagahamu danda'a.

Hir'inni ostirojiin akkasumas gogaan akka gogu taasisuun miidhu ykn akka waan ilbisitoonni gogaa jala shocho'anii itti dhagahamu gochu danda'a.

Hormoniin biraa haala kana keessatti qooda qaban jiruu?

Eeyyeen hormoniin akka 'progesterone' fi 'testosterone' qooda qabu. Garuu, akka hir'ina ostirojiin sanatti dhiibbaa hinqabaatan.

'Progesterone'n baatii hunda akka dubartiin ulfaa'uuf qophooftu kan gargaaru yoo ta'u, tibba laguun dhaabbatu ni hir'ata.

'Testosterone' dubartootaan sadarkaa gadaanaan kan omishamu yoo ta'u, fedhii quunnamtii saalaa fi sadarkaa humnaatiin wal qabata.

Innis waggaa 30n booda hir'achaa deema.

Dubartoonni haala kana keessa galusaanii attamiin beeku?

Sadarkaa hormoonii FSH (follicle-stimulating hormones) jedhamu dhiiga qorachiisuun baru danda'u. Keessattuu, umurii 45'tti qorannichi guutumaan sirrii ta'u dhiisuu mala.

Qorattoonis, hormoniin namaa guyyaa keessatti yeroo hundaa oliifi gadii akka adeemu himu. Kanaafu qorannoon dhugumatti maal akka ta'e adda baasuu hin danda'u.

Hakimii gadaameessaa ykn narsii haala laguufi miirawwan sitti dhagahamaa jiru marisisuun caalaa gaariidha.

Yeroo dubartoonni laguu arguu dhaabuuf jedhan ho'i qaamaa itti dhagahamu jira

Madda suuraa, Getty Images

Miirri tibba sana namatti dhagahamu kana akka gaddaafi aariis akkuma ho'a qaamaa fi hirriba dhabu sanatti hordofuun barbaachisaadha.

Jijjiramni laguu fakkeenyaaf, baayachuu ykn yeroosaa eeggate dhufu dhabuun mallattoo 'menopause' dhiyaachuu isa duraati.

Ta'us, hanga waggaaf laguurraa bilisa taatuutti dhuguma umurii dhala dhaabu keessa ta'un hinbeekamu.

Isaan booda hoo?

Hammentaan ostirojinii umurii dhala dhaabuutiin booda ol ka'u hindanda'u.

Amma haalli sadarkaa jireenyaa dabalusaatiin dubartoonni umurii isaanii harka sadiin ol hir'inuma ostirojiiniin jiraatu.

Ta'us haala kanaan walqabate sababiin yaaddoo keessa galamuuf hinjiraatu jetti Dura teessuun Waldaa 'Menopause British' fi oggeettiin damee kanaa Dr Hezar Kuree.

"Mirriin isiiniitti dhagame taanaan oggeessa fayyaa naannoo keessanii bira deemuun mariisisaa,'' jechuun gorsa dabarsiti.

Qorichoota 'HRT' bifa 'pink' qaban

Madda suuraa, Getty Images

Dubartoonni miirawwan attamii eeggachu akka qaban dursaniin hubachu qabu.

Takka adda baafamnaanis gargaarsii fi odeeffannoon ittiin dubartoonni jijjirama miiraa fi qaamaa haala kanaan wal qabate isaan mudatu ittiin to'atan hedduutu jira.

Wal'aansi hormoonii bakka buusuu dhukkubbiiwwan dhala dhabuun wal qabatanii mudataniif wal'aansa fayyaa bu'aa qabeessa argamu danda'udha.