Teknoloojii: Appilikeeshinoota jireenya wal-hormaataa foyyeessuuf qophaa’an

Madda suuraa, Sam Strickland
Waggaa sadii dura Sachin Raawol, ganna 27, sababa rakkoo saal-qunnamtiin jaalallee isaa waliin yeroo gargar ba’anitti ‘dhippinni’ itti dhaga’ame.
Gargaarsa ogeessa yaaluus, daawwanna tokkotti paawondii 100 kaffaluun dandeetti isaa ol akka ta’e Sachiin ni amana.
Ta’us wal’aansi ogeessotti salphaatti akka argamuu qabu yaaduun oggeettii fayyaa Dr Kaatiriin Hertileen waliin ta’uun applikeeshinii bilisaa ‘Blueheart’ jedhamu hojjete.
Appiin kun namooti fi jalaalleewwaan rakkoowwaan saal-qunnaamtii irratti qabaatan furuuf sagalee fi barreeffamaan wal’aansa /gorsa kan dhiyeessudha.
“Loogii rakkoo wal qunnamtii saalaan wal qabatee jiru balleessuun appiin kun namootni dhuunfaa isaaniin rakkoo qabaniif akka furmaata argatan gargaara,” jedha Sachiin.
Qorannoon bara 2017 gaggeffame akka agarsiisutti ga’eessota UK keessa %34 qofti jireenyaa saal qunnamtii isaaniin gammaddoo yoo ta’an, %32 ammoo rakkoon qunnamtii saalaa isaan qunnameera.
Rakkoon qaama saalaa kaka’umsa qabaachuu dhabuu ykn Erectile dysfunction (ED) rakkoo isaa guddaa yoo ta’u, bara 2025'tti dhiirota miiliyoona 322 ni huba jedhamee akka yaadamu qorannoon ni ibsa.
Rakkoowwan akka xiinsammuu fi ga’umsa qaamaa furuuf appoonni baay'ee jiranis, rakkoon qunnamtii saalaa namoota hedduu hubu garuu dagatamee tureera. Ta’us, kalaqxoonni hedduun kana geeddaruuf hojjachaa jiru.
Waggaa darbe Dr Biritnii Bileer, oggeetti fayyaa xiinsammuu kan taatee appii Lover jedhamu kan gorsa saal qunnamtii kennu waayila ishee waliin qophessiteetti.
Appiin kun saayinsii irratti kan hundaa’ee ta’uu isaa ibsuun yaddoo saal qunnaamtii furuu fi dandeetti wal qunnamtii saalaa foyyeessuu irratti akka xiyyeeffatu ibsa.
“Wal’aansi gorsaa jireenya namaa geeddaruu danda’a“ jetti. “Fayyinni wal-qunnamtii saalaa barbaachiisaadha, hojiikoo keessatti yeroo jireenyii fi bultoon namoota geddaramu argeera.”
“Amma karaa dijitaalaan kana dhiyeessina.” Teeknoolojiin kun ammoo namoota hedduu bira ga’uu danda’a jechuun himti.
Lover appii bilisaa yoo ta’u odeeffannoo dabalataaf garuu fayyadamtooni qarshii kaffaluu danda’u.
Appiin biraa bekkamtii argachaa jiruufi Bilii Kuwinlaani fi Dr Anaa Hushlaakiin kalaqame Ferly jedhamu immoo bara darbe gadhiifameera.
Akkumaa Lover, Ferly appii bilisaa odeeffannoo dabalataaf qarshii gaafatudha.
















