Teeknoloojii: Appii haatii warraafi abbaan warraa qofti dhaamsa waliif ittiin dabarsan haaraa baase

Feesbuukiin appilikeeshinii haaraa jaalalleewwan ykn haatii fi abbaan warraa dhaamsa waliif ittin walii dabarsan haaraa baase.
Appiilikeeshiniin kun ‘Tuned’ jedhamu fi ergaa, muuziqaa walii erguu fi gabatee dijitaalaa wantoota adda addaa irratti barreessan uumuu dandeesisudha.
Appiin kun garee ‘Facebook's gartuu dhaabbaticha keessatti waan haaraa shaakaluun kalaqame.
Appichi jaalalleewwaniif ykn haadhaa fi abbaa warraatiif “iddoo icciitii” uumeeraaf jedhus tajaajila akka WhatsApp qabu garuu of keessatti hin hammatu.
Appiin kun imaammata Feesbuukii daataa dabarsuurraa adda ta'e hin qabu.
Kunis dhaabbatichi wantoota adda addaa fayyadamtooota miidhaa gessisan akka to’atu kan hayyamuudha.
Kana jechuunis appi kanarratti fayyadamtoonni odeeffannoo dhuunfaa yookiin suuraa dhuunfaa erguuf fedhii xiqqaa qabu jechuudha.
Feesbuuk dhimma appii haaraa kanarrati BBC’f yaada akka kennuuf gaafatamuus yaada kennuurraa ofqusateera.
Ammatti Appichi fayyadamtoota iOS US fi Kaanaadaa qofaaf kan dhiyaate yoo ta’u, akkaawuntii Feesbuukii qabaachuun hin barbaachisu.
Omishni haaraa kun tajaajiloota ergaa erguuf fayyadan irraa garaagarummaa baay’ee hin qabu.
Fayyadamtoonni bilbilasaanii fayyadamuun namoota biroo itti dabaluu danda’u. Eega namoonni sun neetworkii keessan galanii booda suuraa fi sagaleewwan adda addaa walii erguu danda’u.
Feesbuukiin garee gartuu kalaqa haaraa uumuu shaakalu ganna 2019’tti hundeesse. Kaayyoonsaas tajaajiloota hawaasummaa haaraa uumuudha.
Yeroo Feesbuuk garee kana hundeessu appiin garee kanaan oomishaman saffisaan akka jijjiiramanii fi tajaajila kanas “namootaaf faayida qabeessoo yoo hin taanee ni cufamu” jedheera.












