Feesbuukii fi Apple maaliif wal hin jaalatani?

Hoogganaa Apple Tim Kook fi kan Facebook Maark Zukarbarg

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Hoogganaa Apple Tim Kook fi kan Facebook Maark Zukarbarg

Kaampaaniiwwan gurguddoo kanneen akka Kookaa-Koollaa fi Peepsii, Booyingfi Eerbaas, MaakDoonaals fi Bargar Kiing waan isaan wal-fakkeessu tokko qabu, innis wal-morkachuu isaaniiti.

Kanaafi waldhabdeen Feesbuukii fi Apple illee kan qalbii nu hawwatu.

Lameen isaaniiyyuu dhaabota teeknolojii gurguddoo dha. Wal-fakkeenyi isaaniis kanuma.

Galiin Feesbuukii hundi beeksisarraa argama, Apple’ dhaaf garuu harka baayyee muraasa akka fayyadamu eeyyamaaf. Innis gama meeshaalee Apple fi App Store’dhaani.

Kaampaaniiwwan kunneen wal hin dorgoman, hinumaa wal hin jaalatan malee.

Hogganaan olaanaa waggaa dheeraaf Apple Tiim Kuuk, Feesbuukiin fayyadamtoota isaa akka oomishaatti lakkaa’a- beeksisarraa qarshii funaana - icciitii dhuunfaa isaaniif hin eeggatu jedhaa ture.

Maark Zuukarbarg gama isaan immoo oomishooti Apple qaalii dha, kaayyoo dhokataa Feesbuukii qeequu immoo ni qaba jedha.

Akka gabaasa Niiw Yoork Taayims baasetti yoo taheef, Apple sagantaa softiweerii uumuuf barbaachisu (developer tools) Feesbuukiin Apple irratti akka hin fayyadamne godheera.

Falmii inni si’anaa immoo hariiroo isaanii ittuu hammesseera.

Dubbii jabaa

Jalqaba bara kanaatti Apple sirna App Tracking Transparency, kan namoonni odeeffannoo isaanii akka to’atan gargaaru ifa taasise.

`Kana dura fayyadamtoonni Feesbuukii odeeffannoo isaanii kennuu kan danda’an waan dhaabbatichi akka kennan isaan gaafateeni ykn isaaniif filateeni dha.

Kunimmoo Feesbuukii isa beeksisota maamila irratti xiyyeeffate hojjechuun galii guddaaa argatuuf rakkoo guddaa dha.

Daldalasaa jalaa akka miidhus ifatti himeera dhaabbatichi.

Apple jijjirama ifa godhe san hanga waggaa har’aatti akka turu yeroo kennee jira.

Apple, Zuukarbargiin ‘’Hojiin Feesbuukii kaayyoon isaanii odeeffannoo hanga danda’amu akka sassaaban beeksiseera,’’ jedhu Apple’tti hoggantuun olaantuu Dhimma Icciitii Dhuunfaa Addunyaa Jeen Hoovaart.

‘’Icciitii dhuunfaa fayyadamtootaa eeguu dhiisuun akkuma itti fufe jira,’’ jetti.

Feesbuukiinis yoo deebisu ’’Aangoo gabaa irratti qaban fayyadamuun odeeffannoo akka isaaniif tahutti sassaabuun, morkattoota isaanii odeeffannoo wal-fakkaataa akka hin fayyadamnee cirumasaa dhorku.’’

‘’Dhimma kana dhimma icciitii dhuunfaati haa jedhaniyyuu malee garuu waa’eedhuma buufachuuti,’’ jedhe.

Kunimmoo Apple’f dubbii ittuu itti jabeessa. Silaa Apple daldala isaan Feesbuukii nan caala jechuun ofiin boona.

Bara 2010'tti hundeessaan Apple Istiiv Joobs Feesbuukiin waa’ee icciitii dhuunfaa akeekkachiisee ture.

Tiim Kuuk

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Hogganaa Olaanaa Apple, Tim Kuuk

Bara 2018'tti hogganaan Apple ammaa Kuuk akka Feesbuukii odeeffannoo sassaabuun beeksisa gurguruu dandeenya garuu akkas gochuu hin filanne jedhe.

Wiirtuu teeknolojii Ameerikaa (Silicon Valley)'tti invastara kan ta'eefi waa’ee Feesbuukii kitaaba Zucked jedhu kan barreesse Roger McNamee, hundeessaa isaa Maark Zuukarbargiis ta'e dhaabbatichuma Feesbuukii hin jaalatu.

Barreessichi ’’Apple aadaa maamilotasaa aangessuu qaba,’’ jedhee ‘’Feesbuukiin garuu maamilota isaa bu’aaf itti fayyadama,’’ jechuun ibse.

Haa tahu malee, Feesbuukiin dhugaa qabaa? Apple immoo olaantummaa gabaa keessatti qabu fayyadamuun morkattota isaa gad-qabuu barbaadaa?

Daldalli beeksisaa Apple hamma tokko xiqqoo haa tahuyyuu malee Morgaan Istaanliin yeroo gabaabaa keessatti galiin irraa argatu akka guddatu tilmaameera.

Kanaaf Feesbuukii danqee ofii itti darbee guddachuu barbaadaa?

Inni kunimmoo gochaa keessummaa tahe, kan sababaan hin deeggaramne dha.

Saaxil-baasu

Arfaasa darbe beeksisawwan karaa TV Ameerikaa darbaa turan duula Apple waa’ee icciitii dhuunfaa irratti hojjeteef fakkeenya dha.

Apple siyaasa asii fi achi deemuun gabaa qofaa olaantummaan akka qabate ni himama.

Yeroo ammaa kanas App Store isaa warreen appii hojjetanirratti seerota madaalawaa hin taane kaa’un adeemsa seeraa keessa darbaati jira.

Gama biraanis gibira irraa eegamu hin kaffalu jedhamuun himatama, dhaabbatichi garuu ni haala.

Atakaaroon dhimma iccitii fi dhugaan hojjechuu jedhu kun Zuukarbargiin ni aarsa.

Waraana sobaa

Waan hunda caalaa kan nama dinqu immoo wal-gaareffannaan dhaabota lameen kanaa wal-irratti kan hirkate dha.

Otoo Fesbuukii, WhatsApp, Instaagiraamiin fa'i hin jiran tahee iphone hangas mara hawwataa hin tahu ture.

Namoonni otoo Fesbuukii Apple irratti hin fayyadaman tahee miidiyaa hawaasaa biraa barbaacha deemu ture?

Maark Zukarbarg

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Hogganaa olaanaa Fesbuukii Maark Zukarbarg

Kaampaaniiwwan lameen kunneen hariiroo hojii jabaa fi fayyaalessa akka qaban ni hubatama. Garummoo miti.

Ogeettiin Apple Kaarolaayiin Milaaneesii dhaabonni lameen kun addunyaa akkatti ilaalan gargari. Diinummaan isaanii kan sirnaa fi kan dhuunfaati jette.

‘’Falaasamaanis adda adduma,’’ jette.

‘’Apple Feesbuukiin maamilotasaa hin kabaju otoo jedhu iphone irra Feesbuukii maalif qabaata ykn hin haqu?’’ jechuun gaafatti.

Kanatu gara dubbiii isa ijootti nu geessa.

Hanga ammaa dhaabota kanatu walii mijachuu hin dandeenye.

Kanaaf lolli isaanii lola sobaati-inumaayyuu hariiroon isaanii kan walii ooguuti.

Waan amma Apple jedhaa jiru garuu waan sobaa irraa kan fagaate dha.

Dogoggoruun gaarii miti- Apple dhimma icciitii dhuunfaa jabeessuun Feesbuukiif gaarii miti.

Qajeelfamni isaa ammaa kun hidhata hawaasummaa kana ciruu mala.

Kaampaaniiwwan gurguddoo jiran keessaa Apple fi Feesbuukiin waan walitti jabaatan fakkaatu.

Google illee morkataa Feesbuukii beekamaa dha. Microsoft fi Google immoo Apple’n dorgomu.

Dhimmi icicitii dhuunfaa garuu Feesbuukii fi Apple gidduu ibiddi qabsiisee waan dhaamu hin fakkatu.

Bara 2021tti illee morkattoonni kunneen lolli isaanii kan kanaan duraa caalu mala.