Miidiyaa hawaasaa: Facebook haasawa jibbaafi oduu sobaa akkamiin to'ata?

Asxaa Facebook fi kompitara

Madda suuraa, Getty Images

Facebook tibbana j'oota muraasa keessa qofa haasawa jibbaati yookaan oduuwwan sobaadha jedhe miiliyoona 22 ol haqeera.

Dhaabbatichi kana kan godhu wiirtuuwwan biyyoota addunyaa garagaraatti hundeesseeni. Kanneen keessaas Afaan Oromoo dabalatee afaanonni Afrikaa bahaa biraa kan itti laalaman wiirtuu Keeniyaa keessa jiruuni.

Akka ragaan dhaabbata We are social fi Facebook irraa argame mul'isutti, Itoophiyaatti lakkoofsi namoota Facebook ji'atti yoo xiqqaate altokko fayyadamanii miiliyoona jaha ol tahuu agarsiisa.

''Dhaabbata Facebook'f Itoophiyaan gabaa [miidiyaa hawaasummaa] keessatti biyya iddoo olaanaa qabdudha,'' kan jettu ammoo Afrikaa Bahaatti ittigaafatamtuu imaammata hawaasaa dhaabbatichaa kan taate Mersii Nidegiwaadha.

Facebook naannichatti hojiilee hedduu hojjetaa jira kan jettu Mersiin, Itoophiyaatti fayyadamtootni hedduun oduuwwaniifi taateewwan biroo Facebook irraa argachuuf gara keenya dhufu jechuun dubbatti.

''Dabalataanis, Itoophiyaatti xiyyeeffannoon keenya, namoonni akkamiin 'pilaatfoormii' keenyarratti yeroo dabarsuun, achii booda ammoo yeroo intarneeta hin fayyadamnes amala agarsiisan irrattis ni xiyyeeffanna,'' jetti.

Kana jechuunis qabiyyeewwan haasawa jibbaa, oduu sobaa fi kaan to'achuun, furmaata itti laachuuf hojjechaa jirra jetti Mersiin.

line

Fayyadamtoonni miidiyaa hawaasummaa kanaa, keessattuu kanneen Itoophiyaarraa fayyadaman, irra deddeebiin maxxansi isaanii haqamuu yookaan golgamuu komatu.

Kaan Facebook meeshaa garee tokkooti jechuun yoo komatan, kaan ammoo sababa eenyummaa isaaniitiin akka irratti xiyyeeffatame amanu.

Yeroo tokko tokko garee sabaa, amantiifi afaan tokkoo walitti gurmaa'uun isa kaan irrattis yoo xiyyeeffatan ni mul'ata.

Facebook kanneen oduu sobaa, haasawa jibbiinsaafi maxxansaalee eenyummaarratti xiyyeeffatamanii guyya guyyaatti gadhiifamaniifi biiliyoonaan lakkaa'aman to'achuu danda'aa? Akkamiin to'ata?

Gaaffillee irra deddeebiin ka'an kanniiniifi kaanis qabachuun dhaabbatticha gaafanneerra.

Imaammatni 'Community Standards' maali?

Community Standards

Madda suuraa, Facebook

Dhaabbatichatti qajeelfama qabiyyeewwaniirratti itti gaafatamtuu kan taate, Fadzai Madzingira, maxxansi tokko kan Facebook irraa haqamu yoo imaammata 'Community Standards' jedhaman daddarbee yoo argamedha jetti.

Immaamatni kun ifatti namuu argee dubbisuu danda'a kan jettu Fadzai, kunis pilaatfoormii yookiin aappii keenyarratti wantoota hayyamamaniifi hin heeyyamamne lafa kaa'a jetti.

''Isaaniis mata dureewwaan 26'n qoqqoodamanii lafa kan taa'an yogguu tahu; suuraalee argaaf suruuran (graphic content) hanga maxxansaalee waliin dhawuu akkasumas amala fayyaalessa hintaanee hanga oduu jibbaa ofkeessaa qaba.''

''Kaayyoon qajeelfama oduu jibbaa Facebook, qabiyyeewwan namoota sababa eenyummaa isaanii irratti xiyyeeffachuun maxxanfaman balleessuudha,'' jechuun himti.

Dabalataan, namoota kanneen eenyummaa isaaniin sodaachisuu fi kan qoollifatu yoo taheef, imaammatni kun akka barbaachise dubbatti.

Ulaagaa maxxansi tokko ittiin haqamu fakkeenyaan yoo kaastu:

''Fakkeenyaaf ani lammii Zimbaabweeti, yoo maxxansi nama tokkoo sababa ani Zimbaabiwerraa dhufeef yookaan gurraacha taheef, yookaa ammo dubartii sababan taheef narratti xiyyeeffachuun, na sodaachisa yookaan haasaa jibbiinsaa narratti xiyyeeffata taanaan, kana ni haqna,'' jetti.

'Namni kamiyyuu gabaasa gochuu danda'a'

Fayyadamaan Facebook kamiyyuu maxxansa tokko report gochuu yookaan gabaasuu dandaya.

''Yeroo baayyee namoonni waan kana gochuu akka hin dandeenyetti akka fudhatan ilaalla,'' jetti Fadzai.

Maxxansa tokko report gochuu dandeessa, profile nama dhuunfaa yookaan fuula tokkorratti iyyata galchuu dandeessa.

Kanas gochuu kan dandeessan tuqaalee sadi, gubbaa gama mirgaatti argaman keessa galuudhaan. Tokko isa gaafa cuqaastu adeemsota gabaasaa garagaraatti si geessa.

Achis sadarkaalee sana keessa dabruun yogguu xumurtu, gabaasni kee Facebook bira qaqqaba.

Maxxansi sun immaamata Facebook kanneen 'Community Standards' jedhaman daddarbee argama taanaan, ilaalamee haqama yookaan golgama jechuudha.

Namni iyyata sana galchees gabaasni maxxansichi haqamuusaa isa gaha.

Screenshot

Madda suuraa, Facebook

Dhaabbata Facebooktti namoonni hojiin isaanii kana tahe jiru - gareen 'reviewers' jedhaman kun kuma 30tti lakka'mu.

''Namoota kanneen keessaa maxxansi tokko yoo gaaffiin irratti ka'u imaammata keenya walbira qabuun, ilaalanii yoo qajeelfama keenya ni cabsa taanaan ni haqu,'' jetti Fadzai Madzingira.

Facebook akka Afrikaa Bahaatti waajira kana tolchu Naayiroobii keessaa qaba. ''Namoonni Afaanota Siwaahilii, Afaan Oromoo, Afaan Amaaraa fi Somaaleefaa dubbatan qabna,'' jetti Fadzai.

'Maxxansa qajeelfama keenya cabsu irratti gabaasa tokko duwwaa barbaadna'

Dhimmi biraa fayyadamtoota Facebook'n kahu maxxansi tokko lakkoofsa namoota gabaasa godhaniin haqamamoo, waan seera cabsef haqama kan jedhudha.

Fadzai kanas akkana ibsiti.

Wanti dhimma kana duuba jirutu akkasi: yeroo baay'ee namoonni hordoftoota yookaan hawaasa isaanii, maxxansa nama biraa kan seera keenya hin cabsine akka report godhan affeeru.

Kanumaanis yeroo tokko tokko gabaasa hedduu arganna. Kunammoo bu'aasaa hin geeddaru, iyyata tokko callaa barbaanna.

Maxxansi tokko kan haqamu, qajeelfama keenya Community Standards jedhaman waan cabsufi.

Kun tahuudhaa baatee dogongoraan maxxansi tokko haqameera taanaan, fayyadamtoota keenyaaf carraa murtoo kana iyyachuu kenninaaf.

Ergaan maxxansi kee haqameera jedhu si qaqqabee, lakkii maxxansi koo sirriidha jettee mormita taanaan, irra deebiin iyyata galchuu dandeessa.

Iyyatni kees nama maxxansa kee amma dura haqe osoo hin taane, nama biraa bira dhaqa. Namni kunis irra deebiin qajeelfamicha waliin walbira qabuun ilaalee, dogongorri mudateera taanaan, maxxansichi ni deebiya jechuudha jechuun himti.