Mana barumsaa maallaqa karaa 'Facebook' walitti qabameen haaromfame

Madda suuraa, Axumite/BBC
Naannoo Amaraa magaalaa Gondar keessatti kan argamu manni barnootaa sadarkaa tokkoffaa Qayi Ambaa jedhamu duula karaa marsaalee hawaasaa taasifameen haaromfame.
Dubartiin duula kana eegalchiifte Aksumaayit Abrihaa jedhamti. Dhalattee kan guddattee fi barnootashee sadarkaa tokkooffaa kan baratte achuma magaalaa Gondar keessatti ture.
Haa ta'u malee manni barnootaa sadarkaa tokkooffaa Qayi Ambaa jedhamu kan dhiheenya mana barnootaa Kaatolikii isheen itti baratteetti argamu tokko dulloomuun jiguu gahee akka ture himti.
Mana Barumsaa sanatti ofisheef barachuu baattulleen hiriyyoonni ishee achitti barataa akka turan yaadatti.
Magaalaa Finfinnee kan jiraattu Aksumaayit ogummaadhaan injinara. Manni barumsaa Qayi Ambaa baay'ee dulloomee jiguuf gahuu isaa kan agarte wayita gara Gondar imalteetti ture.
Wayita gara mana barumsichaa deemtetti waan agarte yoo himtu, ''dareewwan isaa jijjiganiiru, keessoon isaalleen dukkana, kutaalee keessas beeladoonni ni galu turan'' jechuun dubbatti.
Manni barumsichaa dallaa bal'aa qabaatulleen akka barattoonni keessatti sochii qaamaa hojjataniitti kan hin qophoofne ta'u himti.
Kun haa hafutii dareewwan jiran mataansaa baay'ina barattootaatiif gahaa miti jetti.
Dareewwan turan keessatti barattoonni muka dhakkaarra kaawwachuun akka teessumaatti itti fayyadamanii barataa akka turan himti.
Isaan booda maal gochuuf murteessite?
Manni barumsichaa akkuma jiruutti deebifamee osoo haallu dibamee booda deebi'ee keenyan dhoqqee fi mukaan hojjatamee dafee akka jigu hubachu dubbatti Aksumaayiti.

Madda suuraa, Axumite
Kanaafuu haaromsa fooyya'e gochuuf murteessuu himti. ''Kan fooyya'e jechuunis dareewwan isaa bilookeetiin ijaaruufan murteesse'' jetti.
Yaada kana wayita murteessituuttis abdii kan godhattee hiriyoota, maatii fi hawaasuma naannichaa akka ture BBC'tti himte jirti.
Haaluma kanaanis hawaasni maallaqaa fi meeshaadhaan deeggarsa akka taasisuuf gochurratti baay'ee akka fiixaan baheef himti.

Madda suuraa, Axumite
Qaamooleen kunneenis mana barnootaa abbaa daree saddeetii ijaaruuf gara birri miiliyoona 1.6 walitti busuu isaanii dubbatti.
Biiroon Barnootaa ammo baaxii kutaalee bituun hirmaachuusaa yaadatti.
Hojii feesbuukiin maallaqa walitti qabuu
Maallaqani manni barumsichaa ittiin ijaarame guyyaa tokkotti kan argame akka hin taane kan dubbattu Aksumaayit, ishee fi hiriyoonni ishee wal jalaan maallaqa karaa feesbuukiin walitti qabaa akka turan himti.
Kanaanis hojii bu'uura baasutii kaasee hanga qorqorroonni uwwiifamuutti maallaqni suuta suutaan walitti qabamaa ture jetti.
Namoonni maallaqa gumaatanis maallaqni isaanii maal irra akka oole akka hubataniif yeroo yerootti ragaa dhiyeessaa akka turan illeen ni yaadatti.
Kunis namoonni hojicha irratti amantaa akka qabaatanii fi gumaata biraatiif akka kaka'an gargaaru dubbatti.
Kana malees hojii biraatiif wayita gara Ameerikaa imalte turteetti 'GoFundme' saaquun namoota 13 irraa doolaara kuma 17 walitti qabu himti.
Kana malees biyya keessayis namoonni karaa feesbukiitiin deeggarsa maallaqaa taasisuu dubbatti.

Madda suuraa, Axumite
Haala adeemsa ijaarsa kanaa wayita yaaddattus, marsaa jalqabaatiin dareewwan afur ijaaranii xumuuruuf baatiiwwan torba akka itti fudhate himti.
Ijaarsa marsaa jalqabaa kanas baatii Fulbaana bara 2012 xumurtee erga mana barnootichaatti kenniteen booda ijaarsa gamoo kutaawwan arfan itti aananii akka ijaaraman himti.
Biiroon barnootaa ammoo barattoota daree afuriif barcuma dhiyeessuu isaa dubbatte jirti.
Feesbuukii hojii hawaasummaatiif oolchuu
Feesbuukiin midiyaalee hawaasaa guddaa hanga xiqqaa, kan hayyuun haalaan baratee hanga kanneen sirriin hin baratiin irratti yaada qoodaniidha.
Haa ta'u malee namoonni yaada qajeelaa fi dhimma gaarii akka kanaatiif deeggarsa taasisuuf harka saanii hixatan midiyaa kanarra akka jiran hubadheera jetti Aksumaayiti.
Maallaqni gumaatan hojiirra ooluusaatiif wabii qabaannaan namoonni hojii akkasiitiif deegarsa taasisuu danda'an hedduun jiraachusaanii hubachu himti.
Haaluma kanaanis bara kanatti magaalaadhuma Gondar keessatti mana kitaabaa tokko ijaarsiisuuf sochii eegalu himti.
Bara itti aanu ammo mana barumsaa dullumni itti cimee kan gara biraa haaromsuuf karoora qabaachu dubbatti.
Manni barumsaa Sadarkaa Tokkooffaa Qayi Ambaa ishee amma haaromsitees bara kanatti barattoota 670 simachuun shiftiin barsiisuuf qophii taasisaa jiraachu dubbatti.












