Dr Taarikuu Taaddasaa: 'Rakkoon Dr. Qananiisaarra gahe garaa nu madeesse, deeggarsi sabaa nu boonse'

Dr Qananiisaa

Madda suuraa, Marsaa Hawaasaa

Hakiimni Hospitaala Naqamtee Dr. Qananiisaa Laayyuu kan dhiyeenya Covid-19 irraa bayyanatanii kaleen isaanii lamaan hojii dhaabuun miidiyaa hawaasaarratti erga dhagaahamee namootni hedduun kalee isaanii gumaachuuf waadaa seenaniiru.

Miidiyaaleen hawaasaa irra deddeebiin maqa balleessiifi wantoota badaaf hojiirra yeroo oolan mul'atus, faallaa kanaan warra kufan kaaasuuf, kan abdii kutatanitti abdii horuufi, kan dhibame fayyisuufis yeroo oolu mul'ata.

Tibba kanas oduun miira namoota hedduu tuqe miidiyaa hawaasummaarratti qoodame miidiyaan hawaasummaa gahee gaarii bahuuf humna guddaa qabaachuu mirkaneesseera.

Hospitaala Naqamteetti ogeessaa fayyaa kan ta'an Dr. Qananiisaa Laayyoo hojiirratti Covid-19 qabamanii waldhaansoo booda fayyaniis, osoo hin turiin kaleen isaanii lamaan hojii dhaabuu beekan.

Sababa kanaattis miira abdii kutannaa keessa galanii akka turan hojii gaggeessaan Hospitaala Naqamtee Dr. Taarikuu Taaddasaa BBC'tti himan.

Hojjettootni hospitaalicha deeggarsa atattamaa sassaabuun waahilli isaanii waldhaansa fooyyee qabu akka argatan Finfinneetti ergan.

Achiis miidiyaa hawaasummaarratti namootni dhageettii qaban haala ogeessa fayyaa Dr. Qananiisaa maxxansan.

Seenaan Dr. Qananiisaa miira fayyadamtoota miidiyaa hawaasaa hedduu tuqe.

Yeroo sa'aa 24 hin caalle keessattis namootni 10 ol ''lubbuun Ogeessa fayyaa, lubbuu namoota hedduu baraaru kun hin darbiin'' jechuun kalee isaanii arjoomuuf fedha qabaachuu ibsan.

Dr. Taarikuun akka jedhanitti ''karaa waloo Lataa Qana'ii namootni shan, karaa Dr. Naafyaad namootni torba, karaa Dr. Nuraddiin ammoo namni tokko kalee arjoomuu akka fedhan quba qabna'' jedhan.

Gama kaaniin deeggarsi maallaqaa waldhaansa isaaniif oolu gama Gofundme sassabamaa jiru haala gaariirra akka jirullee himan.

Taateen kun ''walii birmannaan saba keenyaa hanga kana ta'uun isaa baayyee nu boonse, garaa nu nyaate'' jedhu Dr. Taarikuun.

'Rakkoon Dr. Qananiisaarra gahe garaa nu madeessee deeggarsi ummataa ammoo baayyee jajjabina nuu kenne' jedhan.

Namoota Kalee isaanii gumaachuuf fedha mul'isan keessaa kan bakka qorannootti bilbilaan dubbifne dargaggoo Daani'eel ''ani laman qaba inni ammoo tokkoyyuu dhabee ani tokko kenneefi tokko tokkoon jiraachuu dandeenya kaniin gochuu danda'utu kanumaa'' jedhe.

Daani'eel Dr. Qananiisaa wajjiin kan wal hin beekne ta'uufi maxxansa waloo Lataa Qana'ii argee kalee isaa gumaachuuf murteessuu hime.

''Haakimni kun baadiyyaa keessa deemee ummata osoo garagaaruu kaleen isaa hojii dhaabee, ani innin shaggar keessa deemuu kaleen lama maal naa godha?''

''Qabeenyi guddaan waliin qabnu Oromummaa kenya'' jechuun sababa kalee gumaachuuf murteesse hime.

Dr. Qananiisaan eenyu?

Dr. Qananiisaa Laayyuun Godina Horroo Guduruu Wallaagaatti kan dhalate yoo ta'u, oogummaa fayyaatiin erga eebbifamee booda waggaa tokko Hospitaala Shaambuutti hojjechuun achiis gara Hospitaala Naqamtee deeman.

Hospitaala Naqamtee erga galanii waggaa lama ta'uufi duula dhiibee gifiraafi achiis Covid-19 keessatti adda durummaan baadiyaatti marmaaraa hojjeechaa turuu Dr. Taarikuun dubbatu.

Duula ittisa Covid-19 keessatti osoo hirmaataniis hakiimota hospitaalichaa kaan waliin Covid-19'n qabamanii akka turaniis himu.

Hojjettootni kaan yeroo bayyanatan Dr. Qananiisaatti dhibeen Koronaa kun itti cimee akka turellee BBC'tti dubbatan.

Boodas dhibee kanarraa bayyanataniis fayyaan isaanii guutuu ta'uu dhabuun qorannoo dabalataa taasisaniin kaleen isaanii lamaan dadhabuu baranii jedhu.

Dr. Qananiisaan ijoollummaatti haadhaafi abbaa isaanii waan dhabaniif obbolootaa fi ijoollee baayyeef abbaa ta'uun gaafatama dachaa bahachaa akka jiran Hogganaan Hospitaala Naqamtee Dr. Taarikuun himaniiru.