Maanguddoon Gullisoo suuraansaanii miidiyaa hawaasummaarra naanna'aa ture eenyu?

Madda suuraa, Miidiyaa Hawaasummaa
Tibbana Godina Wallaggaa Lixaa Aanaa Gullisoo Ganda Baadiyyaa Bookee Kaddaa jedhamu irraa maanguddoon Tamasgeen Abbulee jedhaman gadda keessa seenanii osoo taa'anii suuraan kaafame miidiyaa hawaasummaarra bal'inaan naanna'aa ture.
Sababa rakkoo nageenyaatiin lammiileen godinaalee lixa Oromiyaa rakkoolee adda addaaf saaxilamaa turuu fi jiruu fi jireenyi isaanii yaaddoo keessa jiraachuu isaanumarraa odeeffataa turreerra.
Kaan mannisaanii qabeenya waliin akka jalaa gubate, kaan haadha, abbaa, ijoollee isaanii akka rasaasaan dhaban, darbees ammoo hojii qonnaa bu'uura jireenyasaanii ta'e hojjetachuuf akka rakkatan yeroo hedduu ni dubbatu.
Yeroo dhiyoo as ammoo namoota sababa rakkoo nageenyaan jireenya gadadoo keessa seenan gara miidiyaa hawaasummaatti fiduun kanneen carraa argatan akka gargaaraman gochuun baratamaa dhufeera.
Haata'u malee kanneen seenaa walfakkaataa qaban garuummoo carraa osoo hin argatin haqnisaanii dhokatee jirus hedduu ta'uu dubbatu.
Maanguddoon kun eenyu? Suuraan kun akkamii fi yoom ka'e?
Dargaggoo Abdii Taammiruu, namoota akkasaa biroo waliin gurmaa'uun 'Waldaa Tola ooltota Gullisoo fi naannooshee' jedhamu hundeessuun hoji tola ooltummaa hojjetu.
Akka Abdiin jedhutti guyyaa tokko osoo gargaarsa kennaa jiranii namoota gargaarsa fudhachuuf adda baafaman keessaa maanguddoo Tamasgeen Abbulee osoo gaddanii taa'anii suuraa kaafaman.
''Suurri kun Jimaata darbe wayita sagantaa deggersa harka qalleeyyii qopheessinetti ka'e. Yeroo sana midhaan nyaataa fi zayita kennaa turre."
"Suuraan Abbaa keenya Obbo Tamsageen Abbulee yeros kan kaafame miidiyaa hawaasummaarratti qoodame.'' jedha dargaggoo Abdiin
Dargaggoo Abdiin maanguddoo kana itti dhiyeenyaan akka beeku dubbata.
''Maanguddoon kun nama qotatee jireenya fooyya'aa jiraatu turan. Ijoollee shan horan. Afur amma lubbuudhaan hin jiran. Mucaan durbaa jirtu tokko ammoo heerumteetti. Haati warraasaanii erga du'anii waggaa lamaaf deema. Amma kophaasaanii jiraatu.'' jechuun waa'eesaanii ibsa Abdiin.
''Boo'ichaaf rakkoosaanii nutti himaachuu dadhaban''
Wayita sana maanguddoon kun gadda guddaa fi boo'icha keessa turan kan jedhu Abdiin itti siqnee wayita rakkoosaanii gaafachuuf yaalletti boo'ichaaf nutti dubbachuu dadhaban jedha.
Suuraan kun kumoota keessaa tokko malee hawaasi naannoo sanaa rakkoo siyaas-diinagdee hammaataa keessa jiraachuu dubbata Abdiin.
''Maanguddoon kun erga kophaatti hafanii as namoota ollaa fi darbee darbee intalasaanii tokkittii irraa waan argataniin jiraatu, yoo dhaban hagabuu bulu. Namni dur qe'eensaanii guddaa ture kun amma guyyaan itti dukkanaa'ee abdii kutatanii jiru.''
Ergas suuraan isaanii miidiyaa hawaasummaatti ba'een booda...
Erga suuraan kun namoota hedduu bira ga'ee booda namoonni dhuunfaa fi dhaabbileen tokko tokko gargaaruutti akka jiranis dhageenyeerra.
Maanguddoon kun akka deggeraman haala mijeessaa jiraachuu kan himu Abdiin ,''erga suuraansaanii miidiyaatti ba'ee as hawaasi Oromoo kaabaa fi Kibbaa, Bahaa fi Dhihaa iyyaffataa jira" jedha.
"Keesattummoo namni biyya alaa jiraatuufi nama Bulee Horaa ta'e kan maqaansaa Taarree Tokkichoo jedhamu bakka abbaasaa buusee gargaaruuf waadaa galeera. Bilbilaanis wal-quunnamaniiru. Baasii ji'aan kaffaluu fi mana yaalaatti akka wal'aanuuf waadaa seeneeraaf.''
Dhaabbilee maanguddoo kanaaf gargaarsa kennan keessaa Giddu-galli Qorannoo Qonnaa Hoolataa tokko ta'uu Abdiin ni hima.
''Aannan dhuganii akka bayyanataniif sa'a aananii arjoomne''
Daarektara Giddu-gala Qorannoo Qonnaa Hoolataa kan ta'an Doktar Kafanaa Ifaa sa'a ameessa jabbii waliin maanguddoo kanaaf arjoomuu nutti himan.
''Jalqaba suura nama kanaa wayita miidiyaa hawasummaarraa arginu kanneen naannoo Finfinneerraa buqqa'an seenee wal nu jalaa dhayee ture" jedhu.
"Boodarra Wallagga lixaa akka ta'anii fi nama isaan gargaaru akka hin qabne barre. Kanaaf maanguddoon kun yoo lafa qabaatan galtee qonnaa hunda dhiyeessineefii akka qotamuuf Aanaasaanii waliin dubbanneerra."
"Kan biraan ammoo sa'a ameessa yeroo ammaa elmamaa jirtu arjoomuuf giddu galli keenya koreedhaan murteesseera'' jedhu Doktar Kafanaan.
Gargaarsa kana torban dhufutti geessina kan jedhan Doktar Kafanaan ammaaf garuu lafti naannoo sanaa midhaan akkamii akka baasu warra aanaa sanaa waliin dubbataa jirra jedhan.
''Sanyiin biqiltuu naannoo sanatti margu maal akka ta'e addaan baafachaa jirra. Kana malees ammoo wayita sa'a kana fuunee deemnu nyaatii fi manni jireenyaa jiraachuu qaba. Aanaanis mana beellada kanaaf ijaaruun akka gargaarsa taasisu dubbachaa jirra.'' jedhan.
Maanguddoon kun ko'eessaa fi kophaa akka jiraatan adda baafanneerra kan jedhan Doktar Kafanaan dameen humna namaa keenya hojjettuu isaan gargaartu waggaa tokkof akka qacaruuf murteessineerra jedhan.
''Akkuma argaa turre abbaan keenya kun baay'ee miidhamanii waan mul'ataniif aannan dhuganii akka bayyanataniif ameessa aannanii arjoomne," jedhu.
Kana malees bu'aa aannaniirraa gurguratanii akka fayyadamaniif sa'a elmamtu kennineef jedhu.
Maanguddoon kun har'a waan nyaatan, waan uffatan, waan rakkina keessaa isaan baasu barbaadu waan ta'eef waan qophaa'aa ta'e arjoomuuf murteessine jedhan Doktar Kafanaan.
''Isaan qofa osoo hin taane Lixa Oromiyaaf gargaarsa gochuuf mari'achaa jirra''
Maanguddoon kunii fi namoonni biroon isaan fakkaatan sababa rakkinaan irraa baqatamuu hin qaban jedhan Doktar Kafanaan.
Isaan qofa osoo hin taane kutaan Lixa Oromiyaa rakkoo hamaa keessa waan jiruuf xiyyeeffannaa barbaadas jedhaniiru.
''Uummanni keenya naannoo Lixaa jiru beelaa fi gadadoon rakkachaa jira. Xiyyeeffannoo barbaada. Giddu galli keenyas naannoo kanaaf gargaarsa taasisuuf mari'achaa jira.''
Nannoon kun kanaan dura oomisha biyyattiif ga'ullee dhiyeessuuf dandeettii kan qabu ture kan jedhan Doktar Kafanaan har'a uummanni keenya naannoo kanaa haala kanaan gadadamee yoggaa arginu baay'ee nama gaddisiisa jedhan.












