Nageenya Oromiyaa: "Nama du'aa jiru kanaaf ka'umsis xumurris Shaneedha' jedhan anga'aan naannoo Oromiyaa

Amsaaluu Guddataa

Madda suuraa, Marsaa Hawaasaa/Facebook

Ibsa waa'ee suuraa, Haadha ijoollee afurii ajjeefamte

Lixa Oromiyaa keessumaayyuu Godinaalee Wallagga Lixaa fi Qeellam Wallaggaatti tibbana ajjeechaa humnoota mootummaan raawwatamu hammaachuu jiraattonni BBC'tti himan.

Godina Wallagga Lixaa aanaa Laaloo Assaabii ganda Keeleyi Birbiritti Kamisa Caamsaa 21, 2020 haati ijoollee afur irraa ajjeefamte Amsaaluu Guddataa kanneen keessaa tokko.

Daa'imni ''haati keenya yoom galti'' jechuun na dhiphistii jedhan abbaan ijoollee kanaa Obbo Miratee Immaanaa Rundaasaa.

Ajjeechaa kana loltoota raayyaa ittisa biyyaatu raawwate jedhu Obbo Mirateen.

Haaluma wal fakkaatuun achuma godina Wallagga Lixaa aanaa Ganjiitti dargaggoon fuudhaaf qophaa'aa ture torbee lama dura humnoota mootummaan ajjeefamuu gabaasnee ture.

Dargaggoo Lalisaa Tafarii Caamsaa 02 bara 2012 A.L.Itti lafa gabaatti miseensota waraanaan qabamee guyyaa lama booda ajjeefamee bakkeetti argamuu maatiin BBC'tti kan himan.

Ajjeechaan raawwatamuun alatti hidhaa, reebichaa fi dararaan gara garaa maqaa 'Shanee' jedhuun jiraattotarratti raawwatamaa akka jiru komatu jiraattonni.

Rakkoo nageenyaa Lixaa fi Kibba Oromiyaatti jiraattota hiraarsaa jiru kanaaf mootummaan Waraana Bilisummaa Oromoo bosonatti kan 'Shanee' ittiin jedhu himata.

'Ka'umsi Shaneedha'

Hoogganaan Biiroo Bulchiinsaa fi Nageenya Oromiyaa Obbo Jibriil Mohaammmad himannaan qaamolee nageenyaa mootummaarratti dhiyaataa jiru dhara, bu'uura hin qabu jedhu.

"Humnooti farra-nageenyaa ofumaa ajjeesanii mootummaa himachuun kan baratameedha,'' jedhu.

''Nuti nama nagaa ajjeesne hin qabnu, caasaan nageenyaas nama nagaa ajjeese hin qabu, nama du'aa jiru kanaaf ka'umsis xumurris Shaneedha,'' jedhanii deebisan.

Akka sadiin 'shaneen' ajjeechaa kanaaf ka'umsa ta'e jedhu aanga'aan kun.

Jalqaba filannoo nagaa isaaniif dhiyaate didanii rakkoo nageenyaa uumani jedhan. Lammata ammoo iddoo uummanni jiraatu, uummata keessa taa'anii, mana namaa seenanii humna nageenyaatti dhukaasu jedhu.

Yeroos walitti dhukaasa uumamu keessatti hawaasni miidhama jedhu.

Sadaffaan ammoo mana keessaa humna nageenyaatti dhukaasanii, gaafa humni nageenyaa deebisee dhukaasu namni du'a, gaafa namni du'e ammoo akka namni nagaa du'eetti maxxansu, miseensotni isaanii gaafa du'anis nama nagaa fakkeessanii dhiyeessu jedhan.

"Isinis kan isaan maxxansan fuutanii gabaastu," jechuun BBC's komataniiru.

Haa ta'u malee walitti dhukaasa jidduutti namni hin du'u jechuun hin danda'amu jedhu.

"Ani mataan koo bakka jirutti walitti dhukaafamee, humna shanee deemuu osoo arginuu, sababa daa'immanii dubartootni fi manguddoonni rifatanii jidduu seenaniif, humna san osoo rukutuu dandeenyuu namoota kana baraaruu qabna jedhee dhukaasa dhaabee beeka," jedhan.

Haati ijoollee afurii akkamiin ajjeefaman?

Obbo Mirateen haati warraan isaanii otoo boqqolloo buusaa jirtuu rasaasa tokkicha itti dhukaasani ajjeesani bira darbanii jedhu.

"Daa'imni waggaa tokkoo reeffa haadhashi bira teessee otoo qaqqabattuun itti bahee reeffaa haadha warraa koo kaafadhe" jechuun miira gaddaan liqimfamanii dubbatan.

Wayita dhukaasni kun baname namoonni naannoo sana turan arganiirus jedhu.

"Torban dura ammoo anaan 'iddoon Shaneen jiru' beekta jedhanii, harkakoo duubatti hidhanii reebanii na caccabsanii manatti na hambisani" jedhu Obbo Mirateen.

Ofii manaa bahuu akka hin dandeenyeefi isaanis ta'e ijoollee isaanii afur kan jiraachisaa ture haadha warraa isaanii kana ta'uu himu.

Obboo Miratee, ijoollee isaanii afran waliin

Madda suuraa, Marsaalee Hawaasaa

Ibsa waa'ee suuraa, Obboo Miratee, ijoollee isaanii afran waliin

''Kaleessa yeroon fayyaa qabu humna kootiin hojjadheen maatii koo bulchan ture, amma cabeen manatti hafe, ishee na gargartuus itti dabalanii galaafatan'' jedhani.

Duraan naannichatti hidhattootaa fi qaamolee nageenyaa jidduu walitti bu'insi akkaa ture kan himan Obbo Mirateen wayita haati warraa isaanii ajjeefamte garuu nannoo sana walitti bu'iinsi homtuu hin turre jedhu.

"Ishumatti akeekanii itti dhukaasani" jedhu.

Ergasii namni ajjeechaa sanaan shakkamee to'atames ta'e seeratti dhiyaate akka hin jirreefi qaama mootummaarraas namni waa'ee ajjeefamuu haadha warraasaanii isaan gaafate akka hin jirre BBC'tti himaniiru.