Magaalaan Amboo maatii warra qabsoo keessatti wareegamanii deggeraan jira jedha

Kantiibaan magaalaa Amboo ijoollee maatiin isaanii qabsoo keessatti wareegaman waliin

Bulchiinsi Magaalaa Amboo namoota qabsoo keessatti miidhamaniifi daa'imman maatiin isaanii wareegaman deeggaruuf hojjachaa jiraachuu hime.

Kantiibaan Magaalaa Amboo Obbo Tafarraa Badhaadhaa bulchiinsi magaalichaa hojii namoota qabsoo keessatti miidhaman gargaaruuf jiruuf deeggarsa qaama biraas akka isaan baarbaachisu dubbataniiru.

Magaalaan Amboo giddugala qabsoo Oromoo ta'usheetiin walqabatee, yeroo dheeraaf qabsoorra waan turteef wareegamni olaanaan kanfalamu dubbatu Obbo Tafarraan.

''Kaansaanii ijoollee maatii gargaaruu danda'an itti dhabaniiru, kan hafan ammoo mana amala sirreessaa keessatti darara garaagaraatiif saaxilamaniiru'' jedhu Kantibichi yoo haala jireenya ummata Amboo kana duraa yaadatan.

Kanaafuu, carraan namoota mana hidhaa keessa waggoota dheeraa turanii bahaniifi kanneen maatii isaanii dhaban attamiin deebiisnee dhaabu dandeenya kan jedhu erga adda baafamee booda hojiitti galamu dubbatu Obbo Tafarraan.

Haaluma kanaanis bulchiinsi magaalichaa namoota kanneen gurmeessuun lafa mana jireenyaa kennuuf hojjatamaa jiraachuus himaniiru.

Gama biraatinis "Hojii tajaajila lammummaa keessatti haadholii ijoolleensaanii qabsoo kana keessatti wareegamaniif deeggarsa adda addaa gochaa jirraa,'' jedhaniiru.

Isaan keessayis baayyeen iddoo itti hojatan barbaadaa jiru kan jedhan kantibichi kun, ''hojiiwwan humna bulchiinsa magaalichaan ol ta'an irratti deeggarsa yoo argannee namoota qabsoo Oromoo keessatti wareegaman kanfalan kanneen deebiifanee dhaabuudhaaf waan nu dandeessisuuf akka nuuf birattan'' jechuun waamicha dabarsaniiru.

Haaluma kanaanis Bulchiinsi magaalichaa sosochii dargaggoota magaalatiin eegalamee tumsuun guyyaa Kamiisaa ijoollee qabsaa'oota laamaa; Abdataa Olaansaafi Simanyi dayaasaatiif deeggarsa taasiseera.

Koree deeggarsaa kana kan walitti qabu dargaggoo Urgeessaa Daammanaa deeggarsa ijoollee kanneefi taasifamee akkas jechuun BBC'tti hime.

"Kantiibaan Magaalaa Amboo Aksiyoonaa abbaa 50,000 ijoollee lamaniif 9tokkon tokkoosaanii kuma 25) Waldaa 'Waliif Fayyaarraa' bitaniiru,'' jedheera.

Kana malees, mana gandaa iddoo ijoolleen kun taa'aanii baratan mijeessuufi lafa mana jireenyaa itti ijaaratan akka argataniif haala akka mijeessan waadaa galusaanii dubbateera dargaggoo Urgeessaan.

''Sochii kana kan eegalleef qabsoon ummata oromoodhaa kan maatii ijoollee kanaa qofaa miti'' kan jedhu dargaggoo Urgeessaa, waggoota 12'f mana hidhame keessa turee bahulleen hiriyaan isaa achiitti wareegamee dargaggoo Abdataa Olaansaa mucaansaa abbaa malee guddataa jira, kanatu sammuu koo boqoonnaa dhorke jedha.

''Akkasumas mucaan Simmanyis haadhaafi abbaa malee gudataa jirti'' jedha. Kanaafu ammatti waan sadii karoorfachuun ka'usaanii hima.

Kunis, ''ijoollee maatiinsaanii irraa wareegaman kanaaf maallaqa walitti qabuun aksiyoona bituufii, carraa barnoota bilisaa barbaachuufi bakka ijoolleen kunneen taa'anii itti baratan mijeessuun murteessaadha,'' jechuun kaayyoosaanii tarreessa.

Hundumattuu milkoofneeras jedheera. "Nuti xiqqeessinee eegalle Oromoon bal'isee itti haa fufuu," jechuunis Oromoo ballaaf ergaa dabarseera.

Mucaan Abdataa Walaansaa gannaa afuur, kan Simmanyi Dayyaasaa ammoo ganna jaha yoo taan, deeggarsa isaaniif taasifameetti gammado ta'u maatiin himaniiru.

Ibsa waa'ee viidiyoo, 'Karchalleen' Amboo keessa 'yeroo ammaa sirreeffamtoonni siyaasaa hin jiran'.

Haadha warraa Abdataa Addee Caaltuu Buzunaas ''kanuma yaaduu isaanii mataansaa waan guddaadha. Keessattuu maqaan Abdataa dhahamuun isaa ana baayyee natti tole, jettee jirti.

Deeggarsi maqaa Abdataa fi kan Simmanyiin taasifame kun kan jalqabaa waan ta'eef, namoonni ijoollee baayyee dhaban waan jiraniif isaanis haaluma kanaan itti fufuu qabaataan," jetti.

Obbooleessi Simmanyi, Biqilaa Dayyaasaa gama isaatiin, gocha amma raawwatameetti gammadu ibseera.

Keessummattuu Simmanyi ni duute osoo hin taanee, achi buutesheetuu dhabame kan jedhu obbolessi ishee Biqilaan, ijoollee maatiin isaanii irraa wareegaman fi maatiin ijoolleesaanii dhabaniif mootummaanis ta'ee qaamni biroo deeggarsa taasisuunsaanii gochagaariidha, jedheera.