'Ilmakoo konkolaataa jala naannessanii rasaasaan ajjeesan' Obbo Misgaanuu Lammii

Madda suuraa, Waajjira Komunikeeshinii Naqamtee
Sanbata darbe ALI gaafa guyyaa 23 bara 2012 ganama keessaa naannoo sa'atii sadiitti dargaggoon umurii waggaa 22 Naa'ol Misgaanuu magaalaa Naqamtee bakka Boordii jedhamutti humnoota nageenyaa mootummaatiin ajjeefamuu Abbaan isaa Obbo Misgaanuu lammii BBCtti himaniiru.
Ilmi isaanii akkuma kanaan duraa hojiif sa'atii saditti manaa ba'ee galaafatamuu kan dubbatan Obbo misgaanuun,''Bakka inni hojjetu garaajii Boordiitti argamutti konkolaataa jala naannessanii rasaasaan ajjeesan.'' jedhu.
Naa'ol wayita raayyaan ittisa biyyaa rasaasaan ajjeesan hiriyootasaa waliin mana garaajii ture kan jedhan Obbo Misgaanuun,''Rakkoon nageenyaa homtuu osoo hin jiraatiin dhaqanii dhukaasuma eegalan. Isa booda ilmakoo Naa'ol rasaasi argatee wayita galaafatu hiriyootasaa biroo osoo hin miidhin dhukaasa dhaaban.'' jedhan.
''Sa'atii saditti deemnee wayita reenfa kaasuuf jennu miseensonni raayyaa ittisa biyyaa dhaabatanii jiru. Naa'ol lubbuun keessaa ba'eera. Ajjeefamuu Naa'ol booda isaanuma (raayyaa ittisa biyyaa) gidduuttiyyuu dhibdeen uumamee ture. Nuti reenfa kaafnee hospitaalatti erga geessinee booda awwaalle.'' jechuun haala yeroo sana ture ibsan Obbo Misgaanuun.
Yakki ilmasaaniirratti raawwatame daran akka isaan suukanneesse kan dubbatan Obbo Misgaanuun,''Haqi keenya ukkaamfamee hafeera. Bakka itti iyyannu hin qabnu. Yoo iyyachuuf deemnes yakka biraatu nurratti raawwatama. Kanaafuu dhiigi ilmakootii bakkeetti dhangala'ee hafe.'' jedhan.
Akka Obbo Misgaanuun jedhanitti magaalaan Naqamtee yeroo ammaa tasgabbii qabaattus raayyaan ittisa biyyaa garuu baay'inaan socho'u.
Dhukaasni duraan darbee darbee mul'atuu fi ajjeechaan namoota nagaarratti raawwatus gidduun dhaabbatee ture, amma kunoo ilma koo Naa'olirratti deebi'ee eegale jedhan.
Ilmi isaanii Naa'ol isaanirraa addaan ba'ee akka hin beeknee fi siyaasa keessattillee hirmaatee nama hin beekneedha kan jedhan Obbo Misgaanuun,''Maaliif akka isaan mucaa koo hordofanii ajjeesan naaf galuu hin dandeenye. Ilmi koo siyaasa keessattis hirmaannaa hin qabu. Hojjetee of jijjiiruuf kaata. Utuma ta'eellee kan darbee darbee gaaffii mirgaa gaafatu anadha. Inni homaa quba hin qabu'' jedhan.
Obbo Misgaanuun akka jedhanitti magaalaa Naqamtee keessa socho'uun rakkoodha. Keessattuu galgala sa'atii 12 irraa eegalee sochiin guutummaatti dhaabbata jedhan.
Namoonni hedduun Godinaalee Qellem Wallaggaa fi Wallaggaa Lixaa irraa baqachuun firoota isaanii magaalaa Naqamtee fi naannawa ishee jiran biratti gugatanii akka jiran quba qabaachuus dubbatu Obbo Misgaanuun.
Haala nageenyaa Lixa Oromiyaa irratti akka yaada nuuf kennaniif kan gaafanne qondaalli nageenyaa Oromiyaa Koloneel Abbabaa Garasuu, odeeffannoo nuuf kennuuf iyyamamoo hin taane.
Lixa oromiyaatti ajjeechaa lammiilee nagaarratti raawwataa jiruuf garuu namoonni raayyaa ittisa biyyaa komatu.
Mootummaan garuu olaantummaa seeraa kabachiisuun nageenya lammiilee mirkanessuufan waraana garasitti ramade jedha.
Godinaaleen Wallaggaa Lixaa erga komaandi postiidhaan buluu eegalanii waggaa caaleera.
Ministirri Muummee Abiy Ahmad waa'ee wallaggaa maal dubbatan?
Godinaaleen Oromiyaa bulchiinsa Komaandi Postii jala jiran kanneen akka Gujii fi Wallaggaa yaaddoo nageenyaa keessa jiraachuutu himama.
Keessattuu godinaalee wallaggaa irraa erga tajaajilli bilbilaa fi interneetii addaan citee as haalli achitti ta'aa jiru daranuu nama yaaddesseera.
Torbee darberraa eegalee Anfilloo, Gidaamii, Beegii, Najjoo, Mandii fi Naqamtee keessatti namoonni nagaan hidhattootaan ajjeefamuu namoonni miidiyaa hawaasummaarratti barreessaa turan.
Keessattuu Godina Qellem Wallaggaa keessaa namoonni baqachuun gara naannolee ollaatti godaanaa jiraachuun ammoo daranuu yaaddoo guddaa uumeera.
Guyyaa kaleessaa ,Wiixata 3,2020 gaaffilee miseensonni Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataa kaasaniif deebii kan kennan Ministirri Muummee Abiy Ahmad,''rakkoo lixa Oromiyaatti uumamaa jiruuf maddi isaa biyyaa ala osoo hin taane numa gidduutti kan uumameedha'' jedhan.
Biyya tokko keessa mootummaan lamaa fi qaamni hidhate lama jiraachuu hin danda'u kan jedhan Ministirri Muummee Abiy,''Mootummaan nagenya eegsisuuf ni dirqama.'' jedhan.
Nama ajjeesuun bu'aan argamu tokkollee kan hin jiru kan jedhan Ministirri Muummee kun ,''furmaati ammas karaa nagaan mari'achuudha'' jedhan.
''Raayyaan ittisa biyyaa dhukaasee nama 10 yoo ajjeese kisaaraa malee bu'aa hin qabu. Kan du'u lammii keenya. Kan hidhatee bosona jirus barataa ukkaamsee kan fudhatu yoo ta'e homaa bu'aa hin qabu. Furmaatisaa karaa nagaan mari'achuudha.''
''Karaan amma irra jirru nun baasu. Haala kanaan namni mo'us hin jiru. Kanaaf jecha yeroo dheeraadhaaf tasgabbiidhaan itti deemaa turre. Ammas tasgabbiidhaan itti deemuun itti fufa.''
Rakkoo mudachaa jirurratti yaada walxaxaa fi walfalmisiisaa kaasuun kanneen mootummaa muddama keessa galchuu barbaadan jiru kan jedhan Ministirri Muummee Abiy Ahmad, ''gama tokkoon nageenya eegsisuu hin daneenye jedhanii nu komatu.
Namootumti komii kana kaasan ammoo deebi'anii Wallaggaarratti oppireeshinii gaggeessuun uummata darartan jedhu. Namoonni akkas jedhan yeroodhaaf waan mootummaa huban fakkaata malee boodarra uummata walitti buusuun isaanii hin hafu. Mufii saboota Amaaraa fi Oromoo sadarkaa hammaataarraan kan ga'uudha,'' jedhan.
Barataan sababii eenyummaasaatiin Dambi Doollootti uggurame kan jedhuuf,''barataan eenyummaa uummata naannoo sanaarraa addaa hin qbau. Jibuutii ykn Sudaan irraa miti kan dhufan. Haadha bishaan isaan obaaftu gidduu jiru. Qaamni barattoota ugguruun siyaasa gaggeessu yoo jiraates kun hojii baay'ee gadi bu'aadha. jedhan.















