MM Abiy: 'Siyaasni shiraa jira garuu kan injifannuu ta'uun mirkanneessu barbaada'

MM Dr Abiy Ahimad

Ministirri Mummee Abiy Ahimad gaaffii miseensoota Mana maree Bakka Bu'oota Ummataatiin har'a dhiyaateef deebii kennanii rakkooleen garaa garaa jiraatan illeen Itoophiyaan waggaa tokko dura dhidhiimaa turte ammaa kaatee bishaanirra bololi'aa jirti jedhaniiru.

Waa'ee nageenya Wallaga keessaa

Barri biyyattiin keessatti argamnuufi kan paartileen siyaasaa keenya tokko tokko keessatti argaman wal hin gitu jedhaniiru MM Abiyi.

Rakkina nageenyaa Wallaggatti mudameera jedhameen qaamooleen hidhataniin halleellaan qondaaltoota mootummaa, invastaroota fi qaamoolee adda addaarra gahaa tureera jechuun ibsu.

Kana ammoo haala walitti fufiinsa qabuun attamiin hiikamu qabaata yoo jedhame, haala biyyaaf bu'aa qabaatuun hiikamu qaba jedhaniiru.

Kunis karaa nagaa, fi karaa mariitiin furmaatni akka dhufu hojjachuudha jedhaniiru.

Fakkeenyaaf, raayyan ittisaa haleellaa banee osoo namoota 10 ajjeesee kun nama hin boonsu kan jedhan MM Abiy, gareen inni sunis yoo akkas godhe hiika hin qabu. Obboleessi obbooleessa ajjeesee bu'aan argamu gonkumaa hinjiraatu jedhan.

Haa ta'u malee, biyya tokko keessa mootummaan lamaafi gareen hidhate lama jiraachuu hin danda'us jedhan.

Keessattu biyya sirna dimokiraasiif harka bantee keessatti marii malee waan biraa hinbaasu jedhan.

Kanaan alatti adeemsi jiru nama hin baasu namoota nagaa miidha. Mootumman lama jiraachuu waan hin qabneef mootumman seeraan hundaa'e tarkaanfii fudhachuun isaa dirqama jedhan.

''Gareen nagaan haa hiiknu, mariin barbaada jedhu yoo jiraatee mootummaan ammas gammachuudhaan harka bal'isee simata'', jechuun ibsaniiru.

Haalli amma jiru garuu, mootummaa karaa lamaan rakkoo keessa galchuun dadhabaa taasisuuf yaaluutuu jira jedhan.

Sagaleen tokkoon nageenya kabachiisuuf tarkaanfii fudhachu hindandeenyi kan jedhu yoo ta'u, qaamumti sun karaa biraan tarkaanfii Wallagaatti fudhattaniin miidhaa geessisaa jirtu jechuun motummaa dadhabsiisuuf yaalamaa jira jedhan.

Qaamni ummataa tokkorraa dafaa tarkaanfii fudhadhaa naannicha bilisa taasisaa kan jedhuufi, gara tokkoon ammoo Raayyaa baasaa kan jedhutu jira.

Kunis waldhabdee ummata Amaaraafi Oromoo jiru kan gara kallattii hintaaneetti geessuudha jedhaniiru.

Yeroof kan paartii badhaadhinaa mudate fakkaachu danda'a. Booda garuu kan ummattoota lamaan wal dhabidee cimaa keessa galchu waan ta'eef, qaamooleen kun siyaasa jedhanii xabataa jiran osoo adeemsa ogummaafi yaada naanneeffanaatiin hajjatan gaatii ta'a jedhaniiru.

Haala nageenya waliigala biyyatti

Keessattuu haala siyaasa biyyattii ilaalchisuun deebii keenaniin,''siyaasni shiraa jira, garuu karoora yeroo gabaabaa, kan jiddu galaafi kan yeroo dheeraatiin hojjachuun kan injiffannu ta'u mirkanneessuun barbaada'' jedhaniiru.

Fakkeenyaaf mootummaan duraa networkiiwwan wal xaxaa diriirsuun isaa madda rakkoolee biyyattiin jijjirama duraan keessa turteef kan qaqqabsiise ta'u himan.

Alshabaabiin alatti gareeleen Itoophiyaa kuffisuuf yeroo gaariin amma jedhanii yaadan nageenya hin barbaanne biyya keessatti bal'inaan socho'aa jiru jedhan. Kunis hin milkaahu dhiyeenyatti gabaasa guutuu argattu jedheen yaada jechuun ibsaniiru.

Badiinsi waan hinmudanneef gatiin itti kennamu gadaanaa ta'u danda'a kan jedhan MM Abiy, humni raayyaafi tikaa hojii boonsaa hojjate jedhan.

Kanaafuu furtuu networkii sanaa argachuufi haala ittiin netiworkiin sun diigamu hubachuun mataansaa rakkina akka ture himaniiru.

Haa ta'u malee, tarkaanfii jijjiramaa fudhatameen fakeenyaaf namoonni siyaasaa biyyoota adda addaa keessa turan biyyatti akka deebi'an ta'un alatti miidiyaaleen ugguramanii turan bilisaan akka socho'an taasifamuu yaadachiisan.

Akkasumas seeroota ukkaamsoo tahan akka foyyeeffaman tattaaffiin taasifamu kan himan MM, rakkoolee kanneen hundaaf harka caalaan kan maddee paartii biyya bulchaa ture irraa jedhaniiru.

Kanumaan walitti qabuunis, haala attamiin mootummaan federaalaa naannoolee keessa seenuu akka danda'u ilaalchisee akkasiin kaa'aniiru.

''Mootummaan Federaalaa haala sadiin naannoolee keessa galee hojjechuu danda'a. Isaaniis naannoleen wayita deeggarsa gaafatan, mirgi namoomaa akka malee yoo sarbame fi heerri biyyatti rakkoo hamaa keessa wayita galuudha'' jedhan.

Motummaan federaalaa humnoota walabummaa biyyattiif rakkina ta'an irratti tarkaanfii fudhachuudhas jedhaniiru.

Haleellaa manneen Amantaa

Wayita nuti keessaan wal dhabnu qaamooleen alaa qaawwa akka nutti hinarganne beeku qabna kan jedhan MM, rakkina biyya keessaa keessa walitti bu'iinsa gama amantaa kaasaniiru.

Istaadiyaamii wayita galamu sakkata'un ni jiraata ta'a garuu gareedhaan walitti bu'u jedhamee poolisii dhaabuun waan yaadamuu hinqabne ture. Dhaabbilee amantaas bakka namoonni itti baqataniin dahoo argatan malee bakka rasaasni itti dhoka'u hinturre.

''Haalli haaraan fudhatama hinqabne garuu nu mudataa jira. Manneen amantaa mancaasun, Istaadiyoomii keessatti deeggartoonni garee lamaanii walitti bu'uun, yunivarsiitilee keessatti barataan akka wal ajjeesuun waan biyya keenya keessatti baratame miti'' kan jedhan Dr. Abiy.

Ugguraa barattootaa

Akkasumas uggura barattootaa naannawa Dambi Dollootti mudateen hanga ammaatti qaamni itti gaafatamummaa fudhate hinjiru jedhan.

Ragaalee jiran irraa kan ka'e gara kan uggurame hin jiru yaada jedhuutti siiqnee ture garuu sana gochuun maatii joollee isaa dhabee yaaddoo keessa jiru dararuu waan ta'eef gabaasa kana dhiyeessuu hin feene jedhan.

Akka feenetti dubbachuun rakkoo hamaa waan fiduuf osoo gabaasa guutuu hin qabaatiin dubbachuu waan hin feenef gareen MM itti aanaan hoogganamuu ijaarameera jechuun ibsan.

Sochii cimaa raayyaan ittisaa taasiseenis barataan miidhamee argame tokkolleen hinjiru. Garuu barattoonni essaa akka jiran hinbeekamnee ni jiru jedhaniiru.

Koreen hundeeffammee hojjataa jiraachu himuu, hanga ammaa kanatti namni miidhamee kamu kan hinjirree jiraachuun ibsu barbaada jedhan.

Nuti garuu odeefannoo qulqullaa'aa otoo hin qabaatiin jarjaraan waa jechuu waan hinbarbaadneef hojjataa turre jedhan. Odeeffannoo kennuuf hariifachurra lubbuu baraaruu irratti xiyyeeffachuun hojjachu irratti kan xiyyeeffatan ta'u himan.