Namoonni maatii Wallaggaa qaban haala maatiisaanii hubachuu dhabuun daranuu nu yaaddesse jedhu

Madda suuraa, Miidiyaa Hawaasummaa
Godinaalee Wallaggaa arfan jechuunis Wallaggaa Bahaa, Wallaggaa Lixaa, Qellem Wallaggaa fi Horroo Guduruu Wallaggaa akkasumas kutaalee Oromiyaa gara lixaa keessatti tajaajilli interneetii fi bilbilaa erga ugguramee torban ta'eera.
Erga tajaajilii telekoomii ugguramee maatiidhaan addaan baaneerra kan jedhan namoonni godinaalee kanneen keessaa maatii fi firoota qaban durumaa yaaddoo nageenyaa jirurratti waa'ee maatii keenyaa hubannoo dhabuun ammoo daranuu nu yaaddesseera jedhan.
Magaalaa Finfinnee kan jiraattuu fi sodaa nageenyaaf jecha maqaan akka hin eeramne kan gaafatte maatiin ishee Aanaa Anfilloo magaalaa Muggii keessa akka jiraatan dubbatti.
''Aanaan keenya hidhattoota garaagaraa lamaan kan marfamteedha. Keessattuu magaalaa Muggii iddoo maatiin koo jiraatan keessatti waldhibdee qaamolee nageenyaa mootummaa fi qaamolee hidhatanii socho'an biroo gidduutti uumamuun maatii keenyaaf yeroo mara yaaddofna,'' jetti.
Ammammoo gonkumaa waan maatiin ishee keessa jiran akka hin beekne kan dubbattu jiraattuun magaalaa Finfinnee kun ''Ji'a darbe keessa abbaan koo baay'ee dhukkubsatanii erga na bira dhufanii yaalamanii fooyya'anii booda gara biyyaatti geggeesseera.
Akkuman gaggeessee deebi'een neetwoorkiin bade. Abbaan koo mana ga'uu fi dhiisuu isaa ammallee wantin beeku hin jiru'' jetti.
Godina Qellem Wallaggaa keessaa bakka yeroo hedduu walitti bu'iinsa itti dhalatu Garjeeda iddoo jedhamuu maatii qabaachuu kan dubbattuu fi yeroo ammaa Magaalaa Naayiroobii kan jiraattu namni biraan ammoo ''haala maatiin koo keessa jiranii fi irraa cituu koo wayitan yaadadhu akka waanan hirmii nyaachaa jiruuttan of ilaala'' jetti.
Yaaddoo maatiirraa kan ka'e dhibeef saaxilamtee akka jirtus dubbatti namni kun.
Maatiin isaa Godina Qellem Wallaggaa magaalaa Mandii akka jiraatan kan dubbate jiraataan magaalaa Naayiroobii kan biraan yaaddoo nageenyaarra yeroo baay'ee maatii koo karaa bilbilaas ta'e miidiyaa hawaasummaa baay'een hordofan ture.
Torban kana keessa garuu bilbilli ugguramuun addaan nu fageesseera. Gadda guddaa keesa jirra. Maatiin lubbuun jiraachuu fi dhibuusaanii wanti beeknu hin jiru'' jedha.
Godina Qellem Wallaggaa magaalaa Qaaqee keessaa maatii kan qabu jiraataan magaalaa Finfinnee dubbisne tokko haati isaa isa malee nama biraa akka hin qabne dubbata.
''Harmeen koo ana malee nama biraa ishee gargaaru hin qabdu. Dhukkubaa fi dullumaan qabamtee jirti. Amma haala akkamii keessa akka jirtu hin beeku. Kanarrattimmoo rakkoon nageenyaa akka jiru dhageenya. Yaaddoo guddaa keessa jirra.''
Godinaaleen Wallagga Lixaa komaandi postii jalatti kan bulaa jiran yoo tahu rakkoon nageenyaa erga uumamee bubbuleera.















