Kaayyoon mormii karaa duula tiwiitaraan 'miliyoona hedduu' qaqqabe maali?

Tiwiitarii

Madda suuraa, NurPhoto

Lammiileen Itoophiyaa biyya keesaafi ala jiran sarbama mirga namoomaa Itoophiyaa keessatti raawwatamu jedhan mormuun duula twiitaraaa sa'aa 24'f gaggeessaniin namoota miiliyoona hedduu bira gahuu marsariitiin ergaa tiwiitaraa xiinxalu tokko ibse.

Duula twiitaraa sa'aatii 24'f torban kana keessa Roobii hanga Kamisa halkanii gaggeefame kana irratti haashataagiiwwan lama #300Lives3Months (ji'a sadii keessatti lubbuu 300) fi #ProblmeIsTyrannyNotEthnicity (rakkoon abbaa irrummaadha malee sanyummaa miti) kan jedhan turan.

Marsariitiiwwan ergaa tiwiitaraa xiinxalan keessaa tokko Talkwalker akka jedhutti sa'aatii 24'n darban hashaataagiin #300Lives3Months jedhu namoota twiitara fayyadaman miiliyoona 44.5 bira gaheera.

Namootni kuma 239 ta'an ammoo haashitaagii kana tiwiit gochuun, retiwiit gochuun, jaalachuun ykn yaada irratti kennuun qooda fudhataniiru jedha dhaabbatichi.

Duulli kun qaama duula hidhaa, dararaafi ajjeechaan qaamolee mootummaan raawwatamaa jira jedhan akka dhaabatu gaafatuufi marsaalee hedduun gaggeefamaa kan ture akka ta'e qindeessitoota keessaa tokko kan ta'e ilmi nama siyaasaa Obbo Baqqalaa Garbaa, Saamu'eel Baqqalaa himeera.

Qindeessaa biraan Iyyaaspeed Tasfaayee haashitaagiiwwan lamaan kanaan dabalataan ergaawwan dabalataa kan dabarsan haashitagiiwwan Somaale, Lixa Harargeefi Baha Harargee kan jedhan dabalachuun duulli isaanii twiitiifi re-tiwiitii miiliyoona 1.1 argachuu tiwiitar anaalitiks irraa hubachuu ibseera.

Kaayyoon duula kanaa maali?

Dargaggoo Saamu'eel akka jedhutti kaayyoon duula kanaa sarbama mirga namoomaa Itoophiyaa keessa jira jedhu hawaasni idila addunyaa akka hubatu gochuudha.

Hashtaagiin #300Lives3Months jedhu namoota miiliyona 44.5 biratti dhaqqabuu ragaan dhaabbata Talkwalker ibsa

Madda suuraa, TalkWalker

Ibsa waa'ee suuraa, Hashtaagiin #300Lives3Months jedhu namoota miiliyona 44.5 biratti dhaqqabuu ragaan dhaabbata Talkwalker ibsa

Qindeessitootni duula kanaa ji'oota sadii keessatti naannoolee garaagaraatti namootni 300 harki caalaan qaamolee nageenyaa mootummaan ajjeefamaniiru jechuun mootummaa himatu.

Bakkaafi yeroo ajjeechaawwan kunniin raawwatamaniis galmeessuu himu. Lakkoofsi ibsame Oromiyaa, Somaalee, Sidaamaafi Walaayittaa ta'u Saamu'el BBC'tti himeera.

Haa ta'u malee, kanneen nannolee rogeeyyiin ajjeechaan raawwate jedhanitti hammi namoota lubbuun darbe kan qaamolee dhimmi isaa ilaallatu ibsanirraa haalaan guddaa ta'u BBCn hubateera.

Dabalataan, ajjeechaan ji'oota darban keessa hidhattootaan lammiilee nagaa irratti Benishaangulitti raawwate jedhame rogeeyyiin hin himamne.

Namoota 300 ajjeefaman jedhaman keessaa daa'imman waggaa saddeetiifi sagalii dabalatee hoogganaan amantaa bakka ciisanii jiraniitti ajjefaman akka argaman Iyyaaspeed ni dubbata.

Dabalataan ''maddii rakkoo amma mul'atu sabummaa wajjiin kan walqabate osoo hin taane abbaa irrummaati'' jechuun himata.

Gama kaaniin immoo, qondaaltonni mootummaa qondaaltota siyaasaa dabalatee waldhibdee sabaafi amantii kaasuun himatu.

Iyyaasped naannolee namoonni hedduun itti ajjeefaman keessaa Walaayittaa akka fakkeenyaatti fudhachuun rakkoo jiruuf sabummaa akka sababaatti mootummaan dhiyeessaa akka jirus hima.

Waxabajjii 03 bara 2012 gaaffii naannoo ta'un walqabatee humnoonni nageenyaa hoggantoota Godina Walaayittaa erga to'atanii booda waldhibdee uumameen yoo xiqqaate lubbuun namoota 16 darbuun ni yaadatama.

'Sarbama mirgoota namoomaa hambisuuf goolamni siyaasaa furamuu qaba'

Dhimma sarbama mirga namoomaa, hidhamu, dararamuufi ajjeefamuu namoota nagaa mormitootni dhiyeessan irratti kan dubbifne Komishinarri Komishinii Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa Daani'eel Baqqalaa(PhD) sarbamni mirgaa guddaan biyyattii keessa jiraachuu dubbataniiru.

Hangi isaa akka miidiyaalee hawaasaarratti haasa'amu ta'uu baatuus ragaalee isaan harkaa qabaniin ''sarbamni mirgaa bal'aan, yaaddeessaa ta'e biyyattii keessa jiraachuun isaa beekamaadha'' jedhan Dr. Daani'eel.

Sarbama mirga namoomaa Itoophiyaa keessatti mul'achaa jiruuf maddi isaa ''harki caalaan goolama siyaasaa keenya'' jedhan.

Waldhabdee goolamni siyaasaa hordofiisuun ammoo lubbuun namaa darbuu qamni miidhamuufi qabeenyi barbadaahuun, namni qe'ee isaarraa buqqa'uun mudachuus Dr. Daani'eel BBC'tti dubbataniiru.

Akka aang'aan kun jedhanitti Sarbama mirgoota namoomaa guddaa kan hambisuun kan danda'amu ''goolamni siyaasaa yoo furmaata argatuudha''.

''Mootummaan rakkoo siyaasaaf furmaata siyaasaa akka kennuu gama kaaniin ammoo hojiin seera kabachiisuu haala fooyya'een hojiirra akka oolu dhaamnaa'' jedhan.

Aminastii Intarnaashinaal

Dhaabbanni mirga namoomaaf falmu Aminastii Intanaashinaalis Amajjii bara 2020 irraa eegalee hidhaa fi ajjeechaan naannoolee Itoophiyaa garaagaraatti raawwatamuu gabaasaa akka ture yaadachiisuun, sarbamni mirga namoomaa kun erga ajjeechaa Art. Haacaaluu Hundeessaa boodas jabaatee itti fufeera jedhe.

Damee dhaabbatichaa baha Afrikaatti qorataa kan ta'an obbo Fissahaa Tegeeny, BBC'tti yoo himan Oromiyaafi naannoo Uummatoota kibbaatti adeemsaa nageenya kabachiisuu keessa qaamoleen nageenyaa humna hangaa olii fayyadamuun lubbuun namoota hedduu dabarsaniiru jedhan.

Naannoo akka Beenishaangul Gumuuz keessatti ammoo haleellaa qaamolee hidhataniin lubbuun namoota hedduu darbuu isaaf ragaa qabaachuu fi qorannoo dabalataa gochaa akka jiran himaniiru.

Namoota yakkaa raawwachuun shakkamanii manni murtii mirga wabiin gadhiisee qaamooleen nageenya sababa garaagaraa dhiyeessuun akka hin baane dhorkuu bal'inaan mudachuus ibsan obbo Fissahaan.

Qaamoleen nageenyaa mootummaa hiriirota nagaa bittimsuuf humna hangaa olii fudhachuu isaaniif torban muraasa dura naannoo Oromiyaa Godina Baalee magaala Roobeetti dargaggoon ajjeefame jiraachuu akka ragaattis dhiyeessan.

Mormitootni ji'a sadii keessatti namootni 300 ajjeefamaniiru isa jedhu hordofee ragaa dhaabbatni isaanii qabu gaafannus obbo Fissehaan ammatti ragaan qulqulluu akka hin qabne himaniiru.

''Ta'uus garuu mormi ji'oota dura Harargeetti gaggeefameen yoo xiqqaate namootni 20 ta'an ajjeefamuu godina Walaayittaattis hidhamuu dursitoota gaaffii sadarkaa naannootti ijaaramuu dhiyeessanii hordofee mormii dhalateen yoo xiqaatee namootni 16 qaamolee nageenyaan ajjeefamaniiru'' jedhan.

''Gujii Booranaafi Wallaggaa Lixaatti ajjeechaa raawwatamaa akka turan ragaa qabnaa jedhan. lakkoofsichi dhibba sadii ta'aa kan jedhu garuu ammallee qorannoorra jiraa'' jedhan.

Ajjeechaawwan qaamolee nageenyaa mootummaan raawwataman kanaan dabalataan Naannoo Beenishaangul Gumuuz keessatti hanga ammaatti yoo xiqqaate namootni 60 ta'an qaamolee hidhataniin ajjeefamaniiru, naannoo Ummatoota Kibbaa Beench Maajiittis akkasuma hidhattootni namoota ajjeesanii jedhan.

''Kuni ammoo mootummaan ofii mirga namoomaa kabajuu dhabuu qofa osoo hin taane kabachiisuus akka hin dandeenye agarsiisa'' jedhan.

Mootummaan kabajamuu mirgoota namoomaaf murannoo qabaannaan qaamolee nageenyaa hanga humnaa olii fayyadamuun ajjeechaa raawwatan seeratti dhiyeessee tarkaanfiifudhachuutu irra jiraa jedhan obbo Fissahaan.

'Lubbuun nama tokkooyyuu darbuu hin qabaatu'

Himannaa humnoonni nageenyaa ajjeechaa raawwatan jedhameef deebii argachuuf yaalii taasifneen qaamolee mootummaa dhimmichi kallattiin isaan ilaallatu argachun hin danda'amne.

Haa ta'u malee Dubbii Himaan Paartii Badhaadhinaa, Dr Biqilaa Hurrisaa rakkoon akkanaa jiraannaan qoratamee tarkaanfiin ni fudhatama jedhu.

''Poolisiin akkasumas abbaan alangaa adda baasee kan tarkaanfii seeraan alaa fudhatee lubbuun nama akka darbu taasise yoo jiraate tarkaanfiin fudhatamaa deema. Kana mirkaneessuun barbaada,'' jedhan.

Bakki ajjeechaa raawwate ni hordofama, reeffis adda baheeti kan awwaalamu kan jedhan Dr Biqilaan, qaamoleen nageenyaa wantoota kana keessatti qooda qaban yoo jiraatan ammoo seeraan ni gaafatamu jedhan.

''Kan qooda fudhate poolisiidha yoo ta'e, humnaa ol humna fayyadamee lubbuu dabarsuu keessatti hirmaateera yoo ta'e kan gaafatamu ta'a,'' jedhan.

''Lubbuun nama kamiyyuu seeraan ala darbuu akka hin qabneefi mootummaanis kana qulqulleessaa tarkaanfii fudhachaa akka deemu nan amana. Kanas hojjechaa jira jedheen amana,'' jechuun himu.

Haa ta'u malee, ajjeechaan hidhattootaanis akka dhaqqabu yaadachiisuun eenyunis ta'u lubbuun namaa darbuu hin qabu jechuun himu.

''Guutummaa guutuutti, lubbuu namaa darbuuf eenyudhaanuu haa dabarsu, eessattuu haa adarbu, garuu lubbuun namaa darbuu hin qabu,'' jedhu Dr Biqilaan.