Waa'ee dargaggoo Roobetti ajjeefamee Awwal Abduroo maal beekna?

Dargaggoo Awwal Abdurroo

Madda suuraa, Miidiyaa hawaasaa

Dilbata darbe humnootiin mootummaa godina Baalee magaalaa Roobeetti nama tokko ajjeesuun kan biraa tokko immoo madeessuu isaanii jiraattootni magaalichaa fi anga'oonni BBCtti himaniiru.

Odeeffannoon Hospitaala Rifaraalaa Gobbaa irraa argannes namootni rasaasaan rukutaman lama guyyaa Dilbataa gara hospitaalichaa geeffamanii akka turan agarsiisa.

Maaltu ta'e?

Guyyaa Dilbataa magaalaa Roobee keessatti dargaggoonni lakkoofsaan muraasa ta'an hidhamtoonni siyaasaa haa hiikaman dhaadannoo jedhu dhageesisaa hiriira nagaa bahan.

Viidiyoon gabaabaa marsaalee hawwaasaa irratti qoodamaa jiru, poolisootni humna addaa Oromiyaa fiigaa daandii qaxxaamuruun wayita namoota hiriira bahan dhaqqaban mul'ata.

Sana boodas sagaleen meeshaa waraanaa al sadi yeroo dhuka'u dhagahama.

Taatee guyyaa sanaa kan gaafanne dargaggoon magaala Roobee maqaan isaa akka hin eeramne gaafate, ganama naannoo sa'aa 3:00 dargaggootni muraasni dhaadannoowwan "Jawaar Mahaammad hiikamuu qaba, Baqqalaa Garbaa hiikamuu qaba, ajjeechaan ilmaan Oromoo irraa dhaabbachuu qaba" jedhanii fi kunneen biroo dhageesisuun magaalaa Roobee keessatti hiriira bahuu isaanii hima.

Boodas namootni kun iddoo 'Green Café' jedhamu yeroo gahanitti, miseensootni humna addaa poolisii Oromiyaa duubaan dhufanii dhukaasa itti banuu isaanii dubbata.

Yaaddoo ofii fi lubbuu matii isaaf qaburraa kan ka'e maqaasaa akka hin eerre kan nu gaafate dargaggeessi hiriiricha keessatti hirmaate inni biraan "wayita 'green café' bira geenyu waraanni duubaan kan nu marse agarre" jedha.

"Waraanni dhukaasa jalqabee jennaan ijoolleen ni fiigde. Anillee wayitan utaalee suuqii keessa seenu harkarra kanin dhahamen arge" jechuun BBCtti hime.

Rasaasa humnootii mootummaan harka isa bitaa ciqileedhaa ol akka dhahame kan himu dargaggoon kun inni fi lubbuunsaa kan darbe dargaggoo Awwal Abduroo jalqaba buufata fayyaa magaala Roobee keessatti argamu geeffamuu isaanii hime.

"Sana boodas ambulaansiidhaan gara magaalaa Goobbaa deemne" jedha.

"Isuma wajjin ambulaansii tokko keessa teenyee deemne. Mucaan achi gahee daqiiquma tokko osoo hin turin du'e. Ambulaansii keessatti mucaan aaduu malee waa tokko hin dubbatu ture" jechuun dargaggoon kun hima.

Qondaalli mootummaa maal jedhan?

Kantiibaan magaala Roobee Obbo Gazzaahany Dajanee, "dargaggootni kun yaalii jeequmsaa taasisan. Humni nageenyaas olaantummaa seeraa mirkaneessuuf tarkaanfii fudhateera" jechuun waa'ee taatee Dilbata darbee BBCtti himan.

Namoota muraasa hiriira bahan kunneen irratti mala biraa fayyadamuun dhaabsisuurra dhukaasa banuun hagam sirriidha kan jedhuuf "tarkaanfii fudhatamu kan murteessu humna nageenyaa achi jirudha" jedhan kantiibichi.

Kana malees dhimmichi qoratamaa jiraachuu kan himan Obbo Gazzaahany, sochiin hawaas-diinagdee magaalattii taatee Dilbataa kanaan akka hin miidhamne himaniiru.

Hoospitaala Rifaraalaa Gobbaa…

"Yeroo baay'ee wanti akkanaa rakkoo waan nurratti geessisuuf odeeffannoo ifatti isiniif kennuuf ni rakkanna" kan jedhan hojjetaan Hospitaala Rifaraalaa Gobbaa maqaan isaanii akka dhokfamu gaafatan, dargaggootni lamaan rasaasaan rukkutamanii gara hospitaalichaa deemanii akka turan BBCf mirkaneessaniiru.

Dargaggootni lamaan guyyaa Sanbata guddaa (Dilbata) ganama naannoo sa'aa 4 yookin 5'tti gara hospitaalichaa akka geeffaman kan himan ogeessi kun "lachuu rasaasumaan rukutaman" jedhu.

"Tokko mataarra rukutame, tokko immoo harkarra rukutame. Kan mataan rukutame du'eera," jedhan.

Ajjeechaa dargaggoo Awwal Abduroo ilaalchisee qorannoo reeffaa fi ragaan qaama mootummaaf kennan jiraachuusaa wayita gaafannus "nuyi asitti mirkaneessuu hin dandeenyu waan ta'eef gara hospitaala Phaawuloositti ergina jedhan.

"Kun garuu waan beekamaa waan ta'ef wanti hagas mara qulqulleeffamu waan hin jirreef maatin fudhate" jedhan.

Miira hawaasaa…

Ajjeefamuun dargaggoo Awwal Abduroo hawaasa keessatti miira gaddaa akka uume namootni BBCn haasofsiise himu.

"Qeerroowwan qaxalee mirga ofiitif karaa nagaatin, osoo dhagaa harkaan hin qabatin, osoo meeshaa waraanaa harkatti hin qabatin guyyaa saafaan ajjeesuun kun uummata heddu dallansiisee jira" jechuun jiraataan magaala Roobee BBCti himeera.

Poolisiin Oromiyaas ta'e mootummaan naannoo Oromiyaa amma dura ajjeechaa kanarratti waan jedhan hin qaban.