Mana Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa ajjeechaa abbooti amantii balaaleffate

Madda suuraa, MMII
Manni Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamaa Itoophiyaa ajjeechaa abbootii amantiirratti tibbana raawwate balaaleeffate.
Manni maree ibsa Wiixata baaseen haleellaan masjiidaa fi ajjeechaan abbootii amantaa Islaamaa akka dhaabbatu akkasumas mootummaan akka qoratu fi warra yakkamtoota seeraan akka gaafatu gaafateera.
Torban darbe qondaaltonni paartii mormituu haa hiikaman jechuun kanneen daanditti bahan poolisiitti bu'un yoo xiqqaate lubbuun nama 11 yoo darbu hedduun madaa'aniiru.
Poolisiin hiriirri bu'uura seera hin qabu yoo jedhu, mootummaan hiriira miti 'hookkara qaamolee ala taa'aniin waamamedha' jechuun ibsee ture.
Ibsa manni maree kun gaafa Wiixataa baase kanarratti ajjeechaa Hacaaluu booda badii lubbuu namaafi qabeenyarratti mudaten hedduu isa gaddidiisuu isaa ibse.
Garuu miidhaa qaqqabeen alatti taateewwan mudatan sana bifa gurmaa'ina qabu fakkaatuun walitti bu'insa amantaa fakkeessuufi hokkora dhalate sanaan ajandaa biraa uumuuf sochii taasifamu taajjabe jedheera.
Yaaliin akkasii kun ammoo nagaafi tasgabbii, akkasumas aadaa ummanni wal kabajee waliin jiraachuu haala diiguu danda'uun duulli banamee dhiibbaa uumaa jira jedhe.
Rakkoo uumamee tureen Musliima dabalatee qaama hawaasa hunduu miidhamuun ifa ta'ee osoo jiruu, miidiyaaleen muraasni haleellaa qaama tokko qofarratti fuullefate fakkeessuun gabaasuun gocha ummata qoqqooduun ajandaa dhuunfaa tarkaanfachiisuufi karoora biyyi akka goolamtu taasisuu fakkaata jedha.
Haleellaafi ajjeechaan tibba kana masgiidota, Imaamotaafi hordoftoota irratti guyyootaafi bakkeewwan adda addaatti raawwataman jedhes agarsiiftuu rakkoo kanaa ta'uu ibsuun, gochicha balaaleffateera manni maree kun.
Gochawwan akkas ifatti raawwataman kun miidiyaarratti gabaasuun balaaleffatamuu dhabuun isaanii ammoo hibboodha jedheera ibsa manni maree Islaamummaa baasen.
Halleellaan iddoowwaan waaqeffaannaatti raawwatamaan itti fufuulle ibse.
Haa ta'u malee, lakkoofsaan meeqa akka du'anis ta'e bakka raawwate ifatti ibsarratti hin ibsine.
Mana Marichaa gochoota farra-namoomaa namoota nagaarra gahuu fi badii qabeenyaa akka balaaleeffatu, beektota amantii Islaamaarratti haleellaa qiyyaafatu, iddoowwaan waaqeffannaatti tarkaanfii humnaa akka hin fudhatamne waaamicha dhiyeesse.
Hawaasni muslimaa gocha dubbii barbaacha kanaan otoo hin burjaaja'iin nageenya akka eegurratti hirmaatu Manni Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamaa gaafateera.
Gadab Hasaasaatti maaltu ta'e?
Bakkeewwan torban darbe ajjeechaan raawwate jedhameefi kanneen du'an keessaa tokko nama amantiiti ta'an, imaama, Godina Arsii Lixaa Aanaa Gadab Hasaasaa Magaalaa Hasaasaatti raawwate.
Jiraataan achii dubbisne namoonni afur awwaalamu BBC'tti himee ture. Qondaalli kana mirkaneessu garuu hin argamne.
Pireezidantiin majiliisa Oromiyaa Sheek Haaji Ibraahim maatii sheek Umaar Suleemaan, dhiyeenya Hasaasatti ajjeefamanii jajjabeessuufi sirna gaddaarratti argamuuf Hagayya 15, bara 2012 garasitti imaluusaanii BBC'tti himaniiru.
Mana Sheek Umaar 'rasaasa 20 olitu qorqorroo cicciree seene. Haadha warrasaanii wajjiin rasaasan ajjeefaman' jechuun dubbatan.
Maatiin isaanii namoota ajjeechaa kana raawwatan hidhataa ta'u himu malee, eenyummaasanii hin beekan jechuun BBC'tti himan.
Gocha kanatti gaddineerra jedhan Sheek Haji Ibraahim.
Dhimma ajjeechaa Hasaasatti raawwatame poolisii Oromiyaa waliin haasa'uu isaanii himanii, poolisiinis koree qulqulleessitu dhaabu nutti himaniiru jedhan.
Shaashamanneetti haleellaa Masjiida irratti raawwatameen namoonni biroo lama madaa'u, Kofaleetti ammoo dhukaasa namoota Masjiida keessatti salaatarra turan irratti banamullee namni akka oole odeeffannoo qabaachuu fi dhimmicha qulqulleessaa akka jiran himu Sheek Haajii Ibraahiim.
Harargee Lixaa Baddeessaattis imaamni biraa ajjeeffamu odeeffannoo akka qabaniifi sunillee qulqulla'aa akka jiru himanii uummataaf ibsi kan irratti kennamu ta'uu dubbatan.
Torban darbe Hoogganaan Bulchinsaafi Nageenya Oromiyaa Obbo Jibriil Mohaammad dhimma Hasaasaatti mudate jedhameerratti BBC'n gaafate akkana jedhanii turan.
''Kanarratti yaada lamatu jira. Tokko kan ati amma kaaste [humnoota nageenyaan ajjeefamu]. Yaadni biraa ammoo caasaan nageenyaa yeroo socho'u imaamni kun wayita nama tokko dhahu miseensi kan biraan tarkaanfii irratti fudhate kan jedhuudha.
''Tarkaanfii sanaan innii fi maatiinsaa miidhamaniiru. Caasaan nageenyaa rukutame ammoo madaa'ee hospitaala jira. Kun hundi qulqulleessuu barbaachisa'' jedhan.
Fuulduratti haleellaa iddoowwan Waaqeffannaatti qaqqabuu dubbataman qulqulleessine hawaasatti himna jechuun himan Sheek Hajii Ibraahim.
Torban darbe mormiifi hookkara keessumaa Godina Arsii Lixaafi Harargee Lixaatti raawwaten hammi namoota lubbuu dhabani hanga yoonaa hin beekamne.
Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa humnoonni nageenyaa humna gitaa ol akka hin fayyadamne ibsa baasuun gaafatee ture.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa gama isaatiin 'tarkaanfii madaalawaadha' jechuun ibsuun ni yaadatama.
Obbo Jibriil Mohaammad akka jedhanitti Dodolaatti poolisiin madaa'ee fi kaabineen mootummaa ajjeefameera. Hararitti ammoo loltoota harkaa wayita meeshaa fudhachuuf jedhan tarkaanfiin irratti fudhatame jedhan.
Kanneen mormiif daandiitti baane jedhanimmoo harka qullaa humnoonni tarkaanfii irratti fudhachuu himu.
Erga Ministirri Muummee Abiy Ahimad aangootti dhufanii hookkarri sabaas ta'e amantaa, amantaa kiristaanaas ta'e Islaamaarratti xiyyeeffate fakkaatu yoo mudatu kan duraa miti.















