Biiroon Bulchiinsaafi Nageenyaa Oromiyaa tarkaanfiin fudhatame madaalawaadha jedhe

Maappii Biyyaa

Olaantummaa seeraa kabachiisuuf humnoonni nageenyaa tarkaanfii madaalawaa hin taane fudhachuurraa of qusachuu qabu jechuun ibsa Komishinii Mirga Namoomaa Itoophiyaa baase mootummaan naannoo Oromiyaa mormeera.

Biiroon Bulchiinsaafi Nageenyaa Oromiyaa rakkoo tibbana Oromiyaa keessatti mudate furuuf tarkaanfiin humnootii nageenyaatiin fudhatame madaalawaadha jedheera.

Komishiniin Mirga Namoomaa kun akka jedhutti, kutaalee Oromiyaa kanneen akka Asaasaa, Asaboot, Awwadaay, magaalaa Roobee (Baalee), Ciroo, Dhangaggoo, Dirree Xiyyaaraa, Dodolaa, Galamsoo, Gindhiir, Haramayaa, Harar fi Shaashamannee keessatti lubbuun namaa darbeera.

Lubbuun namaa kan darbe hiriira mormii hooggantoonni siyaasa paartii mormitootaa Oromoo irraa hidhamanii jiran akka gadi dhiifaman gaafatu irratti akka ture ibsa Komishiniin kun.

Mootummaan naannochaa fi federaalaa waliin ta’uun dhimma kana adda baasuuf qorannoo hatattamaa akka eegaluu qabanis dhaameera.

Hoogganaan Biiroo Bulchiinsaafi Nageenyaa Oromiyaa Obbo Jibriil Mahammad, ibsa komishiniin mirga namoomaa Itoophiyaa humni nageenyaa tarkaanfii humnaa olii fudhateera jedhe mormaniiru.

‘’Ibsi komishinichaa dogoggora qaba. Hiriira nagaa waanti jedhamu hin turre. Kan raawwatame hookkara’’ jedhan.

Lammaffaarratti qabxii gabaasi komishinichaa sirrii akka hin taane agarsiisu wayita kaasan, ’’Akka gabaasi kun jedhutti, namoonni hiriira kan ba’an hooggantoota paartilee siyaasaa akka hiikamaniif gaafachuuf. Namni waan hoogganaa paartii ta’eef hidhame hin jiru. Yakkaan shakkamaniiti kan hidhaman,’’ jedhu.

Akka Obbo Jibriil jedhanitti, komishiniin mira namoomaa Itoophiyaa maddi gabaasa isaa feesbuukiidha. Qaamolee dhimmi ilaallatu dubbisee adda hin baafanne jedhan.

Gabaasa tarkaanfiin fudhatame madaalawaa miti jedhus, tarkaanfii madaalawaa hin taane kan fudhatame hanga ammaatti hin beknu jedhan Obbo Jibriil.

Haata’u malee akka fakkeenyaatti hiriira magaalaa Awwadaay irratti nama harka qullaa mormiif ba’e humnoonni nageenyaa isaan biraa rukutanii akka ajjeesan, Gadab Asaasaatti ammoo imaama masjiidaa haadha warraa waliin rukutanii akka ajjeesan odeeffanneerra, tarkaanfiin haala kanaan fudhatamehoo akkamiin madaalawaadha jechuun danda’ama?

‘’Bakka tokko tokkotti hanqinni hin jiru jechuu miti. Ni jiraata. Ammas wanni ququllaa’u ni jiraataadha kana jedhaa jiru. Garuu waan ta’e hunda yoo walitti idaatee ilaalte dhibbeentaa olaanaan tarkaanfii madaalawaadha jechuu dandeenya’’ jechuun deebisan.

Marsaa kana tarkaanfii humnoonni nageenyaa fudhatan keessaa xiqqoo qulqullaa’uu qaba jedhee kaniin yaadu taatee Asaasaatti ta’eedha jedhan Obbo Jibriil.

‘’Kanarratti yaada lamatu jira. Tokko kan ati amma kaaste. Yaadni biraa ammoo caasaan nageenyaa yeroo socho’u imaamni kun wayita nama tokko dhahu miseensi kan biraan tarkaanfii irratti fudhate kan jedhuudha.

''Tarkaanfii sanaan innii fi maatiinsaa miidhamaniiru. Caasaan nageenyaa rukutame ammoo madaa’ee hospitaala jira. Kun hundi qulqulleessuu barbaachisa’’ jedhan.

Obbo Jibriil hanga ammaatti lakkoofsi namoota ajjeefamanii walumaa galatti meeqa ta’u jedhamanii wayita gaafataman,’’hanga yoonaa hin qulqulloofne. Sirriitti qulqulleessuu barbaachisa.

Sababni isaa bara kana kan sitti himamuu fi kan ati argitu garaagarummaa qaba waan ta’eef wayita gurmeessinee jennu isinitti himna’’ jedhan.

Qondaalli kun akka jedhanitti Dodolaatti poolisiin madaa’ee fi kaabinen mootummaa ajjeefameera.

Namni yakka kana raawwate dhaabbadhu wayita jedhamu waan dideef tarkaanfiin fudhatame jedhan.

Hararitti ammoo loltoota harkaa wayita meeshaa fudhachuuf jedhan tarkaanfiin irratti fudhatame jedhan.

Qaama kan raawwatu irratti tarkaanfii hin fudhatamu yoo ta’e olaantummaan seeraas hin jiraatu jedhan Obbo Jibriil.