'Whatsapp' hojimaata iccitii fayyadamtoota isaa eega jedhe hojiirra oolchuufi

Madda suuraa, WhatsApp
Miidiyaan hawaasummaa maamiloota heddu qabaachuun beekamu WhatsApp, qaamoleen ergaa waliif barreessan yoo ergaan sun akka turu hin feene filannoo 'guyyaa torba booda akka badu' jedhurra kaa'uu danda'u jedha.
Filannoon 'ergaa balleessuu' jedhu ergaa barreeffame gam-lachuutiiniyyuu haquuf ni gargaara.
Appilikeeshiniin qabeenya Feesbuukii ta'e, WhatsApp, addunyaarratti maamiloota biliyoona lama qaba.
Akka WhatsApp jedhetti, haala kanaan hojimaatasaa qindeessuun (setting), iccitii haasaa namoota lamaan gidduutti taasifamuu eeguuf faayidaa qaba.
Garuummoo namni ergaa fudhatu sun, ergaa sana suuraa kaasee ykn ammoo kallattummaan gara biraatti dabarsuu yookiin ofiif ol-kaawwachuu akka danda'us himeera WhatsApp.
Fayyadamtoonni WhatsApp filannoo kana xumura ji'a kanaa(Sadaasa) irraa eegaluun dhimma itti ba'uu eegalu.
Yeroo baay'ee namoonni ergaa waliif barreessanii yeroo muraasa booda waan barreessan yaadachuun dhiphatu kan jedhu WhatsApp, amma garuu ergaan yoo baay'ate guyyaa torba qofa turee isa booda balleessuun waan danda'amuuf kun bilisummaa sammuu namaaf kenna jedheera.
Eebla bara 2019 keessa hoogganaan Feesbuukii Maark Zuckerberg, miidiyaalee hawaasummaa hedduu akkaataa icciitii namootaa eeganiin mijeessuuf waadaa seenanii turan.
Filannoowwan ittiin iccitii eeguuf yaadaman keessaa tokko, ergaan tokko akka yeroo muraasaaf turee isa booda balleeffamuu danda'u gochuudha.
Kubbaaniyyaan kun miidiyaalee hawaasummaa isaa, WhatsApp, Instgram fi Feesbuukii walitti qindeessuun, ergaa tokkorratti ergamu kaan akka beekuu fi akka dubbisu gochuun walitti makee tokko gochuuf yaada qaba.
Morkataa Feesbuukii kan ta'e Snapchat durumaanuu qajeeltoo ergaa balleessuu jedhurratti kan hundaa'e ture, Feesbuukiin garuu kana hin qabu ture.














