Iteegee: Appii Kaansarii ittisuuf barattoonni fayyaa Itoophiyaa kalaqan

Beeteel Saamsoon hospitaal Xiqur Anbassaatti barattuu waggaa 5ffaatti

Madda suuraa, Bethel Samson

Beeteel Saamsoon Yunivarsitii Finfinneetti Hospitaala Xiqur Anbassaatti barattuu wallaansa fayyaa waggaa 5ffaati. Beteel waldaa barattoota wallaansa fayyaa keessatti miseensummaan kan hirmaattu yoo ta'u, koree wal hormaata fayyaafi HIV irratti hojjatu tokko daarektarummaan ogganti.

Abbaa ishee oggeessa fayyaa kan ta'aniifi harmeeshee oggeettii injinarii taateerraa kan Magaalaa Finfinneetti dhalattee Beeteel, barnootashe sadarkaa lammaffaa mana barnootaa Naazereetiitti baratte.

Isheefi obboollees ishee akka oggummaa fayyaa barataniif gummaanni maatiisaanii olaanaa ta'u kan himtu Beeteel, wayita mana barnootaa turteetti hojiiwwan dubartoota ilaallataniif xiyyeefannaa akka kennituuf barsiistoota isheerraa gorsa argachu himti.

''Mana barnootaa dubartootaatti barachuun kiyyaaf nama carraa ta'u kiyyaafi hojii jireenya dubartootaa fooyyeessu hojjachu akkan qabaadhu natti himaa turan,'' jetti.

Erga barnoota wallaansa fayyaa eegaltees hojii tola oltummaa ykn barnoota fayyaa ammaayyeessuu yoo ta'u baate ammoo, hojjii fayyaa hawaasaa keessatti hirmaachu akka dandeessuu filannoon dhiyaataniif.

Yeroo sana ture dhimmoota fayyaa daa'immaniifi haadholiin wal qabate irratti hojachuun kan eegale jetti Beetel.

Kanaafuu osoo waa'ee kaansarii gadaameessaafi harmaa irratti hojjatee akka caaluus hubatte.

Yaada kanaafis kan ishee gargaare yo himtu, waldaasaanii keessatti pirojaktiin 'Double Impact'' jedhamu tokko jiraachu himti. Kunis akka waan tokkoon galma lama fiixaan baasuu jechuutti, waa'ee kaansarii yoo barsiifamu, kan harmaafi gadaameessaa walumatti barsiisu jechuudha.

Dhaabbilee garaa garaatti argamuttis attamiin kaansarii harmaa ofiirraa ittisuun akka danda'amu ni barsiifti.

Kaansarii gadameessaas yoo ta'e buufata fayyaa naannootti argamu dhaquun akka ilaalamaniif jajjabeessitti. Hat'u ammoo kanaaf kan deegaru meeshaa afaan biyya keessatiin qophaa'ee argachu hindandeenyee.

Kanarraa ka'uun ture Appiin Iteegee' kan yaadame.

Wayita yaadni kun eegalamuuttis barattoonni wallaansa fayyaa kan akka Meerii Mireessaa, Maahibuub Bagiichoo, Qididsti Alam Sagaddi ishee waliin ta'u himti.

Obbo Biruuk Daarekitaraaf abbaa XCOKA IT Solution

Madda suuraa, Biruk

Hojii tokkoon galama lama

Kaansariinii dhukkubota dadarboo hintaanee keessaa tokko. Addunyaa kanattis kaansarii qoft waggaan lubbuu miliyoona 7.9 akka galaafatu qorannoowwan ni mul'isu.

Biyyoota akka Itoophiyaa guddinarratti argamaniitti namoota ajjeessuun kan dursaan beekaman dhukkuboota dadarboo ta'n illeen, kaansariin baayyee baballataa jira.

Goosoota kaansarii hunda caalaa ammoo kaansariin harmaa baayyee cimaa ta'u qorannoon sadarkaa addunyaatti bara 2018tti gaggeefame tokko ni mul'isa. Namoota kaansarii dhukkubsatan keessaayis kan %25.5 ta'an kaansarii harmaatiin kan qabamaniidha.

Qorannoon Itoophiyaatti gaggeefamee akka mul'iseettis, du'aatii biyyattii guutuutti mudatan keessaa %5.8 kaansariidhaan.

Namoonnis wallaansa barbaacha gara hospitaalaa kan dhufan erga dhukkubicha qaama keessa faca'een booda waan ta'eef, carraan fayyuusaanii gadaanaa ta'u dubbatti Beetel.

Sadarkaa addunyaatti kansariin soombaafi harma dursaan kan eraman yoo ta'u Itoophiyaatti kan harmaafi karra gadaameessaa dursaan eeramu.

Kana maleess irra caalaan namoota kaansariin du'anii dubartoota jedha qorannoon.

Beeteliifi hirriyyoonni ishee, meeshaa waa'ee kaansarii harmaafi karra gadameessaa ittiin barsiifamu qopheessuuf wayita yaadaniitti, filannooleen adda addaa ka'anii akka turan yaadatti.

Osoo bilbila harkaarratti appii qopheessine dubartoonnii appicha fe'achuun itti fayyadamu waan danda'aniif, kan hojjachuuf murteessu himti.

Achiinis appichatti lakkooftuu guyyaa dabaluun dubartoonni ji'a ji'aan akka harmasaanii sakkata'anii yaadachisu taasifamee Appii hojjachuuf murteessan.

Kunis akka hordoffii taasaaniifi yoo mallattoon kaansarii jiraate, attattamaan gara mana yaalaa akka deemaniif akka deegaru himti Beeteel.

fakkii appii Iteegee

Madda suuraa, xoka IT Solutions

Qorannoo midiyalee hawaasaa

Beeteel barattuu oggummaa fayyaa waan taateef yaada maddisiisuu malee appicha hojjachuuf dandeettii akka hinqabne himti.

Kanaafuu dhaabbilee dhimma kanaan isan gargaaru argachuuf midiyaalee hawaasaa qorachuu eegalu himti.

Achiinis Linkedin irratti dhaabbata Zoka IT Solution jedhu, Telegram irratti ammoo Izira Deme argatte. Wayita qaamoolee kanneenitti yaada ishee qooddeettis gammachuun yaadashee simachuun keessummeessa.

Daarektarri Zoka IT Solution Obbo Biruk Birhaane dhaabbata isaanii kan sooftweerii hojjatuufi nageenya ragaarratti leenjii kan kennuu, bilisaan hojjateef.

Obbo Birukis maaliif akka gaaffii Beetel akka simatan yoo himan, wayita ammaa kanatti fayyadamtoonni bilbila harkaa miliyoona 64 jiraachu himuun.

Kanneen keessayis miliyoona 18 kan ta'an ammoo daataa intarneetii kan fayyadaman waan ta'aniif odeeffannoofayyaa haala salphaatti argachu danda'u jedhee waan yaadeefiidha.

Ibsa waa'ee viidiyoo, Maatiwoos dhibee dhalli isaa ittiin du'een namni akka hin duuneef hojjechaa jira

Biyya keenyatti namoonni hedduun bilbila andirooyidii waan fayyadamaniif, isaaniif dursa kennuun hojaachu isaa hima Obbo Biruuk.

Appii kan hojjachuufis qarshii kuma 50 itti baasuun himeera.

Iziraa damee gama isaatiin oggummaa ijaaraatiin kan heebbifame ta'ulleen, dhuunfaasaattii hojiiwwan garaa garaa hojjataa waan tureef, fakkii appii Iteegee irratti attamiin dubartoonni harasaanii kaansarii irraa of eegachu akka qabu agarsiisu hojjachuu danda'e.

Appii kunis ammaatti Google play irratti fe'amee akka argamu kan dubbatti Beeteel, gara fuula duraattis waan fooyyeeffamu qabaatu fooyyeessaa adeemuuf yaada qabaachu himti.

Iziraa Damee

Madda suuraa, Izra deme

Iteegeen maaliif barbaachise?

Dubartiin appicha irratti waraabuun ergaa dabarsituus haala danda'ameen bifaa fi aadaa Itoophiyaa akka calaqisiiftuuf taasisuu Beeteel ni dubbatti.

Gumaatin hirriyoonni ishee Meerii fa'i taasisaniif yaada ishee qabatamaa akka taasiseef himti.

Dubartoonni walitti dhufeenya hawaasummaa adda addaatiin waa'ee fayyaas kaasuun waan mari'ataniif, moggaasni maqaas caalaa hawaasatti akka dhiyaatuu yaadamuu himti.

Iziraa damee jalqaba Iteegee yoo hojjadhu dargaggeetti turte jedha. Booda garuu Beetiin umuriinshee osoo 30ta keessa ta'ee gaariidha yaada jedhu waan naaf kenniteef, bifa amma qabdu argachu hima.

Kanaafis sababiin kaansariin irra caalaa dubartoota umurii 30manii keessatti argaman kan miidhu waan ta'eefiidha jedha.

Akkasumas jalqaba uffata wandaboo shaamaa magariisaafi kophee laasitiikii kaawwattee turte. Booda garuu yaada dhiyaaterratti hundaa'un uffata qamsii itti uwwuusu hima.

Ammaafi appichi afaan Amaaraa qofaan kan dubbatu yoo ta'u waljalaan afaanoota biyyattii biraa akka itti dabalan himti Beeteel.

Obbo Biruuk yaadni isaanii mummeen, namoonni appicha fe'atanii fayyasaanii akka eeggatan taasisuu waan ta'eef, deegarsi yoo argame affanoota biyyattii kan biraatiniis ni hojjanna jedheera.

Appii kana kan hojjannees dirqama lammuummaa keenya bahuuf malee bu'aa irra argatan omtu akka hinjirree hima Obbo Biruuk.

Iziraan gama isaatiin, appii kana kaansariin alattis dhukkuboota biraalleen ittisuu barsiisuuf itti fayyadamuun akka danda'amu yaada.