Ruwaandaan immoo Afirikaatti duula farra kaansarii gadameessaatiin dursaa jirti

Guutummaa addunyaarratti kaansariin fiixee gadameessaa gosawwan kaansarii warra kaan keessaa lubbuu dubartootaa galaafachuun afraffaarra jira.
Dhibeen kun kan ittisuun danda'amu ta'ee osoo jiruu Afirkaatti garuu bakka biroo caalaa kan lubbuu hedduu galaafatudha.
Sochiin si'ataa Ruwaandaan kaansarii fiixee gadameessaa ittisuuf taasisaa jirtu biyyoota Afrikaa birootiif fakkeenya gaarii kanneen biroo irraa baratanidha.
Anjeliinee Usaanaasee jiraattuu Kigaalii magaalaa guddittii Ruwaandaadha. Dubartiin kun otuma fayyaakoon jira seetee yaadduu guyyaa tokko waan yaaddee hin beekne ishee mudate.
Sadaasa bara 2017 keessa ture kan dhiiga paantii isheerratti argite. Umuriin Aadde Anjeliinee ganna 67 waan ta'eef daraaraan ji'aa natti dhufa jettees hin yaaddu ture.
"Gara buufata fayyaa doktoroonni akkan deemee qorannoo kansarii fiixee gadameessaa taasisuuf na gorsanittan deeme.
"Bu'aan qorannoos dhibeen sun akka na qabateeru agarsiisa ture. Akkan ta'un wallaale. Amanees fudhachuu hin dandeenye - ani waanuman du'u natti fakkaatee ture," jetti.
Fakkeenya milkaa'inaa
Aadde Anjeliinee akka jettutti osoo hin turiin hospitaalatti wallaansa argachuun ishee lubbuu ishee bararaareera.
Osoo ar'adha ta'eeti Ruwaandaa keessatti dhibeen kaansarii kun silumaayyu ishee hin qabatu ture. Sababiin isa duula talaalliifi qoratamuu dhibee kaansarii fiixaa gadamessaa biyyattii keessatti jalqabameen milkaa'inni argameeera.
Kaansariin fiixee gadameessaa Afirkaa keessatti gosa kaansarii Afrikaa keessatti beekamu isa lamaffaa yoo ta'u, akka Dhaabbata Fayyaa Addunyaatti garuu dhibee hundaa ol ajjeesuudha.
Vaayirasiin Huumaan Paappiloomaa (HPV), dhukkuba saalqunnamtiin daddarbu dhibee kaansarii fiixee gadameessaa hundumaaf jechuun ni danda'ama.
Lakkoofsi namoota dhibee kanaan du'anii hedduu ta'us, akkasuma ammoo qorichi talaallii bu'a qabeessa ta'e jiraatullee, biyyoota Afirikaa 10 qofaatu talaallii HPV sagantaa sirna talaallii isaanii keessa galfataniiru.
Biyyoota Afirkaa Lixaa keessaa Senegaal qofaatu talaalli kana fudhatee hojiirra oolchaa jira. Biyyoonni biroon akka Naajeeriyaa garuu bifa yaalii qofaan jalqaban malee akka sagantaa talaallii sadarkaa biyyaaleessaatti fudhatanii hojjechaa hin jiran.
Haalli kun gara biyyoota Afirkaa Bahaatti wayya sababiin isaas talaalliin HPV Keeniyaa, Yugaandaa, Tanzaaniyaa, Itoophiyaafi Ruwaandaa keessa waan jiruuf.
Sodaa Toshituu
Ruwaandaan HPV ittisuudhaaf akkasumas dubartoonni dursanii wallaansa dhibee kaansarii fiixee gadameessaa akka taasisaniif bara 2011 keessa duula cimaa jalqabde.
Karoorri duulichaas ijoolleen durbaa dursanii akka talaallamaniifi dubartoonni ammoo qorannoo fiixee gadameessaa akka taasifatan gochuudha.
Sagantaa duula talaalii waggaa duraa keessatti Ruwaandaan, ijoollee durbaa umuriin isaanii talaalliif gahe 10 keessaa sagale geessisuun dandeesseetti. Kun ammoo xiinxaltootaan akka fakkeenyaatti kan ka'aa jirudha.

Madda suuraa, Unicef
Garuu imalli Ruwaanda kunis waanuma danqaa malee hinturree.
Ruwaandaan wayita karoora talaallii eegaluuf jetteetti, hawaasni fayyaa addunyaa maallaqa olaanaa kanarra oolchan osoo dhimma fayyaa daa'imaniitiif olchanii caalaa barbaachisa ture jechuun baayyee haamlee isaan laaffiisan.
Motummaanis kubaaniyaa qorichaa idil addunyaa waliin walta'iinsa uumuun kanaaf fala dhawweera. Kubaaniyichi talaallii waggoota sadaniif kennamee bilisaan dhiyeessaa ture.
Akkasumas danqaalee aadaa hedduutu ture.

Madda suuraa, Getty Images
Ammalleen dubartoonni kaansariin gadaameessaa bu'aa tolchituuti jedhanii amanan waan jiraniif, hakiimaan wallaanamu hin fudhatan,'' jetti Ms Usaanaase.
Dubartoonni gadaameessi keenya yoo baafame godaannisa akka waan qabataniitti yaaduun sodaatu jetti.
Hgaruu wallansi baqaqasanii hodhu dubartoota kaansariin qabamaniif taasifama malee ittisuufi miti.
''Kaansariin gadameessaa biyya Ruwaanda akeessatti kan yeroo baayyee mudatuufi dubartoonni hedduunis wallaansa barbaacha kan dhufan erga sadarkaa cimaarra gahanii booda,'' jedha Jiddugala Biomedikaalii Ruwaandaatti Daarektara Kutaa To'annoo Kaansarii kan ta'an Dr Firaansois Uwinkwindi.

Ilaalcha dogongoraa talaallii ilaalchisee jiru irratti hubannoo cimsuuf motummaanis duula karaa oggantoota hawaasaa, waldaalee, jaarsoolii mandaraa, hojjattoota fayyaa, manneen barnootaa fi midiyaatiin hubannoo cimsuuf yaaleera.
Talaalliin manneen barnootaatti shamarraniif kennameera. Kanneen mana barnootaa hindeemneef ammo manatti kennameefiira.
Aanga'oonni fayyaa dhiyeessitiin talaallii biyyattii guutuutti jiraachuu mirkanneessaniiru.
Duulli jalqabaa hawaasa dakaa keessatti eegalee waggoota saddeetiin booda, amma sagantaa talaallii idilee Ruwaandaa humeera.
Ragaan Ruwaandaa keessatti bu'aa agarsiisu jiraachu baatulleen, biyyoon gara biraa adeemsa walfakkaataa hordofan infekshinii HPV dargaggoota mudachu malu irratti jijjirama olaanaa galmessisaniiru.
Awustiraaliyaan bara 2007'tti ture talaallii ummataa kan eegalte. Garuu dubartoota kaansarii gadameessaatiif qorachuu kan eegalte ammo bara 1991 irraa kaaseeti.
Baayyinni kaansarii gadaameessaa waggaanii yeroo ammaa namoota kuma 100 keesaa mudannoo torba irratti akn argamu yoo ta'u, kunis wallakkaa jiddugala addunyaati.
Bara 2020'tti ammo Awustiraaliyaatti mudannoon kaansarii gadaameessaa waggaatti namoota kuma 100 keessaa gara jahaan gadiitti akka bu'u tilamaamameera.
'Guuyyaan dubartoota sagaliitu du'a'
Ruwaandaan booda, biyyoonni Afriikaa biraas kana hordofaa jiru.
Onkololeessa keessa, motummaan Keeniyaa talaalli HPV daandii sagantaa talaallii biyyattii keessatti akka hammatamu taasisuun, dhaabbilee arjomtoota addunyaa waliin hojachuu eegale.
Motummichi shamarran kuma 800 kan umuriin isaanii 10 ta'e talaaluuf barbaadee ture.
"Keeniyaa keessatti guyyaatti dubartoota sagaliituu kaansariidhaan du'a. Dhukkubicha ittisuuf sochii taasifameen ammo shamarraniifi dubartoonni gurguddoonni akka qorataman taasifamaa jira,'' jetti Hospitaala Yunivarsitii Agaa Khaan Naairoobiitti profesara gadaameessaa kan taate Maarleen Temmeerman.

Madda suuraa, PSCU
Aangawoonni fayyaa addunyaa dhiibbaalee muraasaan alatti waa'ee amansiisummaa isaa labsan illeen namoonni muraasni tallaallii hin amana
''Mucaa kiyyaa kan waggaa 10 talalliif hingeessiine saabbiin waan jedhamu dhagahuufu. Oduu ijoolleen keenya yoo talaallii fudhatan ni laamsha'u ykn hitiituu dhiigaatu mudata jedhutu jira. Talaallii ilaachisee barnoonni argannee tokkoolleen hinjiru,'' jetti Mbonjee Atimaan haatii qarqara magaalaa Mombaasaa jiraattu tokko.
Waldaan Hakiimoota Kaatolikii Keeniyaa (KCDA), garee amantaa yoo ta'u, shamarran daa'immaniif talaallii kennuun hinbarbaachisu jechuun akka dhaabbatuuf waamicha taasise. Talaallii irraa HPV ittisuuf gaa'iila dubartii lamaan oliifi quunnamtii saalaa irraa ofi ittisuu irratti akka hojjataniis gaafate.
Riiwaandaatti yoo deebiinu ammo, karoorri kaansarii gadameessaa to'achuuf yaalii taasifamu cimsuudha.
"Shamarran gurguddoo fi dubartoonni wayita nuti sochii eegaluutti carraa waan hinarganneef jecha, tarsimichi amma dubartoota umuriin waggaa 30 fi 49 years, jidduutti xiyyeeffachuun hojjanna,'' jetti Dr Umwindi.
Durbee Usaanaase amma hubannoo cimsuudhaafi kanneen biro dhukkubicha ittisuuf wallansa akka argatan jajjabeessuuf jechu seenaa kaansarii ishee qoode.
''Ani waanan argeef, warri hafaniif akka duukaa kiyya hordofuun doktara bira dhaquun ilaalamaniif nan jajjabeessa,'' jetti. n.
















