Obbo Wonduu: 'Maatiwoos du'us namoota akkasaa hedduu baraaruun qaba'

Obbo Wonduu Baqqalaa Maatiwoos baatanii haadha warraa isaanii waliin

Madda suuraa, Wonduu Baqqalaa

Hundeessaafi hoogganaan Giddu-gala Wal'aansa Dhibee Kaansarii Maatiwoos Wonduu kan ta'an Obbo Wonduu Baqqalee ilmikoo Maatiwoos dhibee kaansariitiin du'us namoota akkasaa hedduu baraaruun qaba jechuun giddu-galicha akka hundeessan dubbatu.

Dhibeewwan daddarboo hin taane garuummoo hamoo ta'an keessaa dhibeen kaansarii isa tokko.

Addunyaarratti dhibee dhalli namaa ittiin du'u keessaa kaansarii lammaffaarra ture, amma garuu biyyoota guddataa jiran keessatti sadarkaa duraa qabateera jedhu ogeeyyiin fayyaa.

Keessattuu Itoophiyaa keessatti sababa hanqina wal'aansaatiin dhibee kanarraa namoonni fayyuuf carraa hin argatan.

Hanqinni hubannoo, dhabamuun meeshaalee wal'aansaafi rakkoon ogeeyyii fayyaa sababoota namoonni akka dhibee kaansariitiin gaaga'aman godhan keessaa isaan ijoodha.

Rakkoofi gidiraa sababa dhibee kaansariitiin argan irraa kan ka'e namoonni wal'aansa dhibee kanaarratti hojjetaa jiranis hin dhabamne.

Har'aaf hojii Giddu-gala Wal'aansa Dhibee Kaansarii Maatiwoos Wonduu isin biraan geenya.

Hundeessaafi hoogganaa giddu-gala kanaa kan ta'an Obbo Wonduun giddu-galicha hundeessuuf waan isaan kakaase BBC'tti himaniiru.

Seenaa Obbo Wonduu Baqqalaa

Obbo Wonduu Baqqalaa magaalaa Finfinnee keessa jiraatu, hojjetaa humna namaa ta'uun dhaabbilee garaagaraa keessatti hojjetaniiru.

Ijoolleesaanii lamaaniifi haadha warraa isaanii waliin ta'anii jireenya fooyya'aafi gammachuu qabu osoo jiraatanii daa'ima sadaffaa godhachuuf wayita murteessan jiruunsaanii battaluma akka jijjiirame ibsu.

Yeroo kana garuu gara gaariitti malee gara badaatti miti.

''Daa'ima sadaffaa godhachuuf wayita murteessinu magaalaa Finfinnee kutaa bulchiinsaa Booleetti mana ijaarrachuu eegalle. Guyyaa daa'imni keenya Maatiwoos jedhamu dhalate mana keenya isa booletti galle.''

''Intalli kiyya ishee lammaffaan dhalattee waggaa 10ffaasheetti Maatiwoos dhalate. Maatiwoos waliin waggaa lama gammachuudhaan jiraanne.''

Guyyaa dhalootasaa waggaa lammaffaa akkuma kabajnee kaaneen rakkoon Maatiwoos mudate kan jedhan Obbo Wonduun battaluma qabatanii gara Hospitaalaa deemuu dubbatu.

''Jalqaba Hospitaala Qiddus Gabreel geessinee ilaachisne. Doktorri Maatiwoos ilaale Hospitaala Tuqur Anbassaa akka geessinu nu ajaje. Guyyuma sana kutaa daa'imman itti wal'aanaman seenee yaalamuu eegale''

Amannee fudhachuun nutti cime

Maatiwoos Wonduu

Madda suuraa, Wonduu Baqqalaa

Ibsa waa'ee suuraa, Maatiwoos Wonduu, daa'ima waggaa lamaa hospitaalatti

Mucaan isaanii kaansariidhaan qabamuun hafee waa'eedhuma dhibee kanaallee sammuutti yaadanii akka hin beekneefi kaansariirratti hubannoo akka hin qabne kan dubbatan Obbo Wonduun, ilmi isaanii Kaansarii dhiigaatiin qabamuu wayita dahaga'an baay'ee akka rifatan dubbatu.

"Dhugaadha jennee fudhachuuf aniifi haati warraa kiyyaa baay'ee rakkanne. Qorichi, ogeessi hin jiru.

Nutuu hubannoo kaansarii hin qabnu. Dirqama waan ta'eef qoricha biyya alaafi kan biyya keessa jirus bitaa waggaa lamaaf yaalsifne."

Obbo Wonduun mucaansaanii fayyee barumsa seena jedhanii mana barnootaaf haala mijeessaafii akka turanillee dubbatu.

''Akka carraa guyyaa tokko qaamni isaa ho'ee jennaan gara Hospitaala Tuqur Anbassaa wayita geessinu itti hammaateera nuun jedhan.

Wal'aansi waggaa lamaaf argachaa ture dhaabbatee kan biraa haaraa eegaluu akka qabu nutti himan. Wal'aansi jedhame kunimmoo biyya keessa hin jiru'' jedhan.

Mucaa isaanii wal'aanuutti erga humni isaanii laafee booda qabeenyi isaan harkaa qaban mana isaanii qofa waan tureef gurguranii yaalsisuuf wayita ogeeyyii fayyaa mariisisan kun furmaata akka hin taane natti himan jedhu Obbo Wonduun.

''Maatiwoos biyya alaatti yaalamuu akka qabu natti himan. Innis Ameerikaa qofa.

Dhaabbati Wal'aansa dhibee kaansarii Ameerikaa tokko itti gaafatamummaasaa nan fudha jedhe.''

Ameerikaatti yaalsisuuf carraa haa argataniyyuu malee garuu ammas haaldureewwan guutuu qaban dhiphina biraa akka itti fide dubbatu Obbo Wonduun.

''Sadarkaa kanarratti wal'aansa 'Chemotherapy' osoo hin taane dhuka lafee keessaa bakka buusuufii akka barbaachisu natti himan.

Eenyutu arjoomuufii danda'a kan jedhuuf ammoo wal'aansa kan biraan eegale.

Isa booda maatii koo hunda qabadheen gara Naayiroobiitti ka'e.

Haakiimni tokko yoo achiis dhabdewoo naan jedhe.

Dhugumayyuu wayitan iyyaafadhu yaaliin akkasii kan jiru Afriikaa keessaa biyya Masirii fi Afriikaa Kibbaa qofa.''

''Dhaabbati Wal'aansa Dhibee Kaansarii Ameerikaa kun dhiiga maatii keenya hundaa waraabnee akka erginuuf nu ajaje.

Wayita dhiiga erginu ilmi koo hangafaa arjoomuufii akka danda'u adda baasan.

Maatiwoos akka haaraatti wayita wal'aansa eegalu seelonni isaa hedduu waan dadhabanii turaniif dhiiga afaanii fi funyaaniin baasuu eegale.''

''Of ajjeesuuf yeroon itti murteesse ture''

Maatiwoos Wonduu

Madda suuraa, Wonduu Baqqalaa

Miidhaa Maatiwoos irra ga'aa jiru taa'anii ilaaluu caalaa wanti nama gubu hin turre kan jedhan Obbo Wonduun yeroo sanatti du'uu filadheen ture jedhan.

''Lubbuunsaa du'arraa baraaramuu akka hin dandeenye wayita barru doktarri deemsa Ameerikaa naaf mijeessaa tures akkan obsee dhiisu natti hime.

Hin dogoggorin. Ilma kee kana wayita duutu malee hin argitu. Amma harka waaqaa galeera naan jedhe.

Haala kanaan boqotee bakkuma mana jireeenyaa keenya Boole Mikaa'elitti awwaalame'' jechuun haala ture ibsan Obbo Wonduun.

Hundeeffama Giddu-gala Wal'aansaa Dhibee Kaansarii Maatiwoos Wonduu

Erga maatiwoos boqotee namoota akka maatiwoos hedduu maaliif hin baraarru jennee dhaabbata kana hundeessuuf dirqamne jedhu Obbo Wonduun.

''Mooraa mana jireenyaa kiyya keessatti Giddu gala Wal'aansa Dhibee Kaansarii hundeessine. An hojii mootummaa dhiiseen guutummaatti gara hojii kanaatti seene.''

Giddu galli kun erga hundeeffamee wagga 15 yoo ta'u yeroo ammaa dhukkubsattoonni 360 ta'an dhaabbiidhaan giddu gala kanaatti wal'aanamaa jiru jedhan.

''Giddu galli kun bara 2004 hundaa'ullee sirriitti tajaajila kennuu kan eegale bara 2010 irraa eegaleeti.

Ergasii hanga ammaatti namoonni kaansariin qabaman 1800 caalan maatii isaanii waliin giddu gala kanatti tajaajilamaniiru.

Lakkoofsa tajaajilamtootaa dabaluuf humna dhabneerra. Nama tokko tajaajiluuf hanga birrii 100,000 nu barbaachisa. ''

''Sireen dhukkubsattoonni irra ciisan 24 tu jiru. Kutaalee biyyattii garaagaraa irraa wayita dhufanii fi deebi'an gatii geejjibaa ni kaffallaaf.

Gatii qorichaa fi tajaajila laaboraatoorii ni kenninaaf. Hospitaala yoo ciisan ammoo ji'aan birrii 500 kaffallaaf. Ayyaanota hundaa isaan waliin kabajna.'' jedhan Obbo Wonduun.

Gosa kaansarii hundarrattiyyuu akka hojjetan kan dubbatan Obbo wonduun keessattuu daa'immanii fi dubartoota irratti xiyyeeffatanii akka hojjetan dubbatu.

''Daa'imman kaansarii gosa kamiyyuu qaban ni tajaajilla. Dubartoota ammoo kaansarii fi gadameessaa warra qaban tajaajilla.

Yeroodhaaf kaansarii gosa biroof tajaajila wal'aansaa kennuuf humni keenya nu daangesseera.''

Dabalataan ammoo ittisa tamboo fi dhibeewwan daddarboo hin taanerratti akka hojjetanis ibsaniiru.

''Yeroo ammaa hojjettoota dhaabbii 24 qabna. Miseensota 1400 qabna. Tola ooltota nu gargaaran naannoo nama 500 qabna.

Biyya alaarraas namoota nu gargaaran qabna. Amma mooraa tokko ji'aan birrii kuma 50n kireeffannee hojjetaa jirra.''

Hammeenya kaansariifi wal'aansa isaa Itoophiyaa keessatti

Ibsa waa'ee viidiyoo, Maatiwoos dhibee dhalli isaa ittiin du'een namni akka hin duuneef hojjechaa jira

Namni wayita maqaa kaansarii dhaga'u hedduu rifata kan jedhan Obbo Wonduun dhibee kana akka abaarsa waaqaatti fudhachuun sirrii miti jedhu.

''Biyya keenya keessatti kaansarii akka abaarsa waaqaatti ilaalu. Dhibee irraa hin fayyine godhanii fudhatu.

Kun sirrii miti. Biyyoonni meeshaalee wal'aansaa guutuu qaban kaansariirraa fayyanii wayita jiraatan argeera.

Biyya keenyatti hanqinni wal'aansaa waan jiruuf namni dhibee kanarraa hin hafu.

Kanaaf abdii kutata. Ilaalcha kaansarii irratti qabnutu rakkoo qaba''

Itoophiyaa keessatti namoonni 60,000 caalan waggaatti dhibee kaansariitiin ni qabamu kan jedhan Obbo Wonduun kanneen osoo hin yaalamin du'anis hedduudha jedhu.

''Nuti hanga humna keenyaa hojjetaa jirra. Hubannoon hawaasaa akka cimu gochaa jirra.

Garuu asitti tajaajila barbaachisu kennuun bu'aa hin qabu. Tuqur Anbassaa deemanii wal'aansa hin argatan taanaan bu'aa maalii qaba. Meeshaa wal'aansaa fi qoricha argachuun baay'ee ulfaataadha.''

''Dhibeen kaansarii hiyyeessa qofa kan miidhu osoo hin taane isa harkaa qabullee ni hiyyoomsa. Kanaafuu deggersa kennuufii feesisa''

Kaansariis ta'e dhibeewwan daddarboo hin taane dhaabbileen miti mootummaa qofti to'achuu hin danda'an, xiyyeeffannoo mootummaas barbaada.

''Nuti namoota gargaaruu qofa osoo hin taane ogummaadhaanis mootummaa deggaraa jirra. Nama leenjisne tokko waggaa sadii fi ji'a kudhaniif Ministeera Fayyaatiif kenninee yeroo jalqabaaf ittisa kaansari irratti karoorri ba'ee akka hojjetamu gooneerra. Saba kanaan yeroo ammaa magaalota akka Gondar, Baahardaar, Maqalee, Hawaasaa keessatti giddu galli wal'aansa kaansarii hundaa'ee hojjetamaa jira. Maashiniin carallaa,chemotherapy, jedhamu hedduun bitamaniiru. As keessatti ga'ee keenya gumaachuu akka milkaa'ina guddaa tokkooti ilaalla''

Wal'aansaa fi Ittisa dhibee kaansarii daa'immanii irratti karoorri xiyyeeffatu ba'ee akka hojiirra ooluufis ga'ee keenya baaneerra.

Abbaa Taayitaa Soorataa fi Qorichaa Itoophiyaa waliin ta'uun seera tamboo fi dhugaatii alkoolii irratti dhiyeenya ba'e keessattis qooda fudhanneerra.

Biyyoota addunyaarratti beekamuu qofa osoo hin taane badhaasa hedduu argachuu kan dubbatan Obbo Wonduun biyya keessatti hagas beekamuu dhabuun hojii keenyarratti dhiibbaa uumeera jedhan.

Obbo Wonduun Itoophiyaa keessatti giddu galli Wal'aansa dhibee kaansarii fi dhibeewwan daddarboo hin taanee guddaan hundaa'ee dhukkubsataa hiyyeessa ta'e bilisaan, kan harkaa qabummoo maallaqasaatiin akka yaalamu gochuuf hawwii fi fedhii akka qaban dubbatu.

''Uummanni keenya dhibee kaansarii irratti hubannoo ga'aa argatee of irraa ittisuun jireenya akka jiraatu arguun fedha.''